Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dogoggoraaf Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

Dogoggoraaf Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

Doonii fi Maargaareet * intalli isaanii fi maatiin ishii dhufanii waan isaan gaafataniif gammadaniiru. Maargaareet soorama kan baatee fi ogummaa nyaata qopheessuu kan qabdu siʼa taʼu, yeroo dhuma irratti gargar baʼuuf jedhan nyaata ilmaan intala ishii lamaan jaallatan mokoroonii fi chiizii isaaniif qopheessite.

Hundi isaanii nyaachuuf taaʼanii utuu jiranii Maargaareet nyaata isa adda duree taʼe fiddee minjaala walakkaa keesse. Achiis qadaada isaa yommuu irraa bantu disticha keessa chiizii hoʼaa taʼe qofatu jiraachuun isaa ishii naasise! Maargaareet nyaata adda duree taʼe sana keessatti mokoroonii dabaluu irraanfattee turte! *

Muuxannoon ykn umuriin keenya maal iyyuu yoo taʼe, hundi keenya dogoggora ni raawwanna. Utuu hin yaadin waa dubbachuu ykn yeroo sirrii hin taanetti waa raawwachuu ykn wanta tokko irraanfachuu taʼuu dandaʼa. Dogoggorri kan raawwatamu maaliifi? Dogoggora yommuu raawwannu maal gochuu dandeenya? Akka hin raawwatamne gochuu ni dandeenyaa? Dogoggoraaf ilaalcha sirrii qabaachuun keenya deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf nu gargaara.

ILAALCHA WAAQAYYO DOGOGGORAAF QABUU FI NUTI QABNU

Wanta tokko akka gaariitti yommuu hojjennu, galataa fi beekamtii akka nuuf malu yaannu sana gammachuudhaan ni fudhanna. Yommuu dogoggora raawwannu, utuu hin beekin ykn warri kaan utuu hin argin yoo taʼe illee, itti gaafatamummaa keenya fudhachuu hin qabnuu? Kana gochuun gad of qabuu gaafata.

Ofii keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kan kenninu yoo taʼe, dogoggora keenya salphisnee ilaaluu, nama kan biratti qabachuu ykn wanta sana hojjechuu keenya illee haaluu dandeenya. Ilaalchi akkasii yeroo baayʼee miidhaa geessisa. Rakkinichi furmaata utuu hin argatin itti fufuu, akkasumas namoonni kaan balleessaa utuu hin qabaatin komatamuu dandaʼu. Amma dogoggora keenya namoota kaanitti qabannee yoo jalaa baanne illee, oolee bulee garuu, ‘hundi keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii akka kenninu’ yaadatti qabachuu qabna.—Roomaa 14:12.

Waaqayyo dogoggoraaf ilaalcha sirrii qaba. Kitaaba Faarfannaa keessatti Waaqayyo “ooʼa-qabeessaa fi araara-qabeessa” akka taʼe ibsameera; akkasumas “Inni si’a hundumaa dubbii gad hin kotaʼu, bara baraanis akka dheekkametti hin hafu!” jedhameera. Namoonni mudaa akka qabanii fi cubbuu dhaalanii akka dhalatan ni beeka; ‘biyyoo taʼuu keenya waan yaadatuufis’ dadhabina keenya nuuf ni hubata.—Faarfannaa 103:8, 9, 14.

Hunda caalaa immoo akkuma abbaa ooʼa qabeessa tokkootti, Waaqayyo nuti ijoolleen isaa dogoggoraaf ilaalcha akka isaa akka qabaannu barbaada. (Faarfannaa 130:3) Yeroo ofii keenya dogoggora raawwannus taʼe yeroo warri kaan raawwatan nu gargaaruuf, Dubbii isaa keessatti gorsaa fi qajeelfama hedduu nuuf kenneera.

KARAAWWAN DOGOGGORAAF FURMAATA ITTI KENNINU

Namni tokko dogoggora yommuu raawwatu yeroo baayʼee, namoota kaan komachuu ykn wanta dubbatame ykn raawwatame sanaaf sababa dhiheessuudhaan yeroo fi humna hedduu balleessa. Kanaa mannaa, dubbii keetiin nama tokko yoo mufachiiste, salphaadhumatti dhiifama gaafattee, wanta sana sirreessuudhaan michummaan keessan akka itti fufu maaliif hin gootu? Dogoggora tokko raawwachuudhaan ofii kee ykn nama kan biraa dhiphistee beektaa? Ofii keetti aaruu ykn warra kaan komachuu mannaa, dhimma sana sirreessuuf wanta siif dandaʼame hunda maaliif hin gootu? Dogoggorri sun bakka kan biraa irraa madde jettee cichuun kee, utuu hin barbaachisin dhiphinni akka itti fufu gochuu fi rakkinichi akka itti caalu gochuu dandaʼa. Kana gochuu mannaa, irraa baradhu, sirreessi, akkasumas wanta godhamuu qabu raawwadhu.

Yeroo namni tokko dogoggora raawwatu wanti sun sirrii akka hin taane balaaleffachuun salphaa dha. Gorsa Yesuus Kiristoos, “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hunda, isinis akkanuma isaaniif godhaa” jechuudhaan kenne hordofuun hunda caalaa gaarii mitii! (Maatewos 7:12) Wanta xinnoo yoo taʼe illee yommuu dogoggora raawwattu, warri kaan akka siif ooʼan ykn dogoggora kee guutummaatti akka siif dhiisan akka barbaaddu hin shakkisiisu. Kanaaf warra kaanittis gaarummaa akkasii argisiisuuf maaliif hin yaaltu?—Efesoon 4:32.

SEERAWWAN BUʼUURAA DOGOGGORA HIRʼISUUF GARGAARAN

Galmeen jechootaa tokko dogoggorri, “Murtoo sirrii hin taane gochuu, beekumsa gaʼaa dhabuu ykn xiyyeeffannaa dhabuu” irraa akka maddu ibseera. Namni hundi yeroo tokko tokko amala olitti ibsaman kana keessaa tokko ykn isaa ol argisiisuu akka dandaʼu amanuu qabna. Taʼus seerawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yoo hojii irra oolchine dogoggorri ni xiqqaata.

Seerawwan akkasii keessaa tokko Fakkeenya 18:13 irratti kan argamu siʼa taʼu, caqasichi, “Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa” jedha. Eeyyee, wanta tokko yeroo muraasa fudhattee dhaggeeffachuu fi deebii kennitu irratti yaaduun kee, dogoggora akka hin dubbanne ykn miiraan kakaatee deebii akka hin kennine si eega. Beekumsi xiyyeeffannaa kennuudhaan argamu murtoo sirrii hin taane gochuu fi dogoggora irraa fagaachuuf murteessaa dha.

Seerri Kitaaba Qulqulluu kan biraan immoo, “Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa” isa jedhu dha. (Roomaa 12:18) Nagaa fi walii galtee uumuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Namoota kaanii wajjin yommuu hojjettu, namaaf yaadi, kabaja qabaadhu akkasumas isaan galateeffachuu fi jajjabeessuuf carraaqqii godhi. Haalli akkanaa kan jiru yoo taʼe, dubbii ykn gocha utuu itti hin yaadamin dubbatame ykn raawwatame tokkoof salphaatti dhiifama gochuun ykn bira darbuun ni dandaʼama, rakkoowwan cimaanis furmaata argachuu ni dandaʼu.

Dogoggorri sun muuxannoo barumsa irraa argachuu dandeessu akka siif taʼu godhi. Wanta dubbatte ykn hojjette tokkoof sababii dhiheessuu mannaa, kana carraa amalawwan gaggaarii itti horattu godhii ilaali. Tarii caalaatti obsa qabaachuu, gaarummaa argisiisuu ykn of qabuun si barbaachisaa laata? Garraamummaa, nagaa fi jaalala hoo qabdaa? (Galaatiyaa 5:22, 23) Yoo xinnaate, yeroo itti aanu maal gochuu akka hin qabne barachuu dandeessa. Nama itti gaafatamummaan itti hin dhagaʼamne utuu hin taʼin, garmalee of ceephaʼuu irraa fagaadhu. Salphisanii ilaaluun dhiphina hirʼisuuf gargaarsa guddaa gochuu dandaʼa.

ILAALCHA SIRRII QABAACHUUDHAAN FAAYIDAA ARGACHUU

Dogoggoraaf ilaalcha sirrii qabaachuun keenya yeroo haalawwan kun uumamanitti karaa sirrii taʼeen, furmaata kennuuf nu gargaara. Ofii keenyaas taʼe namoota kaanii wajjin caalaatti nagaa qabaanna. Dogoggora keenya irraa barachuuf carraaqqii yoo goone, ogeeyyii fi caalaatti kan jaallatamnu taana. Garmalee abdii hin kutannu, gatii akka hin qabne goonees of hin yaannu. Namoonni kaanis dogoggora isaanii sirreessuuf yaalaa akka jiran beekuun keenya, caalaatti akka isaanitti dhihaannu nu godha. Hunda caalaa immoo, jaalala argisiisuu irratti fakkeenya Waaqayyoo hordofuu fi tola dhiifama gochuu barachuu ni dandeenya.—Qolosaayis 3:13.

Dogoggorri Maargaareet ishiin jalqaba irratti ibsamte hojjette, maatichi yeroo gaarii akka waliin hin dabarsine godhee turee? Matumaa. Hundi isaanii keessumaa immoo Maargaareet haala sanatti kolfuudhaan, nyaata sana mokoroonii malee nyaatanii gammadaniiru! Waggoottan sana booda jiranitti, ijoolleen lamaan sun, seenaa hin irraanfatamne kana ijoollee isaanitti himuudhaan yaadannoo akkoo isaanii nama kolfisiisu kanatti gammaduu isaanii itti fufaniiru. Kana malees, kun dogoggora malee homaa miti!

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 3 Mokoroonii fi chiiziin nyaata mokoroonii paastaa affeelamee ittoon ciizii itti makame irraa qophaaʼu dha.