Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuurri Waaqayyoo Hafuura Keenyaa Wajjin Walii Galee Dhugaa In Baʼa

Hafuurri Waaqayyoo Hafuura Keenyaa Wajjin Walii Galee Dhugaa In Baʼa

“Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo taʼuu keenya dhugaa in baʼa.”—ROM. 8:16.

FAARFANNAA: 5, 14

1-3. Wantoonni guyyaa Phenxeqosteetti raawwatamanii fi guyyaa kana adda godhan maal faʼi? Wantoonni kun raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu kan godhan hoo akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

YEROON isaa Dilbata ganama gara saʼaatii 3 ture. Dilbatni kun namoota Yerusaalem keessa turaniif adda ture. Guyyaan kun guyyaa ayyaanaa ture; akkasumas sanbata ture. Aarsaawwan yeroo hunda ganama ganama mana qulqullummaa keessatti dhihaatan dhiheeffamanii akka turan beekamaa dha. Angafni lubootaa daabboo midhaan haaraa raacitiidhaan tolfame lama kennaa sochoofamu godhee dhiheessuuf yommuu qophaaʼu bakki sun gammachuudhaan guutame. (Lew. 23:15-20) Aarsaan kun haamaan qamadii jalqabamuu isaa kan argisiisu dha. Waggaan isaa Dh.K.B. bara 33, guyyaan isaa immoo guyyaa Phenxeqostee ture.

2 Wantoonni kun hundi naannoo mana qulqullummaatti raawwatamaa kan turan taʼus, wanti kana caalaa barbaachisaa taʼe tokko mana qulqullummaa keessatti utuu hin taʼin, fooqii magaalaa sana keessa jiru tokko keessatti raawwatamuuf jedha ture. Kiristiyaanonni gara 120 taʼan walitti qabamuudhaan, “kadhataaf of kennanii turan.” (HoE. 1:13-15) Wanti isaan irratti raawwatamuuf jedhu, wanta angafni lubootaa yeroo hunda guyyaa Phenxeqosteetti raawwachaa turee wajjin walitti dhufeenya qaba; akkasumas raajiin Yoʼel gara waggaa 800 dura dubbate akka raawwatamu kan godhu ture. (Yoe. 2:28-32; HoE. 2:16-21) Wanta iddoo guddaa qabu akkamiitu raawwatamuuf jedha laata?

3 Hojii Ergamootaa 2:2-4 dubbisi. Hafuurri qulqulluun tuuta Kiristiyaanotaa fooqii irratti walitti qabaman sana irratti dhangalaʼe. (HoE. 1:8) Isaanis wantoota dinqisiisoo arganii fi dhagaʼan ilaalchisee raajii dubbachuu ykn dhugaa baʼuu jalqaban. Phexros ergamaan namoota hedduu yeruma sana walitti qabamaniif wanti raawwatame kun maaliif barbaachisaa akka taʼe isaaniif ibse. Achiis namoota isa dhaggeeffachaa turan sanaan, “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu” jedhe. Walumaa galatti namoonni gara 3,000 taʼan afeerraa guyyaa sana isaaniif dhihaate fudhatanii cuuphamuudhaan, hafuura qulqulluu isa abdachiifame sana argataniiru.—HoE. 2:37, 38, 41.

4. (a) Wanta guyyaa Phenxeqosteetti raawwatameef xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi? (b) Waggoota hedduu dura guyyaa kanatti wanti iddoo guddaa qabu kan biraan akkamii raawwatamaa tureera? (Odeeffannoo dabalataa ilaali.)

4 Ayyaanni Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33⁠tti kabajame nuuf iddoo guddaa kan qabu maaliifi? Wanta mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti raawwatameen kan kaʼe miti. Kanaa mannaa, Yesus Kiristos inni Angafa Lubootaa isa guddaa taʼe wantoota raajiidhaan dubbataman sana waan raawwateefi. [1] Angafni lubootaa guyyaa sanatti daabboo akka fakkeenyaatti tajaajilu lama Yihowaadhaaf dhiheessa ture. Daabboowwan raacitiidhaan tolfamanii fi mana qulqullummaa keessatti dhiheeffaman sun, bartoota ilmaan Waaqayyoo akka taʼaniif ilmaan namootaa cubbamoo taʼan keessaa fudhatamanii dibaman argisiisu. Kanaan kan kaʼes, warra ilmaan namootaa keessaa “firii jalqabaa” taʼuudhaan dhuma irratti gara samii dhaqanii fi Mootummaa ilmaan namootaa warra ajajamoo taʼaniif eebba hangana hin jedhamne argamsiisu keessatti dabalaman tokko tokkoof karaan ni baname. (Yaq. 1:18; 1 Phe. 2:9) Kanaafuu, abdiin keenya Yesusii wajjin samii irra jiraachuus taʼe, lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu, wantoonni guyyaa sanatti raawwataman jireenya keenya irratti dhiibbaa guddaa geessisu.

NAMNI TOKKO KAN DIBAMU AKKAMITTI?

5. Namoonni dibaman hundi kan dibaman haala wal fakkaatuun akka hin taane akkamitti beekna?

5 Ati bartoota wanti akka arraba ibiddaa mataa isaanii irra taaʼee mulʼate sana keessaa tokko utuu taatee, guyyaa sana matumaa hin irraanfattu turte. Keessumaa kennaa dinqiidhaan afaan hin beekneen dubbachuu argatteetta utuu taʼee, hafuura qulqulluudhaan dibamuu kee matumaa hin shakkitu turte. (HoE. 2:6-12) Haa taʼu malee, namoonni hafuura qulqulluudhaan dibaman hundi, akkuma bartoota jalqabaa warra 120 taʼan sanaa haala dinqii taʼeen dibamanii? Lakki. Namoonni guyyaa sanatti Yerusaalem keessa turan kaan kan dibaman yeroo cuuphamanitti ture. (HoE. 2:38) Wantoonni akka arraba ibiddaa mataa isaanii irra hin teenye. Kana malees, Kiristiyaanonni dibamoon hundi kan dibaman yeroo cuuphamanitti hin turre. Warri Samaariyaa hafuura qulqulluudhaan kan dibaman, erga cuuphamanii yeroo muraasa booda ture. (HoE. 8:14-17) Kana irraa haala adda taʼeen immoo, Qorneelewosii fi maatiin isaa hafuura qulqulluudhaan kan dibaman utuu hin cuuphamin dura ture.—HoE. 10:44-48.

6. Dibamtoonni hundi maal fudhataniiru? Kun hoo dhiibbaa kan isaan irratti godhu akkamitti?

6 Kanaafuu, hundi isaanii kan dibaman haala wal fakkaatuun hin turre. Namoonni tokko tokko waamamuu isaanii yeruma sana kan hubatan siʼa taʼu, warri kaan immoo suutuma suuta hubatu turan. Haa taʼu malee, akkaataan isaan itti dibaman maali iyyuu yoo taʼe, hundi isaanii wanta Phaawulos ergamaan, “Isin warri dhageessanii itti amantan, hafuura qulqulluu isa abdachiifameen mallatteeffamtaniittu. Hafuurri qulqulluun immoo . . . wanta nuyi argachuuf jirruuf qabdii keenya” jechuudhaan ibse qabu. (Efe. 1:13, 14) Hojiin addaa hafuurri qulqulluun hojjetu kun wanta dhufuuf jiruuf akka kaffaltii dursee raawwatametti ykn akka qabdiitti ilaalama. Kiristiyaanni dibame tokko qabdii fudhate kanaan kan kaʼe akka dibame keessi isaa isa amansiisa.—2 Qorontos 1:21, 22; 5:5 dubbisi.

7. Kiristiyaanni dibame kam iyyuu badhaasa isaa isa samii argachuuf maal gochuu qaba?

7 Kiristiyaanni qabdii kana fudhate tokko, gara fuulduraatti gara samii akka dhaqu isaaf mirkaneeffameera jechuu dhaa? Lakki. Namni kun akka afeerame mirkanaaʼaa dha. Haa taʼu malee, dhuma irratti badhaasa samii argachuu fi dhiisuun isaa waamamuu isaatiif amanamaa taʼee jiraachuu isaa irratti kan hundaaʼe dha. Phexros dhimma kana akkana jechuudhaan ibseera: “Kanaafis obboloota ko, waamamuu keessanitti, foʼamuu keessanittis jabaachuudhaaf caalchisaa dhimmaa! Kana yoo gootan matumaa hin kuftan. Akkasitti mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa Yesus Kristos isa bara baraa sanatti galuun isiniif in kennama.” (2 Phe. 1:10, 11) Kanaafuu, Kiristiyaanni dibame kam iyyuu amanamaa taʼee jiraachuuf walʼaansoo gochuu qaba. Amanamaa taʼuu baannaan garuu, waamamuun ykn afeeramuun isaa isaaf gatii hin qabaatu.—Ibr. 3:1; Mul. 2:10.

NAMNI TOKKO DIBAMUU ISAA AKKAMITTI BEEKA?

8, 9. (a) Namoonni hedduun akkaataa namni tokko itti dibamu hubachuun kan isaanitti ulfaatu maaliifi? (b) Namni tokko gara samii dhaquuf akka afeerame akkamitti beeka?

8 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran hedduun akkaataa namni tokko itti dibamu hubachuun isaanitti ulfaachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, kun taʼuun isaas sirrii dha. Wanti akkanaa isaan mudatee hin beeku. Kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa ilmaan namootaa bara baraaf lafa kana irra akka jiraatan ture. (Uma. 1:28; Far. 37:29) Namoonni tokko tokko gara samii dhaqanii moototaa fi luboota akka taʼan filatamuun isaanii baramaa miti. Kun qophii adda taʼe dha. Waamichi kun, namni tokko yommuu dibamu yaada, ilaalchaa fi abdii isaa irratti jijjiirama guddaa fida.—Efesoon 1:18, 19 dubbisi.

9 Haa taʼu malee, namni tokko dhuguma waamicha samii akka argatee fi qabdii adda taʼe kana akka qabu akkamitti beeka? Deebiin gaaffii kanaa, yaada Phaawulos obboloota dibamoo Roomaa keessa turanii fi ‘akka qulqullaaʼan waamamaniif’ barreesse keessatti argama. Phaawulos obboloota kanaan akkana jedheera: “Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, ‘Abbaa keenya’ jennee Waaqayyoon in waammanna. Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo taʼuu keenya dhugaa in baʼa.” (Rom. 1:7; 8:15, 16) Gabaabumatti, Waaqayyo hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee namni tokko gara fuulduraatti qophii Mootummichaa keessatti dhaaltuu akka taʼu afeeramuu isaa isaaf mirkaneessa jechuu dha.—1 Tas. 2:12.

10. Yohannis Inni Duraa 2:27 Kiristiyaanni dibame tokko namni isa barsiisu kan biraan akka isa hin barbaachisne yommuu dubbatu maal jechuu isaa ti?

10 Warri afeerraa addaa kana Waaqayyo biraa fudhatan, qaamni ragaa isaaniif baʼu gara biraan isaan hin barbaachisu. Namni gara biraan wanta isaan irratti raawwatame akka isaaniif mirkaneessu isaan hin barbaachisu. Yihowaan sammuu fi garaa isaanii keessatti shakkiin tokko illee akka hin jiraanne godha. Yohannis ergamaan Kiristiyaanota dibamoo kanaan, “Isin garuu isa qulqulluu sanaan dibamtaniittu; hundumti keessanis beektota” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Dibanni isin isa biraa fudhattan garuu isin keessa in jiraata; inni waan isin barsiisuuf namni biraa isin barsiisuu hin barbaachisu. Hafuurri isaa inni dibata jedhame kun waaʼee waan hundumaa isin in barsiisa; barsiifni isaas dhugaa dha, sobnis keessa hin jiru. Egaa akkuma inni isin barsiisetti isatti jiraadhaa!” jedheera. (1 Yoh. 2:20, 27) Namoonni kunis akkuma namoota kaanii barumsa hafuuraa argachuun isaan barbaachisa. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu dibamuu isaanii akka isaaniif mirkaneessu isaan hin barbaachisu. Kana kan isaaniif mirkaneesse, humna uumama cufa keessatti hunda irra caalu dha!

‘HAARAA TAʼANII DHALACHUU’

11, 12. Kiristiyaanni dibame tokko maal jedhee gaafachuu dandaʼa? Taʼus matumaa maal hin shakku?

11 Kiristiyaanni dibame tokko hafuurri qulqulluun yommuu isaaf mirkaneessu jijjiirama guddaa godha. Yesus jijjiirama keessa nama sanaatti godhamu kana ‘lammata dhalachuu’ (NW) ykn ‘olii dhalachuu’ jedhee ibseera. [2] (Yoh. 3:3, 5) Itti dabaluudhaanis, “Olii dhalachuun [“lammata dhalachuun,” NW] isiniif in taʼa siin jechuu kootiif hin dinqifatin. Qilleensi gara fedhetti in qilleensaʼa, qilleensaʼuu isaa in dhageessa, eessaa akka inni dhufu, eessas akka inni dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuurattii kan dhalate hundinuus akkuma kana” jedheera. (Yoh. 3:7, 8) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, namoota waamicha kana hin arganneef waaʼee waamicha dhuunfaa kanaa guutummaatti ibsuun hin dandaʼamu.

12 Namoonni haala kanaan afeeraman, ‘Ani kanan filatame maaliifi? Namni gara biraan maaliif hin filatamne?’ jedhanii of gaafatu taʼa. Namoonni kun gaʼumsa akka hin qabnetti illee yaaduu dandaʼu. Haa taʼu malee, afeeramuu isaanii hin shakkan. Garaan isaanii gammachuu fi dinqisiifannaadhaan guutama. Akkuma Phexros yeroo geggeessaa hafuuraatiin yaada armaan gadii barreessetti itti dhagaʼame isaanittis ni dhagaʼama; akkana jedheera: “Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa taʼu! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera. Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebiʼaa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera.” (1 Phe. 1:3, 4) Kiristiyaanonni dibamoon yaada kana yommuu dubbisan, Abbaan isaanii inni samii dhuunfaatti isaanitti dubbachaa akka jiru shakkii tokko malee hubatu.

13. Namni tokko hafuura qulqulluudhaan yommuu dibamu akkaataan inni itti yaadu kan jijjiiramu akkamitti? Jijjiirama kana kan fidu hoo maali dha?

13 Kiristiyaanonni kun hafuurri Waaqayyoo dhuunfaatti dhugaa isaaniif baʼuu isaa dura abdii lafa irra jiraachuutti ni gammadu turan. Yeroo Yihowaan lafa kana itti qulqulleessu hawwiidhaan eeggatu; akkasumas eebba gara fuulduraatti dhufu argachuu ni barbaadu turan. Tarii namoonni isaan jaallatan yeroo awwaala keessaa baʼanii fi isaan immoo isaan simatan isaanitti ni mulʼata ture. Mana ofiin ijaarratan keessa jiraachuuf, akkasumas firii muka ofii isaanii dhaaban irraa argamu nyaachuuf hawwiidhaan eeggatu turan. (Isa. 65:21-23) Maarree yaadni isaanii kan jijjiirame maaliifi? Abdiin kun waan isaan hin gammachiisneef miti. Yaada isaanii kan jijjiiran, waan dhiphataniif ykn waan jeeqamaniif miti. Bara baraaf lafa irra jiraachuun kan nama dadhabsiisu ykn nuffisiisu akka taʼe tasa isaanitti dhagaʼamuu isaatiin kan kaʼe, lafa kanatti abdii waan kutataniif ykn gara samii dhaqanii iddoo haaraa tokko ilaaluu waan barbaadaniif miti. Kanaa mannaa, kana kan isaaniif murteesse Waaqayyo dha. Waaqayyo yommuu isaan afeere hafuura qulqulluu isaatti fayyadamuudhaan akkaataa isaan itti yaadanii fi abdiin isaan gara fuulduraatti eeggatan akka jijjiiramu godheera.

14. Dibamtoonni jireenya lafa irratti jiraataniif ilaalcha akkamii qabu?

14 Maarree, dibamtoonni kun duʼuu barbaadu jennee yaaduu qabnaa? Phaawulos hafuuraan geggeeffamee deebii akkana jedhu kenneera: “Godoo keenya isa kana keessa lafa irra yeroo jiraannu, baʼaan nutti ulfaatee in aadna; kunis mana keenya isa waaqa irraa isuma kana irratti dabalachuudhaaf, kanaanis inni duʼu jireenyaan akka liqimfamuuf malee, nuyi godoo keenya kana of irraa baasuu waan barbaanneef miti.” (2 Qor. 5:4) Namoonni kun jireenya isaanii isa ammaa jibbuudhaan dafanii duʼuu hin barbaadan. Faallaa kanaatiin, michootaa fi firoota isaanii wajjin guyyaa guyyaadhaan Yihowaa tajaajiluuf hawwii guddaa qabu. Taʼus, wanta akkamii iyyuu yoo hojjetan, abdii isaanii gara fuulduraa isa ulfina qabeessa taʼe yaaduu hin dhiisan.—1 Qor. 15:53; 2 Phe. 1:4; 1 Yoh. 3:2, 3; Mul. 20:6.

ATI HOO WAAMAMTEETTAA?

15. Wantoonni namni tokko hafuura qulqulluudhaan dibamuu isaa hin mirkaneessine maal faʼi?

15 Tarii atis afeerraa dinqisiisaa taʼe kana argadheeraa laata jettee yaadda taʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, gaaffiiwwan barbaachisaa taʼan tokko tokko irratti yaadi. Tajaajila irratti hinaaffaa adda taʼe akka qabdu sitti dhagaʼamaa? “Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” gad fageenyaan qoruu fi Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti barachuu ni jaallattaa? (1 Qor. 2:10) Tajaajila kee irratti eebba Yihowaa adda taʼe argatteettaa? Fedha Yihowaa raawwachuuf hawwii guddaa qabdaa? Namoota kaan karaa hafuuraa gargaaruuf itti gaafatamummaa guddaan akka sirra jiru sitti dhagaʼamaa? Ragaa Yihowaan dhuunfaatti jireenya kee keessa akka gale argisiisu argiteettaa? Gaaffiiwwan kana ‘eeyyee’ jettee garaa guutuudhaan yoo deebiste, kun waamicha samii akka argatte argisiisa jechuu dhaa? Lakki. Maaliif? Sababiin isaas kun miira addaa namoota waamicha samii argatan qofatti dhagaʼamu miti. Hafuurri Yihowaa namoota bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdatan irrattis akkuma hojjeta. Waamicha samii argachuu kee kan shakkitu yoo taʼe, kun mataa isaatti waamicha kana akka hin arganne argisiisa. Namoonni Yihowaan isaan waame afeeramuu isaanii hin shakkan! Afeeramuu isaanii beeku!

16. Namoonni hafuura Waaqayyoo argatan hundi gara samii akka dhaqan afeeramaniiru jechuu akka hin taane akkamitti beekna?

16 Namoonni amantii isaaniitiin fakkeenya taʼanii fi hafuura qulqulluu argatan hedduun Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamaniiru; taʼus, namoonni kun abdii samii irra jiraachuu hin qaban. Yohannis Cuuphaan namoota akkanaa keessaa tokko ture. Yesus Yohannisiin baayʼee kan jaje taʼus, Yohannis Mootummaa samii keessatti gaʼee akka hin qabne dubbateera. (Mat. 11:10, 11) Daawitis hafuura qulqulluu argatee ture. (1 Sam. 16:13) Daawit nama hubannaa hafuuraa guddaa qabu taʼuu isaa irra iyyuu, hafuuraan geggeeffamee kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko barreesseera. (Mar. 12:36) Taʼus, guyyaa Phenxeqosteetti Phexros Daawit “gara waaqaatti [akka] ol hin baane” dubbateera. (HoE. 2:34) Hafuurri qulqulluun namoota kana irratti akka gaariitti kan hojjete taʼus, jireenya samiitiif akka filataman haala adda taʼeen dhugaa isaaniif hin baane. Kana jechuun garuu, namoonni kun karaa taʼe tokkoon gaʼumsa hin qaban ykn hirʼina qabu jechuu miti. Kanaa mannaa gabaabumatti Yihowaan lafa jannata taatu keessa akka jiraataniif duʼaa isaan kaasa jechuu dha.—Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15.

17, 18. (a) Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran baayʼeen isaanii abdii akkamii qabu? (b) Mata duree itti aanu irratti gaaffiiwwan kamfaatu deebii argata?

17 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran hedduun waamicha samii kana hin qaban. Namoonni kun abdii Daawit, Yohannis Cuuphaa, akkasumas abdii dhiirotaa fi dubartoota amanamoo bara durii jiraatanii wajjin wal fakkaatu qabu. Akkuma Abrahaam isaanis Mootummicha jalatti buluuf hawwiidhaan eeggatu. (Ibr. 11:10) Namoota jireenya samiitiif filataman keessaa guyyoota dhumaa kanatti lafa irra kan jiran, warra isaan irraa hafan qofa dha. (Mul. 12:17) Kana jechuun warra 144,000 filataman keessaa baayʼeen isaanii amanamoo taʼanii duʼaniiru jechuu dha.

18 Maarree namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qaban, nama abdii samii akka qabu dubbatu tokkoof ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? Namni gumii kee keessa jiru tokko Irbaata Gooftaa irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaachuu yoo jalqabe maaltu sitti dhagaʼamuu qaba? Lakkoofsi namoota waamicha samii akka qaban dubbatanii dabaluun isaa si yaaddessuu qabaa? Gaaffiiwwan kun mata duree itti aanu irratti deebii argatu.

^ [1] (keeyyata 4) Guyyaan Phenxeqostee fi guyyaan Seerichi Siinaatti itti kenname tokko taʼuu hin oluu. (Bau. 19:1) Kun dhugaa yoo taʼe, akkuma Museen guyyaa sanatti Israaʼeloota kakuu Seerichaa wajjin wal isaan barsiise, Yesus Kiristosis guyyuma kanatti saba haaraa Israaʼel hafuuraa kakuu haaraatti galcheera jechuu dha.

^ [2] (keeyyata 11) Lammata dhalachuu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaana, 2009, ful. 3-11 ilaali.