Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara duriitti bulchitoonni gaʼee akkamii qabu turan?

BARA DURIITTI, bulchaan tokko maatii ykn qabeenya nama kan biraa toʼata ture. Jechi Afaan Ibrootaa fi Giriikiitiin “bulchaa” jedhamee hiikame yeroo tokko tokko ilaaltuu ol aanaa ykn nama maatii tokko bulchu argisiisa.

Yooseef ilmi Yaaqoob garba taʼee Gibxii yeroo turetti, mana gooftaa isaa irratti bulchaa taʼee ture. Gooftaan isaas, “wanta qabu hundumaa harka Yoseefitti in dhiise.” (Uma. 39:2-6) Yeroo booda, Yooseef Gibxii keessatti hogganaa aangoo guddaa qabu yeroo taʼetti innis mana isaa irratti bulchaa tokko muudeera.—Uma. 44:4.

Bara Yesuusitti, abbootiin lafaa yeroo baayʼee lafa qonnaa isaanii irraa fagaatanii magaalaa keessa jiraatu turan. Kanaafuu, abbootiin lafaa sochii guyyaa guyyaa hojjettoota lafa qonnaa irratti hojjetanii akka toʼataniif bulchitoota muudu turan.

Bulchaa taʼuuf gaʼumsa kan qabu nama akkamii ture? Barreessaa seenaa Roomaa jaarraa jalqabaa kan taʼe Kolumeellaan akka dubbatetti garbi tokko ilaaltuu ol aanaa ykn bulchaa taʼee muudamuuf “nama akka gaariitti hojjechuu beeku” taʼuu qaba. Akkasumas, nama “hojjettoonni hojicha hojjechuu isaanii hordofu taʼus, nama gara jabeessa hin taane” taʼuu qaba. Dabalataanis akkana jedheera: “Hunda caalaa immoo wanta hunda akka beeku kan hin yaadne, akkasumas wanta haaraa barachuuf fedhii kan qabu taʼuu qaba.”

Dubbiin Waaqayyoo wantoota gumii Kiristiyaanaa keessatti hojjetaman tokko tokko ibsuuf fakkeenya bulchaatti fayyadama. Fakkeenyaaf, Pheexiros ergamaan Kiristiyaanonni, ‘gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa mulʼateef bulchitoota gaarii waan taʼaniif walii isaanii tajaajiluuf’ dandeettii Waaqayyo irraa argatanitti akka fayyadaman isaan jajjabeessera.—1 Phe. 4:10.

Yesuusis fakkeenya Luqaas 16:1-8 irratti galmeeffamee jiru irratti fakkeenya bulchaa fayyadameera. Kana malees, Yesuus raajii waaʼee mallattoo Mootii taʼee argamuu isaa ibsu irratti ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ ykn ‘bulchaa amanamaa’ akka muudu duuka buutota isaatiif mirkaneesseera. Itti gaafatamummaan inni guddaan bulchaan kun qabu dhuma sirna kanaatti duuka buutota Kiristoosiif nyaata hafuuraa wal irraa hin cinne qopheessuu dha. (Mat. 24:45-47; Luq. 12:42) Barreeffamoota bulchaan amanamaan qopheessuu fi amantii namaa cimsan, akkasumas namoonni addunyaa maratti argaman argachuu dandaʼan irraa fayyadamuu keenyatti baayʼee galateeffanna.