Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Wanta Yihowaan Ajaje Raawwachuudhaan Eebba Ani Argadhe

Wanta Yihowaan Ajaje Raawwachuudhaan Eebba Ani Argadhe

“Nuyi jirra mitii!” Ani, abbaan manaa koo, obboleessi koo fi haati manaa isaa itti gaafatamummaa nutti kenname tokko fudhachuuf deebii kan kennine akkana jechuudhaan ture. Itti gaafatamummaa kana kan fudhanne maaliifi? Yihowaan kan nu eebbise hoo akkamitti? Mee dura akkaataa guddinaa koon isinitti hima.

KANAN dhaladhe bara 1923 magaalaa Heemswoorzi ishii Yookshayar Ingilaanditti argamtu keessatti dha. Obboleessa angafaa Boob jedhamu qaban ture. Yeroo umuriin koo gara waggaa sagalii taʼu, abbaan keenya inni fakkeessaa amantii keessatti raawwatamu jibbu, kitaabota amantii sobaa saaxilan tokko tokko argate. Wanti inni dubbises baayʼee isa dinqisiisee ture. Waggoota muraasa booda immoo, namni Boob Aatkiinsan jedhamu tokko mana keenya dhufee foonoogiraafii haasaa obboleessa keenya Raazarfordi qabate nu dhageessise. Nutis haasaa kana kan qopheesse namootuma kitaabota sana maxxansan taʼuu isaanii hubanne. Yeroo kanatti, warri koo obboleessi keenya Aatkiinsan yeroo hundumaa galgala irbaata akka nu wajjin nyaatuu fi Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee gaaffii hedduu qabnu akka nuu deebisu yaada dhiheessan. Yeroo kanatti mana obboleessa tokkoo kiilomeetira muraasa nu irraa fagaatutti walgaʼii godhamu irratti akka argamnu afeeramne. Yeruma sana afeerraa sana kan fudhanne siʼa taʼu, Heemswoorzi keessatti gumii xinnoon tokko ni hundeeffame. Achiis utuma baayʼee hin turin, tajaajiltoota zoonii (amma daawwattoota ol aanaa aanaa jedhaman) mana keenya bulchuu fi qajeelchitoota naannoo keenya jiran nyaata afeeruu jalqabne. Isaanitti michoomuun koo dhiibbaa gaarii hin irraanfatamne ana irraan geessiseera.

Hojii daldalaa jalqabnee kan turre taʼus, Abbaan keenya obboleessa kootiin, “Qajeelchaa taʼuu barbaadda yoo taʼe, hojii kana ni dhiisna” ittiin jedhe. Boobis yaada kana irratti walii galee, umurii isaa waggaa 21⁠tti qajeelchaa taʼuuf mana gadhiisee deeme. Anis waggaa lama booda yommuu umuriin koo waggaa 16 taʼu qajeelchitu taʼeen muudame. Dhuma torbanii irraa kan hafe, kaardii ittiin dhugaa baʼanii fi foonoograafiitti fayyadamee yeroo baayʼee kophaa koon tajaajila ture. Haa taʼu malee Yihowaan barattuu Kitaaba Qulqulluu jijjiirama dinqisiisaa goote tokko naa kennuudhaan na eebbiseera. Maatii barattuu kanaa keessa baayʼeen isaanii yeroo booda dhugaa fudhataniiru. Waggaa itti aanutti Meerii Heenshel wajjin qajeelchaa addaa taʼeen muudame. Achiis naannoo Cheshayar jedhamu keessatti bakka namni tajaajilu hin jirrettan ergamne.

Yeroon isaa yeroo Waraanni Addunyaa Lammaffaan itti geggeeffamaa jiru siʼa taʼu, dubartoonni waraanicha irratti gargaarsa akka kennan gaafatamu turan. Nutis qajeelchitoota addaa waan taaneef, akkuma tajaajiltoota amantiiwwan kaanii dirqama irraa bilisa nu godhu jennee eegnee turre. Haa taʼu malee, manni murtii tole waan hin jenneef guyyaa 31f nan hidhame. Waggaa itti aanutti yommuu umuriin koo waggaa 19 guutu qalbiin koo waraana dhaquu akka naaf hin heyyamne himadheen galmaaʼe. Kanaan kan kaʼes, yeroo lama mana murtiitti kanan dhihaadhe taʼus, dhimmi koo fudhatama utuu hin argatin hafeera. Haala kana hundumaa keessatti Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee na gargaaraa fi harka koo qabee na jabeessaa akka ture hubadheera.—Isa. 41:10, 13.

HIRIYAA HAARAA

Anii fi Aartar Maatiwuus kan wal barre bara 1946⁠tti ture. Inni qalbiin isaa waraana irratti hirmaachuu waan isa dhowweef, jiʼa sadiif mana hidhaa turee akkuma baʼeen obboleessa isaa Deenis isa qajeelchaa addaa taʼee fi Heemswoorzi jiru bira dhaqe. Abbaan isaanii ijoollummaa isaaniitii kaasee waaʼee Yihowaa waan isaan barsiiseef, umurii kurnanii keessa yeroo jiraniitti cuuphaman. Utuma baayʼee hin turin Deenis Aayerlaanditti yommuu ramadamu Aartar qofaatti hafe. Warri koo qajeelchaan hinaaffaa qabu kun amala akkamii akka qabu yommuu argan, isaanii wajjin akka jiraatuuf isa afeeran. Anis warra koo gaafachuu yeroon deemetti, anii fi Aartar nyaata booda saanii itti nyaatame waliin dhiqne. Boodas xalayaa walii barreessuu jalqabne. Bara 1948⁠tti Aartar ammas jiʼa sadiif hidhame. Achiis hamma nu dandaʼametti tajaajila yeroo guutuu keessa turuuf murteessinee Amajjii 1949⁠tti gaaʼela godhanne. Qarshii qabnutti of eeggannoodhaan fayyadamna, yeroo boqonnaa keenyas qarshii argachuuf jechaa kuduraa funaanuuf itti fayyadamna turre. Kanaaf eebba Yihowaatiin qajeelchaa taanee itti fufuu dandeenyeerra.

Bara 1949 Heemswoorzitti cidha keenya yeroo muraasa booda

Gara waggaa tokkoo booda, gara kaaba Aayerlaandi, jalqaba gara Armaa, achiis gara Niiwuurii magaalota harki caalaan isaanii namoota amantii Kaatolikii hordofan qabanitti akka deemnu gaafatamne. Haalli naannoo sanaa baayʼee rakkisaa waan tureef, yeroo namoota haasofsiisnu of eeggannoo guddaa fi hubannaa qabaachuu nu barbaachisa ture. Walgaʼii kan goonu mana hiriyoota gaaʼelaa kiilomeetira 16 nu irraa fagaatee jirutti ture. Walgaʼii kana irratti gara namoota saddeetiitu argama ture. Achi akka bullu yommuu afeeramnu, lafa kan rafnu siʼa taʼu, bulee isaa ciree gaarii nyaanna turre. Yeroo ammaa naannoo sana Dhugaa Baatonni hedduun kan jiran taʼuun isaanii baayʼee nama gammachiisa.

“NUYI JIRRA MITII!”

Obboleessi koo fi haati manaa isaa Lootiin duruma iyyuu qajeelchaa addaa taʼanii Kaaba Aayerlaanditti tajaajilaa waan turaniif, arfan keenya walgaʼii koonyaa bara 1952 Beelfaastitti godhame irratti argamne. Yeroo kanatti obboleessi tokko, Piraayiis Hiyuuz isa yeroo sana tajaajilaa waajjira damee Ingilaandi taʼee wajjin hunda keenya mana isatti nu simate. Gaaf tokko galgala waaʼee buukleetii haaraa God’s Way Is Love jedhamuu fi keessumaa namoota Aayerlaandi yaadatti qabatame qophaaʼe irratti mariʼanne. Obboleessi keenya Hiyuuz Kaatolikoota Riippabliika Aayerlaandi keessa jiran haasofsiisuun rakkisaa akka taʼe dubbate. Obboloonni bakka buluuf qabatan keessa ni ariʼamu, akkasumas qeesonni tuuta goolii uuman isaan irratti kakaasu turan. Piraayiis, “Buukleetii kana duula addaatiin guutummaa biyyichaa keessatti raabsuuf hiriyoonni gaaʼelaa konkolaataa qaban nu barbaachisu” jedhe. * Nutis yeruma sana, “Nuyi jirra mitii!” jennee deebisne. Kanaaf yaada jalqaba seenaa kanaa irra jiru kan dubbanne yeroo kanatti ture.

Qajeelchitoota wajjin doqdoqqee fi gaarii isaan harkifamu irra teenyee

Dabliin keessatti qajeelchitoonni yeroo hundaa kan boqotan mana obboleettii yeroo dheeraadhaaf amanamtuu turtee fi Maa Ratlaandi jedhamtu tokkoo ture. Nutis achi erga buufannee fi miʼa keenya tokko tokko erga gurgurree booda, arfan keenya doqdoqqee Boob isa maddii isaatiin gaarii qabu yaabbannee konkolaataa barbaaduu adeemne. Achiis konkolaataa mijataa hamma tokko tajaajile kan arganne siʼa taʼu, hundi keenya iyyuu oofuu waan hin dandeenyeef namichi nutti gurgure sun oofe akka manaan nuu gaʼu isa gaafanne. Aartar halkan sana guutuu siree irra taaʼee yaada isaatiin maarshii jijjiiraa fi oofaa bule. Guyyaa itti aanutti konkolaaticha garaajii keessaa oofee baasuuf utuu yaalaa jiru, obboleettiin misiyoonii taatee fi Miildreed Wiileeti (booda Joon Baaritti heerumte) jedhamtu ni dhufte. Ishiin oofuu ni dandeessi turte! Amma karaa irratti xinnoo erga shaakallee booda deemuuf qophoofne!

Konkolaataa keenyaa fi gaarii isaan harkifamu

Sana booda bakka bullu barbaaddanne. Mormitoonni ibidda itti qabsiisuu dandaʼu jedhanii waan nu akeekkachiisaniif, konkolaataa irra buluu dhiisnee mana barbaaddachuu kan jalqabne taʼus, utuu hin argatin hafne. Kanaaf galgala sana arfan keenya konkolaataa keessa bulle. Guyyaa itti aanutti mana konkolaataadhaan harkifamuu fi siree xixinnoo wal irra kaaʼamu lama qabu tokko arganne. Kunis mana keenya taʼe. Kan nama dinqisiisu, mana konkolaataadhaan harkifamu kana maasii qonnaan bultoota ilaalchaa gaarii nuuf qabanii keessa dhaabbanna turre. Naannoo tajaajilaa kiilomeetira 16 hamma 24 nu irra fagaatu tajaajillee waliin geenya turre. Erga achii deemnee booda immoo, namoota bakka konkolaataa dhaabbanne jiran sana deebinee haasofsiisna turre.

Manneen kaaba bahaa Riippabliikichaa keessa jiran hunda dhaquudhaan rakkina tokko malee buukleetota 20,000 ol taʼan raabsineerra, akkasumas maqaa namoota fedhii qabanii waajjira damee Biritaaniyaatti ergineerra. Yeroo ammaatti bakka kana Dhugaa Baatonni dhibbaan lakkaaʼaman jiraachuun isaanii eebba guddaa dha!

INGILIZITTI, ACHIIS ISKOOTLAANDITTI DEEBIʼUU

Yeroo booda deebinee kibba Landanitti ramadamne. Achiis torban muraasa gidduutti Aartar waajjira damee Biritaaniyaatii isaaf bilbilamee guyyaa itti aanutti hojii daawwannaa akka jalqabu gaafatame. Torban tokkoof leenjii erga fudhannee booda, gara aanaa keenyaa Iskootlaanditti qajeelle. Aartar haasaa isaa qophaaʼuuf yeroo dabalataa qabaachuu baatus, haala rakkisa tajaajila Yihowaa keessatti isa mudatu dandamachuuf qophaaʼaa taʼuun isaa jajjabina guddaa naaf kenneera. Hojii aanaa keessatti itti gaafatamummaa nuuf kenname baayʼee jaallanna turre. Naannoo tajaajilaa gumii kamiif iyyuu hin ramadamne keessa waggoota muraasaaf kan turre taʼus, amma obbolootaa fi obboleettota hedduu gidduutti argamuun keenya eebba guddaa dha.

Bara 1962 Aartar mana barumsaa Giliʼaaditti barumsa jiʼa kudhaniif kennamu irratti akka argamu yommuu afeeramu murtoo guddaa gochuu qabna turre. Dhuma irrattis ani kanan hin afeeramne taʼus, Aartar mirga kana fudhachuun isaa sirrii akka taʼe murteessine. Yeroo kanatti kophaa koo waanan taʼeef, qajeelchaa addaa taʼee gara Heemswoorzitti akkan deebiʼun ergame. Aartar waggaa tokko booda yommuu deebiʼu, hojii koonyaatti ramadamnee Iskootlaandi, kaaba Ingilaandii fi Kaaba Aayerlaandi keessa tajaajille.

MIRGA HAARAAN AAYERLAANDI KEESSATTI ARGADHE

Bara 1964⁠tti, Aartar tajaajilaa waajjira damee Riippabliika Aayerlaandi akka taʼu hojii haaraan isaaf kenname. Hojii daawwannaa baayʼee waan jaallannuuf, jalqaba irratti jijjiiramni kun baayʼee na yaaddessee ture. Amma yeroon duuba deebiʼee ilaaluu, mirgan Betʼel keessa tajaajiluuf argadhe baayʼeen dinqisiifadha. Hojii sana hojjechuu kan hin jaallanne yoo taʼe illee, hojii isiniif kenname tokko yoo fudhattan Yihowaan yeroo hundumaa akka isin eebbisu nan amana. Guyyaa guutuu biiroo keessa hojjechaa, barreeffamoota ergaman walitti qabaa, nyaata bilcheessaa fi qulqulleessaan oola. Ammas yeroo muraasaaf hojii daawwanna hojjechaa kan turre siʼa taʼu, obboloota guutummaa biyyichaa keessa jiranii wajjin wal arguu dandeenyeerra. Kun namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisne guddina yommuu godhan arguu dabalatee, maatii hafuuraa keenya Aayerlaandi jiranii wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuuf nu gargaareera. Kun eebba guddaa dha!

SEENAA AAYERLAANDI KEESSATTI YEROO JIJJIIRAMNI GUDDAAN ITTI TAʼE

Aayerlaandi keessatti walgaʼiin biyyoolessaa inni jalqabaa kan godhame bara 1965 Dabliinitti ture. * Gama hundaan mormii cimaan kan ture taʼus, walgaʼiin sun godhamuun isaa milkaaʼina guddaa ture. Walumatti qabaatti namoonni 3,948 kan argaman siʼa taʼu, namoonni 65 cuuphamaniiru. Namoota bakka buʼoota biyya alaatii dhufan 3,500 simatan hundaaf xalayaan dinqisiifannaa isaaniif ergamee ture. Namoonni keessummoota kana simatanis, amala keessummoota kanaa dinqisiifataniiru. Dhuguma iyyuu Aayerlaandiif yeroo jijjiiramni guddaan itti taʼe ture.

Aartar obboleessa keenya Naataan Noor walgaʼii naannootiif bara 1965⁠tti yeroo dhufu yommuu nagaa isa gaafatu

Bara 1983⁠tti Aartar yommuu bara kitaaba Seenaa Kitaaba Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu Afaan Geeliikiin baʼuu isaa yommuu beeksisu

Bara 1966⁠tti kaabaa fi kibbi Aayerlaandi waajjira damee Dabliin jala akka galan kan godhaman siʼa taʼu, kunis garaa garummaa guddaa siyaasaa fi amantii odoolicha keessa jiru irraa baayʼee adda ture. Kaatolikonni hedduun gara dhugaatti dhufanii obboloota yeroo tokkotti amantii Pirootestaantii hordofaa turanii wajjin yommuu tajaajilan arguun keenya baayʼee nu gammachiiseera.

HOJII GUUTUMMAATTI ADDA TAʼE

Bara 2011 waajjiroonni damee Biritaaniyaa fi Aayerlaandi waan walitti makamaniif yommuu Betʼel isa Landan jirutti ramadamnu jireenyi keenya guutummaatti jijjiirame. Jijjiiramni kun kan dhufe yeroo ani waaʼee fayyaa Aartar yaaddaʼuu jalqabetti ture. Dhukkuba narvii Paarkiinsansi jedhamuun dhiphachaa ture. Caamsaa 20, 2015, michuun koo waggaa 66 duʼaan boqote.

Waggoota muraasaa as baayʼee gaddaa fi dhiphachaan jira. Kanaan dura Aartar yeroo hunda na biraa hin dhabamu ture. Inni duʼuun isaa baayʼee natti hirʼiseera! Taʼus haalawwan akkasii yommuu isin mudatan, caalaatti Yihowaatti dhihaattu. Aartar namoota biratti hangam akka jaallatamu beekuun koos baayʼee na gammachiiseera. Michoota keenya Aayerlaandi, Biritaaniyaa fi Yuunaayitid Isteetis jiran irraa xalayaan na gaʼee ture. Jajjabina obboleessi Aartar, Deenis, haati manaa isaa Maavisii fi ijoolleen obboleessa koo angafaa Ruutii fi Juudiin naaf kennan dabalatee xalayaawwan kun gargaarsa ani jechaan ibsuu hin dandeenye naaf kennaniiru.

Caqasni jajjabina guddaa naaf kenne Isaayaas 30:18 dha. Akkana jedha: “[Yihowaan] amma iyyuu tola isaa isinitti argisiisuudhaaf isin eegaa jira; isiniif ooʼuudhaafis kaʼeera; Waaqayyo gooftaan . . . firdiin isaa qajeelaa waan taʼeef, warri isa eeggatan haa gammadan!” Yihowaan rakkina hunda balleessuu fi addunyaa haaraa keessatti hojii gammachiisaa nuuf kennuuf obsaan eegaa akka jiru beekuun koo baayʼee na jajjabeessa.

Jireenya keenya duuba deebiʼee yommuun ilaalu, Yihowaan akkamitti nu qajeelchaa fi hojii Aayerlaanditti hojjetamu eebbisaa akka ture hubachuu dandaʼeera! Guddina hafuuraa kana keessatti hirmaannaa xinnoo gochuu koo akka mirga guddaattan ilaala. Wanta Yihowaan nu gaafatu kam iyyuu hojjechuun, yeroo hunda eebba akka argamsiisu hin shakkisiisu.

^ key. 12 Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1988 ful. 101-102 ilaali.

^ key. 22 Kitaaba Waggaa 1988 ful. 109-112 ilaali.