Uumamni Maal Nu Barsiisa?
Uumamni Maal Nu Barsiisa?
“Mee horiiwwan gaafadhu, isaan si barsiisu; simbirroota samiis gaafadhu, isaan sitti himu. Yookiin lafaaf xiyyeeffannaa kenni, ishiin si barsiisti; qurxummiiwwan galaanaas dhugaa isaa sitti himu.”—IYYOOB 12:7, 8.
WAGGOOTA dhihoodhaa asitti saayintistoonnii fi mahaandisoonni kallattiidhaan biqiltootaa fi bineeldota irraa barataniiru. Carraaqqii wantoota hahhaaraa uumuu fi meeshaalee hojii irra jiran fooyyessuuf akka isaan gargaaruuf, diizaayinii uumamawwanii qoʼachaa fi fakkeessanii hojjechaa jiru. Qorannoon kun baayoo mimeetiksii (biomimetics) jedhama. Fakkeenyota armaan gadii yommuu ilaaltutti, ‘Diizaayinota kanaaf beekamtii argachuu kan qabu eenyu dha?’ jedhii of gaafadhu.
Qoochoo Qurxummii Weel Jedhamu Irraa Barachuu
Mahaandisoonni xiyyaara hojjetan haambaak isa gosa qurxummii weel taʼe irraa maal barachuu dandaʼu? Wantoota hedduu barachuu dandaʼu. Haambaakiin gaʼeessi tokko gara kiilogiraama 30,000 ulfaata. Kana jechuun konkolaataa feʼumsaa miʼa guutuu feʼee wajjin qixxee dha jechuu dha; akkasumas qaama hin dadachaanee fi harka dheeraa qoochoo fakkaatu qaba. Qurxummiin meetira 12 dheeratu kun saffisa guddaadhaan bishaan daakuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, haambaak uumamawwan galaanaa ykn qurxummii qabatee nyaachuu yommuu barbaadu hoomacha uumuudhaan dhaabbatee isaanitti marsee daaka. Hoomachi diyaameetirri isaa meetira 1.5 hin caallee fi akka kiyyootti tajaajilu uumamawwan isaa ol jiran hunda walitti qaba. Achiis salphaatti isaan nyaata.
Keessumaa wanti qorattoota baayʼee dinqisiise qurxummiin akka garaa isaa dadachaʼuu hin dandeenye kun geengoo xinnoo keessatti daakuu dandaʼuu isaa ti. Qurxummii weel jedhamu kana gochuu kan dandaʼe boca qoochoon isaa qabuun kan kaʼe akka taʼe bira gaʼaniiru. Fiixeen qoochoo isaa inni fuulduraa akka qoochoo xiyyaaraa diriiraa utuu hin taʼin jajalʼaa dha.
Qurxummichi bishaanicha keessa saffisaan yommuu deemu qoochoowwan jajalʼaa taʼan sun dhiibbaa bishaanichaa hirʼisuudhaan saffisaan gara fuulduraatti akka darbatamu humna isaaf kennu. Kun kan taʼu akkamitti? Barruun Natural History jedhamu akka ibsetti yommuu saffisaan ol baʼutti wantoonni jajalʼoon qoochoo isaa irra jiran yeroo asii ol utaaluttis bishaan fuuldura isaa jiru saffisa guddaadhaan bifa geengoo uumee akka darbu isa dandeessisu. Fiixeen qoochoo isaa diriiraa utuu taʼee, bishaan qoochoo isaa bira darbu danbaliin akka uumamu waan godhuuf salphaatti asii ol baʼuu hin dandaʼu ture.
Maarree argannoon kun faayidaa guddaa akkamii argamsiisa? Qoochoon xiyyaaraa haala kanaan hojjetame, qoochoowwan hedduu ykn meeshaaleen kallattii qilleensa jijjiiran kan biroon isa hin barbaachisan. Qoochoowwan akkasii amansiisoo fi suphuuf salphaa kan taʼani dha. Haayyuun baayoo makaanksii Joon Loongi jedhaman, “gaaf tokko xiyyaarri hundi qoochoo jajalʼaa akka qurxummii haambaak jedhamuu qabaachuun isaanii hin oolu’ jedhaniiru.
Qoochoo Allaattii Siigaal Jedhamu Fakkeessanii Hojjechuu
Amma iyyuu qoochoon xiyyaaraa kan hojjetame qoochoo allaattiiwwanii fakkeessuudhaan akka taʼe beekamaa dha. Haa taʼu malee, mahaandisoonni yeroo dhihoodhaa asitti kana caalaatti fooyyessanii hojjetaniiru. Akka barruun New Scientist jedhamu gabaasetti, “Qorattoonni Yunivarsiitii Filooriidaa xiyyaara nama isa oofu utuu hin qabaatin akka allaattii siigaal qilleensa irra dhaabbachuu, gad furguggifamuu fi saffisaan asii ol baʼuu dandaʼu hojjetaniiru.”
Allaattiin siigaal sochii dinqisiisaa kana qilleensa irratti gochuu kan dandaʼe buusaawwan qoochoo isaa irra jiran adda addaa dadachaasuudhaani. Barruun sun akka jedhetti, “xiyyaarri yaalii seentimeetira 61 dheeratuu fi mootora xiqqoo sibiilawwan qoochoo isaa irra jiran toʼatu qabu” diizaayinii qoochoo siigaal akka garaa isaa dadachaʼu fakkeessuudhaan kan hojjetame dha. Qoochoowwan ogummaa guddaadhaan hojjetaman kun xiyyaarri xinnoon kun gamoowwan guguddaa gidduu dhaabbachuu fi asii gad buʼuuf ishii dandeessisa. Humni Qilleensa irraa Yunaayitid Isteetis xiyyaara akka garaa isaa gaggaragalu kana magaalota guguddaa keessaa meeshaalee keemikaalaa ykn baayooloojikaalaa sakattaʼee argachuuf itti fayyadamuu barbaada.
Miila Gosa Lootuu Geekkoo Jedhamtu Fakkeessanii Hojjechuu
Bineeldonni lafa irra jiraatanis wanta nu barsiisan hedduu qabu. Fakkeenyaaf, gosti lootuu xiqqoo geekkoo jedhamtu girgiddaa irra ol baʼuu fi koornisii irra gad garagaltee deemuu dandeessi. Uumamni kun bara duriittis dandeettii ishii kanaan beekamti turte. (Fakkeenya 30:28) Gosti lootuu geekkoo jedhamtu kun harkisa lafaa akka dandamattu kan ishii gargaare maali dha?
Lootuun kun wantoota akka daawitii diriiroo taʼanitti akka maxxantu kan ishii dandeessise, wantoota akka dabbasaa qaqalloo miila ishii irra jiranii fi seetaa jedhamani dha. Miilli ishii haphee maddisiisu hin qabu. Kanaa mannaa, harkisa molokiyulootaan uumamuu fi baayʼee xinnoo taʼeen fayyadamti. Molokiyooliin wantoota lamaan irratti argaman humna dadhabaa gidduu isaanii jiruu fi vaan dar Waalis jedhamuun wal qabatu. Yeroo baayʼee, humni kun harkisa lafaa irraa baayʼee xiqqoo dha; harka keenya girgiddaatti maxxansinee ol baʼuu kan hin dandeenye kanaafi. Haa taʼu malee, wantoonni akka dabbasaa miila lootuu irra jiranii fi seetaa jedhaman balʼinni faana ishii inni girgiddaatti maxxanu akka balʼatu godha; humni Vaan dar Waalis seetaawwan kumaan lakkaaʼamanii fi miila lootuu irra jiraniin yommuu baayʼifamu humna lootuuwwan warra baayʼee hin ulfaanne baachuuf dandeessisu argamsiisa.
Argannoon kun faayidaa akkamii argamsiisa? Huccuun miila lootuutti fakkeeffamee hojjetame bakka Velkiroo wal qabsiistuu taʼee tajaajiluu dandaʼa; Velkiroonis uumama irraa ilaalamee kan hojjetame dha. * Barruun The Economist jedhamu “huccuun dabbasaa akka miila lootuu irra jiru fakkeeffamee hojjetame, keessumaa yeroo yaalii fayyaatiif wal qabsiistuuwwan keemikaalaa fayyadamuun hin dandaʼamnetti faayidaa guddaa qabachuu akka dandaʼu” ibseera.
Wantoota Kana Hundaaf Beekamtii Argachuu kan Qabu Eenyu?
Gama biraatiin Naasaan (National Aeronautics and Space Administration) akka jedhetti roobootii akka torbaan qabaatti deemuu fi miila hedduu qabu hojjetamaa jira; mahaandisoonni Fiinlaandi immoo tiraaktara miila jaʼa qabuu fi akkuma ilbiisota guguddaa gufuuwwan irra ejjetee darbuu dandaʼu hojjetaniiru. Qorattoonni kaan immoo uffatawwan akkuma firii gaattiraa qilleensi isaa hoʼaa yommuu taʼu kan banamanii fi yeroo jiidhinni jiraatu immoo cufaman hojjetaniiru. Warshaan konkolaataa oomishu tokko konkolaataa gosa qurxummii booksifiish jedhamu fakkaatuu fi dhiibbaa qilleensaa darbee deemu hojjechaa jira. Qorattoonni kaan immoo uumamawwan bishaan keessaa abaaloonii jedhaman dandeettii sochiiwwan hirʼisaa itti dhufan fakkeessuudhaan, meeshaa salphaa fi cimaa rasaasni keessa hin baane hojjechuuf yaalii gochaa jiru.
Yaadawwan gaggaarii uumamawwan irraa argaman hedduu waan taʼaniif, qorattoonni odeeffannoo wantoota jiraatoo kumaan lakkaaʼaman qabate qopheessuu dandaʼaniiru. Barruun The Economist jedhamu akka ibsetti saayintistoonni “rakkina diizaayinoota isaanii wajjin wal qabateef uumama irraa furmaata” argachuuf odeeffannoo kana qoruu dandaʼu. Akkaataan uumamawwan itti hojjetanii fi odeeffannoo kana keessatti ibsaman uumama irraa kan fudhataman ykn “biological patents” jedhamu. Akkuma beekamu namni abbaa qabeenyummaa kalaqaa taʼu, nama ykn kaampaanii yaada ykn meeshaa haaraa tokko seeraan galmeessise dha. Barruun The Economist jedhamu waaʼee odeeffannoo abbaa qabeenyummaa sassaabuu yommuu ibsu, “qorattoonni tooftaa uumama fakkeessanii hojjechuu ‘biological patents’ jedhanii yommuu waaman, wanta sana kan kalaqe uumama akka taʼe ibsuu isaanii ti” jedha.
Maarree uumamni yaadawwan dinqisiisoo kana maddisiisuu kan dandaʼe akkamitti? Qorattoonni hedduun diizaayiniiwwan dinqisiisoo uumama keessatti mulʼatan, buʼaa jijjiirama tirannaa waggoota miliyoonaan lakkaaʼamuuf argameen akka taʼe godhanii dubbatu. Qorattoonni kaan immoo, hubannaa warra kaan irraa adda taʼe qabu. Maayikiroo baayooloojistiin Maayiik Biihii jedhaman bara 2005tti barruu The New York Times jedhamu irratti akkana jedhanii barreessaniiru: “Diizaayinii dinqisiisaan [uumama keessatti] mulʼatu yaada falmii namni hundi salphaatti nama amansiisuu dandaʼu kaasa: wanti tokko daakkiyyee kan fakkaatu, akka daakkiyyeetti kan deemuu fi akka daakkiyyeetti kan iyyu yoo taʼe, ragaa quubsaan daakkiyyee akka hin taane ibsu hamma hin argamnetti daakkiyyee dha jennee amanuuf dirqamna.” Maarree namni kun maal hubatan? “Diizaayiniin tokko baramaa waan taʼeef akkuma waan salphaatti bira darbamuu hin qabu.”
Mahaandisiin qoochoon xiyyaaraa karaa amansiisaa fi siʼaayina qabuun akka balaliʼuuf diizaayinii baase tokko, dhamaatii isaatiif beekamtiin isaaf kennamuu akka qabu beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, namni diizaayinii faashaa ykn uffata mijataa ykn konkolaataa bobaʼaa qusatu hojjechuuf gargaaru kalaqe hojii isaatiif beekamtii argachuun isaaf mala. Inumaa iyyuu, kaampaaniin nama diizaayinii sana baaseef beekamtii utuu hin kennin ykn heyyama utuu hin gaafatin, argannoo sana fakkeessee hojjete seeraan itti gaafatama.
Qorattoonni leenjii guddaa qabanii fi rakkina mahaandisummaa isaanii irratti isaan mudate furuuf diizaayinii uumamaa hamma tokkos taʼu fakkeessanii hojjetan, qaamni diizaayinii isa jalqabaa hojjete dandeettii yaaduu kan hin qabne akka taʼee fi uumamni jijjiirama tirannaatiin kan argame dha jechuun isaanii sirrii sitti fakkaataa? Fakkeessanii hojjechuuf beekumsi guddaan erga barbaachisee, diizaayinii isa jalqabaa hojjechuuf beekumsi kana caalu kan barbaachisu sitti hin fakkaatuu? Caalaatti beekamtii argachuu kan qabu eenyu? Nama fakkii isa jalqabaa kaase moo nama tooftaa fakkiin sun itti kaafamu baratee fakkii sana fakkeessee kaase dha?
Xumura Sirrii
Namoonni ilaalcha gaarii qaban hedduun diizaayinii dinqisiisaa uumama irratti mulʼatu erga ilaalanii booda akkuma faarfatichi akkana jedhee barreesse isaanitti dhagaʼameera: “Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! Hunda isaanii ogummaadhaan tolchite. Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti.” (Faarfannaa 104:24) Phaawulos inni barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼes yaaduma wal fakkaatu dubbateera. Akkana jedhee barreesseera: “Amalawwan [Waaqayyoo] warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, humna isaa isa bara baraa fi Waaqummaa isaa wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.”—Roomaa 1:19, 20.
Haa taʼu malee, namoonni garaa qajeelaa qabanii fi Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja qaban, akkasumas Waaqayyotti amanan hedduun Waaqayyo wantoota dinqisiisoo addunyaa keessatti argaman kan uume jijjiirama tirannaatti fayyadamee taʼuu hin oolu jedhanii falmu taʼa. Maarree Kitaabni Qulqulluun kana ilaalchisee maal barsiisa?
[Miiljalee]
^ key. 15 Velkiroon wantoota akka kiyyootti wal qabsiisuuf gargaaruu fi sanyii biqiltuu maxxannee irra jiru ilaaluudhaan kan hojjetame dha.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi]
Uumamni yaadawwan dinqisiisoo kana maddisiisuu kan dandaʼe akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi]
Qaamni abbaa qabeenyummaa uumamaa taʼe eenyu dha?
[Saanduqa/Fakkii]
Fakkeessanii hojjechuuf beekumsi guddaan erga barbaachisee, diizaayinii isa jalqabaa hojjechuuf beekumsi kana caalu kan barbaachisu sitti hin fakkaatuu?
Miilli geekkoo hin xuraaʼu, ashaaraa hin dhiisu, wantoota Teefloon itti dibame yoo taʼuu baate wanta kam irratti iyyuu salphaatti maxxanuu fi irraa kaʼuu dandaʼa. Qorattoonni kana fakkeessanii hojjechuuf yaalii gochaa jiru
Xiyyaarri akka garaa isaa gaggaragalu kun qoochoo allaattii siigaal jedhamu fakkeeffamee kan hojjetame dha
Diizaayinii dinqisiisaan gosa qurxummii booksifiish jedhamu qabu, diizaayinii konkolaataa dhiibbaa qilleensaa salphaatti dandamatee deemuu dandaʼu hojjechuuf gargaareera
[Madda]
Xiyyaara: Kristen Bartlett/ University of Florida; miila geekkoo: Breck P. Kent; qurxummii booksifiish jedhamuu fi konkolaataa: Mercedes-Benz USA
[Saanduqa/Fakkii]
Imaltoota Uumamaan Ogeeyyii Taʼan
Uumamawwan hedduun bakki isaanii utuu isaan jalaa hin badin bakka kan biraatti imaluuf ogummaa uumamaan argatan qabu. (Fakkeenya 30:24, 25) Mee fakkeenyawwan lama haa ilaallu.
◼ Toʼannaa Tiraafiikii Goondaa Goondaawwan nyaata isaanii barbaaddachuu deeman karaan isaanii utuu jalaa hin badin gara manʼee isaanitti kan deebiʼan akkamitti? Qorattoonni Yunaayitid Kiingidam uumamawwan kunneen foolii isaanii akka faana isaaniitti dhiisanii akka darbanii fi yeroo tokko tokko karaa salphaatti gara mana isaaniitti deebiʼan hojjechuuf jiʼoomeetiriitti akka fayyadaman bira gaʼaniiru. Fakkeenyaaf, barruun New Scientist jedhamu akka gabaasetti gosni goondaa faaroo jedhaman “manʼee isaanii keessaa yommuu baʼan daandiiwwan garaa garaa digirii 50 hanga 60tti jajalʼatan hordofanii deemuu dandaʼu.” Maarree kun wanta nama dinqisiisu maalii qaba? Goondaan tokko gara manʼee ishiitti yommuu deebitu karaa jalʼatu bira yommuu geessu karaa hamma tokko jalʼatu sana hordoftee deemuudhaan manʼee ishii bira geessi. Barreeffamumti kun “karaan akka baallaa jalʼatu jiraachuun isaa, goondaawwan kallattii lamaan rakkina tokko malee akka deeman kan isaan gargaaru taʼuu isaa irra iyyuu yeroo karaa irraa jalʼatanii balleessan baayʼee isaaniif hirʼisa” jedha.
◼ Koompaasii Simbirrootaa Simbirroonni hedduun haala qilleensaa hunda keessatti karaa fagoo deemanii utuu hin jalʼatin bakka yaadan gaʼu. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Qorattoonni simbirroonni dandeettii dirree maagineetawaa addaan baasuu akka qaban bira gaʼaniiru. Haa taʼu malee, barruun Science jedhamu akka gabaasetti “sararri dirree maagineetawaa bakkaa bakkatti garaa gara taʼuu waan dandaʼuuf yeroo hunda kallattii kaabaa argisiisuu dhiisuu dandaʼa.” Maarree simbirroonni bakkaa bakkatti deeman kallattii isaanii irraa akka hin jalʼanne wanti isaan gargaaru maali dha? Simbirroonni yeroo hundumaa galgala galgala koompaasii keessa isaanii jiru kallattii aduun lixxutti sirreeffatu. Kallattii aduun itti lixxu akkuma jiʼa isaa fi akkuma fageenyi naannoon sun sarara mudhii lafaa irra jirutti garaa gara waan taʼeef, barruun Science akka gabaasetti qorattoonni simbirroonni sun “saʼaatii uumamaa jiʼootaa fi yeroo waggaa sanaa isaanitti himutti” fayyadamanii jijjiirama sana sirreessu jedhanii yaadu.
Goondaan beekumsa jiʼoomeetirii akka qabaattu kan taasise eenyu dha? Simbirroonni koompaasii, saʼaatii uumamaa fi sammuu hiika odeeffannoowwan kun qaban hubatu akka qabaatan taasise eenyu dha? Jijjiirama tirannaa dandeettii yaaduu tokko illee hin qabne moo Uumaa dandeettii yaaduu qabu dha?
[Madda]
© E.J.H. Robinson 2004
[Saanduqa/Fakkii]
Jijjiirama Tirannaa Jechuun Maal Jechuu Dha?
Jechi Afaan Ingiliffaa “iivooluushin” jedhuu fi jijjiirama tirannaa jedhamee hiikame “jijjiirama kallattii taʼe tokkoon adeemsifamu” jechuu dha. Haa taʼu malee, jechi kun hiikkaawwan garaa garaa qaba. Fakkeenyaaf, jijjiirama guddaa wantoonni jiraatoo hin taane, kanneen akka hawaa taasisan argisiisa. Kana malees, jechi kun wantoonni jiraatoo taʼan, jechuunis biqiltoonnii fi bineeldonni jijjiirama naannoo isaanii wajjin wal baruuf taasisan argisiisa. Haa taʼu male, jechi kun yeroo baayʼee yaada jireenyi keemikaalota jiraatoo hin taane irraa akka argame ibsu argisiisuufis itti hojjetama; akka yaada kanaatti keemikaalonni kunneen seeliiwwan dandeettii wal horuu qaban argamsiisanii gara uumamawwan baayʼee wal xaxoo taʼanitti fooyyaʼaa deeman; dhuma irrattis namni uumamawwan hundumaa caalaa dandeettii yaaduu qabu ni argame. Mata duree kana keessatti jechi “jijjiirama tirannaa” jedhu kan itti hojjetame hiikkaa isa sadaffaa kana irratti hundaaʼuudhaani.