Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Gaarummaa Yihowaa Isa Guddaa Irraa Karaa Hedduudhaan Faayidaa Arganneerra

Gaarummaa Yihowaa Isa Guddaa Irraa Karaa Hedduudhaan Faayidaa Arganneerra

ABBAAN koo Artar, dargaggeessa Waaqayyoon sodaatu waan tureef, qeesii amantii Metoodistii taʼuuf fedhii guddaa qaba ture. Haa taʼu malee, yeroo barreeffamoota Barattoota Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi isaanii wajjin walitti dhufeenya uumuu jalqabetti galmi isaa ni jijjiirame. Bara 1914 umurii isaa waggaa 17tti cuuphame. Waraanni Addunyaa Inni Tokkoffaan hammaachaa waan dhufeef, loltuu taʼee akka tajaajilu waamame. Meeshaa waraanaa hidhachuu waan dideef, jiʼa kudhaniif mana hidhaa magaalaa Kiingistan, Ontaariyoo, Kaanaadaa keessatti argamutti akka hidhamu itti murteeffame. Erga mana hidhaatii gadhiifamee boodas, abbaan koo kolportara (qajeelchaa) taʼuudhaan tajaajila yeroo guutuu jalqabe.

Bara 1926tti abbaan koo Heezil Wiilkiinsan fuudhe. Haati ishii dhugaa kan dhageesse bara 1908tti ture. Ani kanan dhaladhe Ebla 24, 1931tti siʼa taʼu, ijoollee isaanii afur keessaa isa lammaffaa dha. Jireenyi maatii keenyaa Yihowaa waaqeffachuu irratti kan xiyyeeffate ture; abbaan keenya Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja guddaa kan kennu taʼuun isaa, jireenya keenya guutuu Dubbii Waaqayyootiif dinqisiifannaa akka qabaannu nu taasiseera. Maatiidhaan waliin taanee yeroo hunda tajaajila manaa gara manaa irratti ni hirmaanna turre.—HoE. 20:20.

AKKUMA ABBAA KOO SIYAASA IRRAA FAGAACHUU FI QAJEELCHAA TAʼUU

Waraanni addunyaa inni lammaffaan bara 1939tti yeroo jalqabu, waggaa itti aanutti Kaanaadaa keessatti sochiin Dhugaa Baatota Yihowaa ni dhorkame. Manneen barumsaa alaabaadhaaf ulfina adda taʼe kennuu fi faaruu alaabaa faarfachuu dabalatee, sirnawwan sabboonummaa wajjin wal qabatan geggeessuu jalqaban. Yommuu sirnawwan kun geggeeffamanitti anii fi obboleettiin koo hangafaa kutaa keessaa baafamna turre. Gaaf tokko barsiistuun koo sodaattuu akkan taʼe dubbachuudhaan na qaanessuuf yaaltee turte. Mana barumsaa booda, ijoolleen kutaa koo hedduun na reebanii lafatti na kuffisan. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu, reebichi sun murtoo ani ‘namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuuf’godhe naaf cimseera.—HoE. 5:29.

Adoolessa bara 1942tti, yommuu umuriin koo waggaa 11 taʼu miʼa bishaan keessatti kuufamuu fi iddoo horiin itti horsiifamutti argamu tokko keessattan cuuphame. Yommuu manni barumsaa cufamutti qajeelchaa yeroo boqonnaa (amma qajeelchaa gargaaraa jedhama) taʼeen tajaajila ture. Waggaa tokkoof obboloota kaaba Ontaariyoo bakka namoonni muka muruudhaan jiraatan keessatti tajaajilan sadii wajjin naannoo tajaajilaa gumii tokkoof iyyuu hin ramadamnetti tajaajileera.

Caamsaa 1, 1949tti immoo, qajeelchaa yeroo hundaan taʼe. Waajjirri damee Kaanaadaa hojii ijaarsaa hojjechaa waan tureef, hojii sana irratti gargaarsa akkan godhun afeerame; achiis Muddee 1 miseensa maatii Beetel Kaanaadaa jiruun taʼe. Kutaa maxxansaatti kanan ramadame siʼa taʼu, akkaataa meeshaa maxxansaa irratti itti hojjetanin baradhe. Torban hedduudhaaf dabaree galgalaa irra kanan hojjedhe siʼa taʼu, tiraaktii waaʼee ariʼatama saba Yihowaa Kaanaadaa keessatti argaman irra gaʼaa jiru ibsu maxxansaan ture.

Yeroo booda, Kutaa Tajaajilaa keessa yommuun turetti, qajeelchitoota waajjira damee daawwatanii fi gara Kuubeek ishii ariʼatamni cimaan keessa jiru dhaqanii tajaajiluuf jiraniif gaafannoo godheen ture. Isaan keessaa tokko Meerii Zaazuulaa ishii Albertaa, Edimatanii dhufte turte. Ishiinii fi obboleessi ishii hangafaa Jooyi, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu isaanii dhiisuu waan didaniif warri isaanii amantii Ortodoksii cimsanii hordofan manaa isaan ariʼanii turan. Waxabajjii 1951tti, lamaan isaanii iyyuu kan cuuphaman siʼa taʼu, jiʼa jaʼa booda qajeelchaa taʼanii tajaajiluu jalqaban. Yommuun gaafannoo ishiidhaaf godhu, ilaalchi hafuuraa Meeriin qabdu baayʼee na dinqisiise. Garaa kootti, ‘Wanti gufuu taʼu yoo jiraate malee, kun intala ani fuudhu taʼuu hin ooltu’ jedheen yaade. Jiʼa sagal booda, jechuunis Amajjii 30, 1954tti gaaʼela godhanne. Torban tokko booda, hojii daawwannaa aanaatiif leenjii akka fudhannu kan afeeramne siʼa taʼu, waggoota lamaan itti aananiif kaaba Ontaariyootti aanaa tokko keessatti tajaajilleerra.

Hojiin lallabaa addunyaa maratti raawwatamu yommuu babalʼatu, misiyoononni akka barbaachisan dubbatame. Haala qilleensaa Kaanaadaa isa yeroo gannaa cabbii buusu, isa yeroo bonaa immoo bookee busaa nama iddu qabu yoo dandeenye, haala rakkisaa tajaajila keenya irratti nu mudatu kam iyyuu damdamachuun hin ulfaatu jennee yaanne. Kanaaf, Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 27ffaa irraa Adoolessa 1956tti kan eebbifamne siʼa taʼu, jiʼa Sadaasaatti Biraaziil bakka itti ramadamne deemne.

MISIYOONII TAANEE BIRAAZIILITTI TAJAAJILUU

Waajjira damee Biraaziil jiru yommuu geenyu, Afaan Poortugaal barachuu jalqabne. Jechoota buʼuuraa ittiin nagaa gaafatanii fi ittiin lixa barruu daqiiqaa tokkoo erga shaakallee booda tajaajila irratti hirmaachuu akka jalqabnu afeeramne. Namni haasofsiisnu sun fedhii yoo argisiise, caqasawwan jireenya Mootummaa Waaqayyoo jalatti argamu ibsan akka isaaniif dubbisnu nutti himamee ture. Guyyaa jalqaba tajaajila baanetti, dubartiin tokko xiyyeeffannaadhaan waan nu dhaggeeffatteef, Mulʼata 21:3, 4 ishiidhaafan dubbise; achiis of wallaaleen kufe! Qaamni koo qilleensa hoʼaa fi jiidhaa wajjin wal baruu waan hin dandeenyeef, yeroo dheeraadhaaf rakkina natti uumee ture.

Bakki misiyoonii taanee itti tajaajillu magaalaa Kaampos ishii yeroo ammaatti gumiin 15 keessatti argamu turte. Yommuu nuti achi geenyu, magaalaa sana keessa kan ture garee fagoo jiru tokko qofa siʼa taʼu, mana obboleettonni misiyoonota taʼan afur keessa jiraatan tokkotu jira ture: Isaanis Eestar Tireesii, Raamonaa Baawar, Luwiizaa Shuwaarzii fi Looreen Biruukis (amma Waalan jedhamti) turan. Hojiin koo wayyaa miicuu fi qoraan nyaanni ittiin bilcheeffamu qopheessuu ture. Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa keenya booda Wiixata tokko galgala keessumaa hin eegamne tokkotu mana keenya dhufe. Waaʼee oolmaa keenyaa haasaʼaa utuu jirruu haati manaa koo soofaa irra akka gad ciisuu taate. Ol kaʼuuf jettee boraatii irraa mataa ishii yommuu ol qabdu, bofni kan baʼe siʼa taʼu, hamman isa ajjeesutti jeequmsi guddaan uumamee ture!

Waggaa tokkoof Afaan Poortugaal barachaa ergan turee booda, daawwataa ol aanaa aanaa taʼeen muudame. Naannoo baadiyyaatti jireenya salphaa, jechuunis bakka ibsaan hin jirre jiraachuu, afata irra ciisuu, akkasumas fardaa fi gaariidhaan deemuu baranneerra. Bakka naannoo tajaajilaa gumii tokkoof iyyuu hin ramadamnetti tajaajiluuf duula yommuu baanutti, baaburaan magaalaa tulluu irra jirtu tokko kan deemne siʼa taʼu, mana bultii kutaa tokko qabu kireeffanne. Waajjirri damee tajaajila irratti akka itti fayyadamnuuf barruulee 800 nuuf erge. Mana poostaatti yeroo baayʼee deddeebinee saanduqa barruulee guuruu fi bakka buufannetti geessuu qabna turre.

Bara 1962tti, obboloota guutummaa Biraaziil keessa jiranii fi obboleettota misiyoonii taʼaniif Manni Barumsaa Tajaajila Mootummaa kennamee ture. Jiʼa jaʼaaf qofaa koo mana barumsaa isa tokkoo gara isa kaaniitti akkan deemu ramadameen ture. Bakkawwan ani itti barsiise Manaawus, Beelem, Foortaaliizaa, Reesiifii fi Saalvaador turan. Galma beekamaa oppeeraa haawus jedhamutti walgaʼiin naannoo akka godhamu qindeesseera. Bokkaa cimaan yeroo sanatti roobe bishaan dhugaatii harki caalaan isaa akka faalamu godhee ture; bakki mijataa nyaata itti nyaatanis hin jiru ture. (Yeroo sanatti walgaʼiiwwan naannoo irratti nyaanni ni dhihaata ture.) Ajajaa loltootaa tokko kanan haasofsiise siʼa taʼu, hogganaan gaariin kun gammachuudhaan bishaan dhugaatii yommuu walgaʼiin naannoo geggeeffamu hundaaf taʼu akka qopheessan haala mijeesse; akkasumas loltoonni dunkaana guguddaa bakka nyaata itti bilcheessanii fi nyaata keessatti nyaatan lama akka hojjetan ergeera.

Yeroo ani hin turretti Meeriin naannoo daldalaa namni kam iyyuu waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuuf fedhii hin qabnetti tajaajilaa turte. Taʼus, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu waan hin dandeenyeef, miseensota maatii Beetel tokko tokkoon, “Bakka jiraattu filadhu utuu naan jedhanii filannoon koo inni dhumaa Poortugaali dha” jettee turte. Kan nama dinqisiisu immoo, utuma baayʼee hin turin xalayaa Poortugaalitti ramadamuu keenya ibsutu nu gaʼe. Yeroo sanatti Poortugaal keessatti hojiin lallabaa keenya dhorkamee ture; kun jalqaba irratti Meerii naasisee kan ture taʼus, bakka itti ramadamne deemneerra.

POORTUGAALITTI TAJAAJILUU

Hagayya 1964tti Liizban, Poortugaal geenye. Obboloonni keenya poolisoota Poortugaal dhoksaadhaan sochoʼaniin ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼaa ture. Kanaan kan kaʼes, utuu namni tokko illee nu hin simatinii fi utuu Dhugaa Baatonni biyya sanaa nu hin argin seenuun keenya gaarii ture. Heyyama jireenyaa hamma argannutti kutaa boqonnaa tokko kireeffanne. Viizaa keenya erga argannee booda garuu mana jireenyaa kireeffanne. Dhuma irrattis Amajjii 1965tti waajjira damee wajjin wal argine. Jiʼa shan booda yeroo jalqabaatiif walgaʼii irratti yommuu argamnu baayʼee gammannee turre!

Poolisoonni guyyaa guyyaadhaan mana obbolootaa akka sakattaʼan dhageenye. Galmawwan Mootummaa waan cufamaniif, walgaʼiiwwan gumii manneen dhuunfaa keessatti geggeeffamu turan. Dhugaa Baatonni dhibbaan lakkaaʼaman eenyummaa isaanii qorachuu fi gaaffiidhaaf waajjira poolisiitti geeffamu turan. Keessumaa obboloonni maqaa warra walgaʼiiwwan geggeessanii akka saaxilan gochuuf miidhaa guddaa isaan irraan geessisu turan. Kanaan kan kaʼes, obboloonni akka wal hin saaxilleef maqaa abbaa isaanii dhiisuudhaan maqaa isaaniitiin wal waamu turan. Nutis akkasuma goonee turre.

Yaaddoon keenya inni guddaan obboloota keenyaaf nyaata hafuuraa qopheessuu ture. Hojiin Meerii inni guddaan isteensilii irratti mata dureewwan Masaraa Eegumsaa qoʼatamanii fi barreeffamoota kaan taayippiidhaan barreessuu ture; isteensiliin meeshaa baayʼisuudhaaf gargaaru ture.

MANA MURTIITTI MISIRAACHICHAAF FALMUU

Waxabajjii 1966tti, dhimmi cimaan tokko mana murtiitti dhihaatee ture. Miseensonni Gumii Feezyoo 49 taʼan hundi, walgaʼii seeraan alaa mana dhuunfaa keessatti geggeeffamu irratti waan argamaniif mana murtiitti dhihaatanii turan. Gaaffii isaaniif dhihaatuuf isaan qopheessuuf, akka abbaa alangaa gaaffii isaan gaafatuu taʼee isaan leenjiseera. Akka injifatamnu beeknee kan turre taʼus, dhugaa baʼiinsi guddaan akka kennamu hubannee turre. Abukaatoon keenya falmii waaʼee keenya godhe yommuu xumuru ija jabinaan seenaa Gamaaliʼel isa jaarraa tokkoffaatti turee caqaseera. (HoE. 5:33-39) Murtoon isaan irratti dabarfame gaazexaa irratti kan baʼe siʼa taʼu, obboloonnii fi obboleettonni 49 taʼan, hidhaa guyyaa 45 hanga jiʼa shanii fi walakkaa isaanitti murteeffamee ture. Abukaatoon keenya afeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu isaaf dhihaate fudhachuu isaatti gammanneerra; utuu hin duʼin duras walgaʼii irratti argamaa ture.

Muddee 1966tti, ilaaltuu ol aana waajjira damee taʼee kanan muudame siʼa taʼu, dhimmoota seeraa wajjin walqabatan irratti yeroo dheeraan dabarsa ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa mirga bilisummaadhaan waaqeffachuu akka argatan gochuuf carraaqqii guddaan godhameera. (Filp. 1:7) Dhuma irrattis Muddee 18, 1974tti hojiin keenya seera biratti beekamtii argate. Waajjira muummee irraa obboleessi keenya Naataan Noorii fi obboleessi keenya Fireediriik Firaanz Poortugaal daawwachuu fi walgaʼii seena qabeessa magaalaa Opoortoo fi Liizbanitti godhame irratti nu waliin argamaniiru; walumaa galatti namoonni 46,870 taʼan walgaʼicha irratti argamaniiru.

Yihowaan hojichi odoolawwan Afaan Poortugaal itti dubbatamanitti, jechuunis Azooras, Keep Verdee, Maaddiraa, Saaʼo Toomee fi Piriinsipee keessatti akka babalʼatu godheera. Hojichi waan babalʼachaa deemeef bara 1988tti waajjira damee guddaa ijaaruun barbaachisee ture. Wagguma sanatti Ebla 23, obboleessi keenya Miiltan Heenshel, haasaa waajjirri damee haaraa kun murteeffamuu isaa ibsu yommuu dhiheessetti namoonni 45,522 taʼan argamanii turan. Obboloonnii fi obboleettonni misiyoonota taʼanii Poortugaal keessatti tajaajilaa turan 20ni qophii seena qabeessa kanaaf achitti argamuun isaanii baayʼee nama gammachiisa ture.

NAMOOTA AMANAMOO FAKKEENYA TAʼAN IRRAA BARANNEERRA

Waggoota dheeraadhaaf, obboloota amanamoo taʼanii wajjin yeroo dabarsuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiiseera. Obboleessi keenya Tewoodor Jaaraaz yommuu daawwannaa zoonii godhutti yeroon isaa wajjin deeme tokkotti barumsa guddaa tokko argadheera. Waajjirri damee daawwatamaa jiru sun rakkinni cimaan tokko isa mudatee ture; obboloonni miseensota Koree Waajjira Damee taʼanis rakkina kana hiikuuf waan dandaʼame hunda godhanii turan. Obboleessi keenya Tewoodor Jaaraaz isaan tasgabbeessuuf, “Amma hafuurri qulqulluun hojicha akka hojjetuuf iddoo gadhiisuufii qabna” jedhe. Waggoota kurnan hedduu duras, yeroo anii fi haati manaa koo Meeriin Biruukiliiniin daawwachuuf deemnetti, galgala tokko obboleessa keenya Firaanzi dabalatee obboloota muraasaa wajjin yeroo dabarsinee turre. Waggoota hedduu tajaajila Yihowaa irratti dabarse ilaalchisee wanta itti dhagaʼamu yeroo isa gaafatanitti, obboleessi keenya Firaanzi akkana jedhee ture: “Wantin isin gorsu kana: Yeroo rakkinaattis taʼe yeroo balʼinaatti, jaarmiyaa Yihowaa isa ijaan mulʼatuu wajjin deddeebiʼuu keessan itti fufaa. Sababiin isaas, hojii Yesuus barattoonni isaa akka hojjetan ajaje, jechuunis misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsaa kan jiru jaarmiyaa kana qofa dha!”

Anis taʼe haati manaa koo gorsa kana hojii irra oolchuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera. Yeroo gammachiisaa waajjiroota dameetiif daawwannaa zoonii gochuudhaan dabarsine hunda yoom iyyuu hin irraanfannu. Daawwannaawwan kun dargaggoonnis taʼan maanguddoonni amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii akka dinqisiifannu isaaniif ibsuuf, akkasumas mirga addaa Yihowaa tajaajiluuf argatan kana eeganii akka itti fufan isaan jajjabeessuuf carraa nuuf bananiiru.

Waggoonni hedduun darbanii, amma lamaan keenya iyyuu umuriin keenya waggaa 80 ol taʼeera. Meeriin dhibee fayyaa hedduu wajjin walʼaansoo gochaa jirti. (2 Qor. 12:9) Qorumsawwan nu mudatan amantii keenya cimsuu fi ejjennoo keenya eeggannee jiraachuuf nu gargaaraniiru. Jireenya keenya deebinee yeroo ilaallu, dhuguma iyyuu gaarummaa Yihowaa isa guddaa irraa karaa hedduudhaan faayidaa arganneerra. *

^ KEY. 29 Obboleessi keenya Daaglaas Gasti utuma mata dureen kun qophaaʼaa jiruu, Onkoloolessa 25, 2015tti amanamummaa isaa eegee duʼeera.