MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Guraandhala 2020

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Ebla 6–Caamsaa 3, 2020⁠tti qoʼataman qabateera.

Abbaan Keenya Yihowaan Baayʼee Nu Jaallata

Abbaan keenya inni samii akka nu jaallatu, nuuf yaaduu fi matumaa akka nu hin gatne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Abbaa Keenya Yihowaa Baayʼee Jaallanna

Jaalala Abbaa keenya Yihowaa isa nuu yaaduuf qabnu ibsuuf wantoota gochuu dandeenyu tokko tokko ilaali.

Hinaaffaa Irraa Fagaachuudhaan Nagaa Hordofaa

Yeroo tokko tokko hinaaffaa wajjin walʼaansoo gochuu dandeenya. Karaawwan qabatamaa amala hinaaffaa isa miidhaa geessisu irraa fagaachuu fi warra kaan wajjin nagaadhaan jiraachuu itti dandeenyu ilaali.

Yihowaan Isin haa Tasgabbeessu

Haannaan, Phaawulos ergamaanii fi Daawit Mootichi yaaddoo wajjin qabsoo godhaniiru. Karaa itti Yihowaan isaan jajjabeessee fi tasgabbeesse irraa maal barachuu dandeenya?

SEENAA JIREENYAA

Fakkeenyota Gaarii Irraa Barachuun Koo Eebba Hedduu Naaf Argamsiiseera

Liyoons Kiriipoolt fakkeenyonni gaariin namoonni amanamoon kaaʼan sodaa isaa akka moʼuu fi tajaajila yeroo guutuu waggoota 58f dabarse keessatti eebbawwan hedduu argachuuf akkamitti akka isa gargaaran dubbateera.

Kana Beektaa?

Belshaazaar mootii Baabilon akka ture qorannoon arkiʼoolojii kan mirkaneessu akkamitti?