Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII DUBBISTOOTAA . . .

Kiristiyaanonni Ayyaana Qillee Kabajuu Qabuu?

Kiristiyaanonni Ayyaana Qillee Kabajuu Qabuu?

Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Ayyaanni Qillee guyyaa Yesuus Kiristoos itti dhalate dha jedhanii amanu. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa warri Yesuusitti dhihaatan ayyaana qillee kabajuu fi dhiisuu isaanii mirkaneessiteettaa? Kitaabni Qulqulluun waaʼee guyyaa dhalootaa maal akka jedhu beektaa? Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuun keenya, Kiristiyaanonni ayyaana qillee kabajuu akka qabanii fi akka hin qabne beekuuf nu gargaara.

Tokkoffaa, Kitaabni Qulqulluun, guyyaan dhalootaa Yesuusis taʼe kan namoota amanamoo Waaqayyoon waaqeffatan kan biroo akka kabajame waan dubbatu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun guyyaa dhalootaa isaanii kan kabajan namoota lama qofa akka taʼan ibsa. Lamaan isaanii iyyuu Yihowaa isa Waaqa Kitaaba Qulqulluu taʼe kan hin waaqeffanne taʼuu isaanii irra iyyuu, guyyaa dhalootaa isaanii yeroo kabajanitti wanti hamaan raawwatameera. (Uumama 40:20; Maarqos 6:21) Akka Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan jedhutti, Kiristiyaanonni durii, “guyyaa dhalootaa kabajuu isa aadaa namoota Waaqayyoon hin beeknee taʼe” ni mormu turan.

Yesuus guyyaa kam dhalate?

Kitaabni Qulqulluun guyyaa Yesuus itti dhalate hin ibsu. Maakliintookii fi Istiroongi Saayikilooppiidiyaan “Guyyaa dhaloota Kiristoos Kakuu Haaraa irraas taʼe, madda kan biraa irraa mirkaneessuun hin dandaʼamu” jedhaniiru. Yesuus duuka buutonni isaa guyyaa dhalootaa isaa akka kabajan dhuguma ni barbaada utuu taʼee, guyyaa dhalootaa isaa akka isaan beekan ni godha ture.

Lammaffaa, Kitaabni Qulqulluun Yesuus ykn barattoota isaa keessaa tokko illee ayyaana qillee akka kabaje hin ibsu. Akka Niwuu Kaatolik Insaayikilooppiidiyaan jedhutti, ayyaana qillee kabajuun jalqaba kan ibsame, “Kaalaandarii barreessaa lammii Roomaa Fiilookaalus jedhamu isa Dh.K.B. bara 336 akka barreeffame yaadamu keessatti dha.” Kunis erga Kitaabni Qulqulluun barreeffamee dhumee fi erga Kiristoos lafa irra jiraatee jaarraa hedduu booda akka taʼe ifa dha. Kanaafuu, Maakliintookii fi Istiroongi “ayyaana qillee kabajuun Waaqayyo kan ajaje ykn Kakuu Haaraa keessaa kan madde miti” jedhaniiru. *

Yesuus barattoonni isaa ayyaana isa kam akka kabajan ajaje?

Yesuus Barsiisaa Guddicha waan taʼeef, wanta duuka buutonni isaa gochuu qaban ilaalchisee qajeelfama ifaa isaaniif kenneera, kunis Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffameera. Haa taʼu malee, ayyaana qillee kabajuun isaan keessaa tokko miti. Akkuma barsiisaan tokko barattoonni isaa qajeelfama isaaniif kennamee ol akka hin darbine barbaadu, Yesuusis duuka buutonni isaa ‘wantoota barreeffaman irra akka darban’ hin barbaadu.—1 Qorontos 4:6.

Karaa biraa immoo, ayyaanni barbaachisaan Kiristiyaanonni durii kabajan, jechuunis Ayyaanni Yaadannoo duʼa Yesuus jira. Yesuus ayyaana kana yoom kabajuu akka qabanii fi akkamitti kabajuu akka qaban barattoota isaatti argisiisee ture. Qajeelfamni adda taʼe kunii fi guyyaan duʼa isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffameera.—Luqaas 22:19; 1 Qorontos 11:25.

Akkuma olitti ilaalle ayyaanni qillee ayyaana guyyaa dhalootaa taʼus, Kiristiyaanonni durii aadaa namoota Waaqayyoon hin beeknee kana hin hordofne. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Yesuusis taʼe namni kan biraan kam iyyuu ayyaana qillee akka kabaje hin ibsu. Dhugaawwan kana irratti hundaaʼuun Kiristiyaanonni addunyaa maratti argaman ayyaana qillee kabajuu akka hin qabne murteessaniiru.

^ key. 6 Madda Ayyaana Qillee ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 2014 mata duree “Gaaffii Dubbistootaa . . . Ayyaana Qillee Ilaalchisee Dhugaan Jiru Maali Dha?” jedhu (Amaariffa) www.pr418.com/am irraa ilaali.