Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Aannan Haadhaa

Aannan Haadhaa

 Kitaabni deessistootaaf qophaaʼe tokko, ‘aannan daaʼimmaniif akka taʼutti qophaaʼu kamiyyuu kan haadhaa wajjin akka wal hin ginne’ ibseera. Sababiiwwan aannan haadhaa daaʼimaaf baayʼee gaarii itti taʼe keessaa tokko, qaamni haadhaa aannan sana akka daaʼima sanaaf taʼutti waan jijjiiruufi.

 Mee Yaadi: Aannan haadhaa yeroo daaʼimni hodhuu jalqabuu kaasee ni jijijjiirama. Aannan yeroo mucichi hodhuu jalqabu baʼu pirootiinii, vaayitaaminii, albuudotaa fi bishaan baayʼee kan qabu yommuu taʼu, inni boodarra dhufummoo cooma hedduu waan qabaatuuf mucichi akka quufu godha. Aannan haadhaa umurii daaʼimaa fi yeroo isaarratti hundaaʼeellee ni jijijjiirama.

 Baayʼinni hormoonii aannan haadhaa keessatti argamuu fi Meelaatooniin jedhamuu galgala galgala ni dabala; hormoononni kaan immoo guyyaa guyyaa dabalu. Kanaaf hormoononni kun yeroo isaa irratti hundaaʼuudhaan daaʼimni sun akka rafu ykn akka dammaqu godhu; haala kanaan daaʼimni sun yeroo itti rafuu fi yeroo itti dammaquu qabu bara.

 Daaʼimni erga dhalatee booda harmi haadhaa guyyoota muraasaaf aannan bifa keelloo qabuu fi silga jedhamu maddisiisa. Silgi salphaatti waan daakamuu fi albuudota hedduu waan of keessaa qabuuf, xinnoon isaallee garaa daaʼimaa keessatti yommuu cophu baayʼee isa fayyada. Silgi keemikaalota farra dhibee hedduu waan of keessaa qabuuf daaʼima sana dhibee adda addaa irraa eega. Dabalataanis, daaʼima sanaaf akka qoricha garaatti tajaajiluudhaan balfi garaa isaa keessaa salphaatti akka baʼu godha.

 Aannan haadhaa akka barbaachisummaa isaatti hamma isaa waan dabaluuf, haadholiin ijoollee lakkuu daʼanillee ‘harmi koo aannan lamaan isaaniitiif gaʼu baasuu ni dandaʼaa laata?’ jedhanii yaaddaʼuu hin qaban.

 Maal sitti fakkaata? Aannan haadhaa inni wantoota hedduu of keessaa qabu jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?