Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Aasaa, Yoshaafaax, Hisqiyaasii fi Yosiyaas

Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajilaa!

Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajilaa!

‘Maaloo, yaa Waaqayyo! Bara jireenya kootti amanamummaa fi garaa guutuudhaan fuula kee dura deddeebiʼaa akkan ture yaadadhu.’—2 MOT. 20:3.

FAARFANNAA: 36, 54

1-3. “Garaa guutuudhaan” Yihowaa tajaajiluun maal dabalata? Fakkeenyaan ibsi.

CUBBAMOOTA waan taaneef, dogoggora ni raawwanna. Kan nama gammachiisu garuu, Yihowaan qalbii kan jijjiirrannuu fi aarsaa furii Yesuus irratti hundoofnee amantiidhaan gad of qabnee kan isatti dhihaannu yoo taʼe, “akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjetu.” (Far. 103:10) Haa taʼu malee, waaqeffannaan guyyaa guyyaatti Yihowaadhaaf dhiheessinu fudhatama akka argatu yoo barbaanne, akkuma Daawit Solomoonitti himee ture ‘garaa guutuudhaan isaaf hojjechuu’ qabna. (1 Sen. 28:9) Cubbamoota taanee utuu jirruu kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Seenaa Aasaa Mootichaa fi seenaa Amaasiyaa Mootichaa wal bira qabnee ilaaluun keenya kana hubachuuf nu gargaara. Mootonni Yihudaa kun lamaanuu wanta Yihowaa duratti qajeelaa taʼe kan raawwatan taʼus, Aasaan kana kan godhe garaa guutuudhaan ture. (2 Sen. 15:16, 17; 25:1, 2; Fak. 17:3) Mootonni kun lamaanuu cubbamoota waan taʼaniif dogoggora raawwataniiru. Taʼus, Aasaan garaan isaa guutummaatti Yihowaadhaaf kan bule waan tureef daandii Yihowaa irraa hin kaanne. Amaasiyaan garuu, guutummaatti Yihowaadhaaf kan bulu hin turre. Diinota Waaqayyoo erga injifatee booda, waaqolii isaanii fudhatee deebiʼuudhaan isaan waaqeffachuu jalqabe.—2 Sen. 25:11-16.

3 “Garaa guutuudhaan” Waaqayyoon tajaajiluun hamma dhumaatti isaaf of kennuu dabalata. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “garaa” jedhu yeroo baayʼee keessa namummaa argisiisuuf itti hojjetameera. Fedhii, yaada, amala, ilaalcha, dandeettii, kakaʼumsaa fi galma nama tokkoo kan argisiisu dha. Kanaafuu, namni garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilu hin fakkeessu. Yihowaa kan tajaajilu na irraa haa baʼu jedhee miti. Nuti hoo? Nutis, cubbamoo yoo taane illee, utuu hin fakkeessin guutummaatti Waaqayyoof buluu keenya kan itti fufnu yoo taʼe, garaa guutuudhaan isa tajaajilaa jirra jechuu dha.—2 Sen. 19:9.

4. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

4 Garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu jechuun maal jechuu akka taʼe beekuuf, seenaa jireenyaa Aasaa fi mootota Yihudaa garaadhaa Yihowaadhaaf of kennanii isa tajaajilanii, jechuunis seenaa Yoshaafaax, Hisqiyaasii fi Yosiyaas haa ilaallu. Arfan isaanii iyyuu dogoggora raawwatanii kan turan taʼus, Yihowaa duratti fudhatama argataniiru. Waaqayyo garaa guutuudhaan akka isa tajaajilanitti kan isaan ilaale maaliifi? Nuti hoo fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

AASAAN “GARAA ISAA GUUTUU WAAQAYYOOF OF KENNEE TURE”

5. Aasaan tarkaanfii cimaa akkamii fudhate?

5 Aasaan mootii Yihudaa isa sadaffaa siʼa taʼu, mootii kan taʼe erga mootummaan kaabaa saba Israaʼel kurnanii adda baʼee booda ture. Waaqolii tolfamoo bulchiinsa isaa keessaa balleesseera; akkasumas dhiirota mana qulqullummaa keessatti ejjaa turan ariʼeera. Akkoo isaa Maʼakaa ishii “haadha mootii” turte illee, ‘sababii isheen waaqa tolfamaa isa jibbisiisaa dhaabbatteef’ aangoo ishii irra buuseera. (1 Mot. 15:11-13) Hunda caalaa immoo, Aasaan sabni isaa “Waaqayyo gooftaa . . . isaanii yaadaan akka barbaaddataniif, akka seera isaa fi akka abboommii isaatti akka jiraatan” isaan ajajeera. Eeyyee, waaqeffannaa dhugaa babalʼiseera.—2 Sen. 14:4.

6. Yommuu warri Itoophiyaa biyyattii weeraranitti Aasaan maal godhe?

6 Waggoottan kurnan jalqabaa yeroo bulchiinsa Aasaatti, Yihowaan Yihudaadhaaf nagaa kennuudhaan ishii eebbiseera. Achiis Zeraan inni Itoophiyaa loltoota 1,000,000 fi konkolaataawwan 300 fudhatee Yihudaatti duule. (2 Sen. 14:1, 6, 9, 10) Aasaan yeroo kanatti maal godhe? Guutummaatti Yihowaatti akka amanamu argisiiseera. (2 Seenaa 14:11 dubbisi.) Waaqayyos kadhannaa Aasaan garaa isaatii dhiheesse dhagaʼuudhaan loltoota Itoophiyaa qaanessee Aasaadhaaf injifannoo kenneera. (2 Sen. 14:12, 13) Yihowaan mootonni isaaf amanamoo taʼuu yoo dhiisan illee, maqaa isaatiif jedhee diinota isaanii akka injifatan gochuu ni dandaʼa. (1 Mot. 20:13, 26-30) Aasaan garuu Waaqayyotti amanameera; Yihowaanis kadhannaa isaatiif deebii kenneera. Yeroo booda garuu Aasaan dogoggora raawwateera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko gargaarsa Yihowaa gaafachuu mannaa mootii Sooriyaa gargaarsa gaafatee ture. (1 Mot. 15:16-22) Taʼus Waaqayyo, Aasaan “garaa isaa guutuu Waaqayyoof of kennee [akka] ture” argeera. Nuti hoo waan gaarii raawwachuudhaan fakkeenya Aasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?—1 Mot. 15:14.

7, 8. Yihowaa tajaajiluu irratti fakkeenya Aasaa hordofuu kan dandeessu akkamitti?

7 Tokkoon tokkoon keenya guutummaatti Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya beekuuf of qoruu qabna. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yihowaa gammachiisuuf, waaqeffannaa dhugaa deggeruu fi saba isaa dhiibbaa gadhee irraa eeguuf murteesseeraa?’ Aasaan Maʼakaa ishii biyyattii keessatti “haadha mootii” turte aangoo ishii irraa buusuuf ija jabinni hammamii isa barbaachisee akka ture yaadi! Tarii nama wantuma ishiin raawwatte godhu hin beektu taʼa; taʼus atis akkuma Aasaa hinaaffaa akka qabdu argisiisuu dandeessa. Fakkeenyaaf, miseensi maatii kee ykn michuun kee tokko cubbuu hojjetee qalbii jijjiirrachuu waan dideef yoo gumiidhaa baafame maal goota? Nama sanaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu dhiisuudhaan tarkaanfii ni fudhattaa? Garaan kee maal gochuuf si kakaasa?

8 Akkuma Aasaa yeroo mormiin si irra gaʼu, keessumaa immoo humna keetii ol kan fakkaatu yoo taʼe illee guutummaatti Waaqayyotti amanamuudhaan garaa guutuu akka qabdu argisiisuu dandeessa. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu keetiin kan kaʼe mana barumsaatti sitti qoosama taʼa. Yookiin immoo namoonni sii wajjin hojjetan sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuuf yeroo boqonnaa fudhattu ykn saʼaatii dabalataa hojjechuu yeroo diddu sitti qoosu taʼa. Haalawwan akkanaa keessatti akkuma Aasaa Waaqayyoon kadhadhu. Wanti ati itti amantu sirrii fi gaarii akka taʼe beekuudhaan Yihowaatti amanami. Waaqayyo akkuma Aasaa jabeessee fi gargaare siinis akka si jabeessu yaadadhu.

9. Yommuu lallabnu garaa guutuu akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Tajaajiltoonni Waaqayyoo waaʼee ofii isaanii qofa hin yaadan. Aasaan waaqeffannaa dhugaa babalʼiseera. Nutis akkuma isaa namoonni kaan ‘Waaqayyoon akka barbaaddatan’ gargaaruu dandeenya. Yihowaan yeroo nuti jaalala dhugaa isaaf qabnuu fi fedhii guddaa namoonni jireenya bara baraa akka argatan gargaaruuf qabnuun kakaanee waaʼee isaa dubbannu baayʼee akka gammadu beekamaa dha!

YOSHAAFAAX YIHOWAA BARBAADDATEERA

10, 11. Fakkeenya Yoshaafaax hordofuu kan dandeessu akkamitti?

10 Ilma Aasaa kan taʼe Yoshaafaaxis “akkuma Aasaa abbaa isaatii wanta fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta’e hojjete.” (2 Sen. 20:31, 32) Akkamitti? Yoshaafaax akkuma abbaa isaa sabichi Yihowaa akka barbaaddatu jajjabeesseera. “Macaafa seeraa isa kan Waaqayyoo” fayyadamee sabicha barsiisuuf duula qopheessee ture. (2 Sen. 17:7-10) ‘Yaada namootaa gara Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaaniitti deebisuuf’ naannoo mootummaa kaabaa saba Israaʼel, jechuunis hamma biyya gaaraa isa kan Efreemitti deemeera. (2 Sen. 19:4) Yoshaafaax ‘garaa isaa guutuu Waaqayyo duukaa buʼaa ture.’—2 Sen. 22:9.

11 Hundi keenya iyyuu duula barsiisuu guddaa Yihowaan yeroo harʼaatti adeemsisaa jiru irratti hirmaachuuf mirga arganneerra. Waaqayyoon tajaajiluuf akka kakaʼan isaan gargaaruudhaan Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisuuf jiʼa jiʼaan galma ni baafattaa? Carraaqqii gochuudhaan, akkasumas eebba Waaqayyootiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu dandeessa. Galma kana irra gaʼuuf ni kadhattaa? Wanta yeroo boqonnaa keetti raawwattu dhiisuu kan si gaafatu yoo taʼe illee, hojii kana fudhachuuf fedhii qabdaa? Akkasumas, akkuma Yoshaafaax namoonni waaqeffannaa dhugaatti akka deebiʼan gargaaruuf naannoo Efreem deeme, nutis namoonni gumii irraa fagaatan gara gumiitti akka deebiʼan gargaaruu dandeenya. Dabalataanis jaarsoliin, naannoo gumii isaanii keessatti namoota gumiidhaa baafamanii fi cubbuu raawwachuu dhiisaniif gargaarsa gochuuf qophii gochuu dandaʼu.

12, 13. (a) Yoshaafaax yeroo haalli sodaachisaan isa mudatetti maal godhe? (b) Dadhabina keenya beekuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya Yoshaafaax hordofuu kan qabnu maaliifi?

12 Yoshaafaax akkuma abbaa isaa Aasaa, diinni cimaan yeroo isa doorsisetti illee guutummaatti Waaqayyoof buleera. (2 Seenaa 20:2-4 dubbisi.) Yoshaafaax sodaatee ture! Taʼus, “Waaqayyoon kadhachuudhaaf murtoo in godhe.” Kadhannaa isaa irratti, sabni isaa ‘waraana danuu isa isaan rukutuuf jedhu kana loluuf humna akka hin qabne,’ akkasumas innis taʼe sabni isaa wanta godhan akka hin beekne gad of qabuudhaan dubbatee ture. “Gargaarsaaf gara kee in ilaalla” jechuudhaan guutummaatti Yihowaatti akka amanamu argisiiseera.—2 Sen. 20:12.

13 Nutis yeroo tokko tokko, akkuma Yoshaafaax waan goonu wallaaluu, darbees sodaachuu ni dandeenya. (2 Qor. 4:8, 9) Taʼus Yoshaafaax, innis taʼe sabni isaa dadhaboo akka taʼan akka isaanitti dhagaʼame uummata gidduutti akka dubbate yaadadhu. (2 Sen. 20:5) Namoonni maatii isaanii karaa hafuuraa geggeessan yeroo rakkinaatti qajeelfamaa fi cimina argachuuf gargaarsa Yihowaa gaafachuudhaan fakkeenya Yoshaafaax hordofuu dandaʼu. Maatiin kee wawwaannaa ati dhiheessitu kana yoo dhagaʼan qaanaʼuu hin qabdu. Yeroo kanatti amantii ati Yihowaa irratti qabdu hubachuu dandaʼu. Waaqayyo Yoshaafaaxiin akkuma gargaare siinis si gargaara.

HISQIYAAS WAAN QAJEELAA TAʼE HOJJECHUU ISAA ITTI FUFE

14, 15. Hisqiyaas guutummaatti Yihowaatti akka amanamu kan argisiise akkamitti?

14 Hisqiyaas mootii ‘Waaqayyoof amanamee jiraate’ akka taʼetti kan beekamu siʼa taʼu, Yoshaafaax irraa haala adda taʼeen dhiibbaa abbaa isaa isa waaqolii tolfamaa waaqeffatuu damdamachuu qaba ture. Hisqiyaas, “Iddoowwan sagadaa warra ol kaʼoo in diige, utuboota akka dhagaa qulqullaaʼootti ilaalaman in caccabse.” Israaʼeloonni akka waaqa sobaatti itti fayyadamaa waan turaniif ‘bofa isa Museen sibiila boorrajjii irraa hojjetee tures in caccabse.’ Guutummaatti Yihowaadhaaf kan bule waan tureef, “Abboommii Waaqayyo Museetti kennes in eege.”—2 Mot. 18:1-6.

15 Mootummaa addunyaa kan ture Asor, Yihudaa weeraruudhaan Yerusaalemiin balleessuuf yeroo doorsisetti illee, Hisqiyaas garaa guutuudhaan Yihowaatti amanameera. Senaaheriib mootiin Asor Yihowaa kan arrabse siʼa taʼu, Hisqiyaas akka harka kennu isa doorsisee ture. Haa taʼu malee, Hisqiyaas humna Yihowaan fayyisuuf qabu irratti amanannaa guutuu akka qabu kadhannaa isaa irratti ibsee ture. (Isaayaas 37:15-20 dubbisi.) Waaqayyos, maleekaan isaa tokko Asorota 185,000 akka ajjeesu gochuudhaan kadhannaa isaatiif deebii kenneera.—Isa. 37:36, 37.

16, 17. Tajaajilaa Waaqayyoo waan taateef fakkeenya Hisqiyaas hordofuu kan dandeessu akkamitti?

16 Hisqiyaas yeroo booda hamma duʼa jala gaʼutti dhukkubsate. Achiis kanaan dura isa duratti akkamitti akka deddeebiʼe akka yaadatuuf Yihowaa kadhate. (2 Mootota 20:1-3 dubbisi.) Yeroo harʼaatti, Waaqayyo dinqiidhaan akka nu fayyisu ykn umurii keenya akka dheeressu Kitaabni Qulqulluun hin ibsu. Taʼus, akkuma Hisqiyaas godhe, hundi keenya iyyuu, ‘Bara jireenya kootti amanamummaa fi garaa guutuudhaan fuula kee dura deddeebi’aan ture’ jennee Yihowaa kadhachuu dandeenya. Yihowaan yeroo ati dhukkubsattee ciistutti illee si deggeruuf, dandeettiis taʼe fedhii isaa akka qabu ni amantaa?—Far. 41:3.

17 Fakkeenya Hisqiyaas irratti yoo xiinxalle, wanta walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu irratti gufuu taʼu ykn wanta waaqeffannaa dhugaa irratti akka hin xiyyeeffanne nu taasisu balleessuu akka qabnu hubanna. Fakkeenya namoota addunyaa warra weebsaayitii hawaasaatti fayyadamanii namoota kaan akka waaqolii tolfamootti ilaalanii hordofuu akka hin barbaanne ifa dha. Dhugaa dha, Kiristiyaanonni tokko tokko wantoota kanatti fayyadamanii maatii ykn michoota isaanii wajjin wal qunnamuun isaan gammachiisa taʼa. Namoonni addunyaa kanaa hedduun garuu, dhiirota ykn dubartoota eenyummaa isaanii illee hin beekne hordofuudhaaf weebsaayitii hawaasaa kanatti fayyadamu. Yookiin immoo suuraa namoota kanaa ilaaluu ykn waaʼee isaanii dubbisuudhaan yeroo dheeraa dabarsu. Barsiifanni akkanaa wantoota gatii hin qabneen akka muddamnu nu taasisuu dandaʼa. Kiristiyaanni tokko wanta inni intarneetii irratti baase namoonni hammamii akka jaallatan ilaaluudhaan of tuuluu, yoo namoonni isaaf jaallachuu dhiisan immoo aaruu illee ni dandaʼa. Phaawulos ergamaan ykn Aqiilaa fi Phirisqillaan guyyaa guyyaatti suuraa isaanii intarneetii irratti baasaa ykn namoota kutaa obbolummaa addunyaa maraa hin taane hordofuutti qabamanii waan turan sitti fakkaataa? Kitaabni Qulqulluun Phaawulos ‘dubbicha lallabuudhaan qabamee’ akka ture dubbata. Phirisqillaa fi Aqiilaan immoo ‘daandii Waaqayyoo sirriitti ibsuudhaaf’ yeroo isaaniitti fayyadamaniiru. (HoE. 18:4, 5, 26) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Namoota gar malee jajachuu ykn yeroo isa gatii guddaa qabu wantoota gatii hin qabne irratti dabarsuu irraa ofin qusadhaa?’—Efesoon 5:15, 16 dubbisi.

YOSIYAAS YIHOWAADHAAF AJAJAMEERA

18, 19. Fakkeenya Yosiyaas hordofuu kan barbaaddu karaawwan kamiini?

18 Yosiyaas Mootichi, inni akaakilii Hisqiyaas taʼes, ‘garaa guutuudhaan’ Yihowaadhaaf ajajamuuf kutatee ture. (2 Sen. 34:31) Yommuu umurii waggoota kurnanii keessa turetti, “Waaqayyoon isa kan Daawit abaabilii isaa in barbaaddate”; yommuu umuriin isaa waggaa 20 taʼutti immoo waaqolii sobaa Yihudaa keessaa balleesse. (2 Seenaa 34:1-3 dubbisi.) Yosiyaas mootota Yihudaa kaan caalaa, wanta Waaqayyoon gammachiisu gochuu irratti hinaaffaa qaba ture. Taʼus, yeroo Seerri Musee (isa jalqabaa taʼuu hin oolu) isaaf dubbifametti, fedha Waaqayyoo caalaatti raawwachuun barbaachisaa akka taʼe hubate. Namoonni kaan Yihowaa akka tajaajilan jajjabeesseera. Kanaan kan kaʼes, sabichi bara jireenya Yosiyaasitti “Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii irraa gara hin galle.”—2 Sen. 34:27, 33.

19 Dargaggoonnis akkuma Yosiyaas ijoollummaa isaaniitti Yihowaa barbaaddachuu ni dandaʼu. Minaasee Mootichi inni qalbii jijjiirrate waaʼee araara Yihowaa Yosiyaasiin barsiisee taʼuu dandaʼa. Dargaggootaa, namoota amanamoo maatii keessanii fi gumii keessan keessa jiranitti siquudhaan wanta gaarii Yihowaan isaaniif godhe baradhaa. Kitaaba Qulqulluu dubbisuun isaa garaa Yosiyaas tuqee akka turee fi hojiidhaaf akka isa kakaases yaadadhaa. Dubbii Waaqayyoo dubbisuun keessan hojiidhaaf isin kakaasa; kun immoo gammachuu keessan isiniif dabala, akkasumas hariiroo isin Yihowaa wajjin qabdan isiniif cimsa; kana malees warri kaan Waaqayyoon akka barbaaddatan gargaaruuf isin kakaasa. (2 Seenaa 34:18, 19 dubbisi.) Akkasumas Kitaaba Qulqulluu dubbisuun keessan, tajaajila Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen karaa itti fooyyaʼiinsa gochuu dandeessan isin hubachiisa. Kana gochuuf immoo akkuma Yosiyaas carraaquu keessan itti fufaa.

GARAA GUUTUUDHAAN YIHOWAA TAJAAJILAA!

20, 21. (a) Wanti mootota arfan hanga ammaatti ilaalle wal fakkeessu maali dha? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?

20 Akkaataa mootonni Yihudaa arfan garaa guutuudhaan Yihowaa itti tajaajilan qoruun faayidaa akkamii akka qabu hubattee? Fedhii Waaqayyoo hinaaffaadhaan raawwachaa kan turan taʼuu isaa irra iyyuu, garaa guutuudhaan raawwachuuf of kennanii turan. Fedhii waaqayyoo raawwachuu isaaniis itti fufaniiru. Yeroo diinonni humna isaaniitii ol taʼan isaan mudatanitti illee kana godhaniiru. Hunda caalaa immoo, kakaʼumsi isaan Yihowaa tajaajiluuf qaban, garaa qulqulluu irratti kan hundaaʼe ture.

21 Mata duree itti aanu irratti immoo mootonni kun arfan dogoggora akka raawwatan ilaalla. Taʼus, Waaqayyo inni garaa namaa qoru yeroo isaan ilaalutti, akka isaan garaa guutuudhaan isa tajaajilan argeera. Nutis taanaan hirʼina qabna. Taʼus, Yihowaan yommuu nu qoru garaa guutuudhaan isa tajaajilaa akka jirrutti nu ilaalaa? Mata duree itti aanu keessatti waaʼee kanaa ilaalla.