Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yeroo Hunda Seerri Kitaaba Qulqulluu Si Barbaachisaa?

Yeroo Hunda Seerri Kitaaba Qulqulluu Si Barbaachisaa?

Yeroo Hunda Seerri Kitaaba Qulqulluu Si Barbaachisaa?

YEROO ijoollee xinnoo turtetti warri kee seerawwan hedduu si baasanii taʼuu dandaʼa. Yeroo guddachaa deemtu garuu, warri kee akkas kan godhan waan sii yaadaniif akka taʼe hubachuu dandeesseetta. Amma nama gaʼeessa waan taateef, toʼannaa warra kee jala jiraachuu baattu illee seerawwan buʼuuraa ijoollummaa keetti si keessatti bocaniin geggeeffamta taʼa.

Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaan, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼetti fayyadamee wantoota seerawwan hedduu nuuf kenneera. Fakkeenyaaf, waaqa tolfamaa, ejja, halalummaa fi hanna dhorkeera. (Baʼuu 20:1-17; Hojii Ergamootaa 15:28, 29) Karaa hafuuraa ‘wanta hundumaan guddachaa’ kan deemnu yoo taʼe, ajaja Yihowaan nuuf kennu faayidaa keenyaaf akka taʼee fi bilisummaa kan nu dhabsiisan akka hin taane hubachuu dandeenya.—Efesoon 4:15; Isaayaas 48:17, 18; 54:13.

Haa taʼu malee, wantoonni kallattiidhaan seerri hin kennamneef hedduun jiru. Kanaafuu, namoonni tokko tokko dhimmoota kallattiidhaan seerri itti hin kenname irratti wanta barbaadan raawwachuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. Waaqayyo barbaachisaa akka taʼe utuu isatti dhagaʼamee kallattiidhaan seera ni kenna ture jedhanii falmu.

Namoonni akkana jedhanii yaadan yeroo baayʼee murtoo dogoggoraa yeroo booda itti gaabban godhu. Kitaabni Qulqulluun seeraa kennuu qofa utuu hin taʼin, yaadawwan ilaalcha Waaqayyoo ibsanis kan qabate akka taʼe hin hubatan. Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa fi ilaalcha Yihowaan wantootaaf qabu hubachaa yommuu deemnu, qalbii seerawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼe gabbifanna, akkasumas filannoo ilaalcha isaa wajjin wal simu goona. Akkan yommuu goonu immoo, garaa Yihowaa gammachiisna, akkasumas murtoowwan ogummaa irratti hundaaʼan gochuu keenyaan faayidaa arganna.—Efesoon 5:1.

Fakkeenyawwan Kitaaba Qulqulluu Gaarii Taʼan

Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee tajaajiltoota Waaqayyo dubbatan yommuu ilaallu, dhimmawwan tokko tokko ilaalchisee yeroo kallattiidhaan seerri kenname hin jirretti illee haalawwan ilaalcha Yihowaa tilmaama keessa itti galchan arganna. Mee fakkeenya Yoseef ilaali. Haati manaa Phoxiifaar isaa wajjin akka ciisu yommuu isa afeertu, seerri geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamee fi ejja raawwachuu dhowwu hin jiru ture. Taʼus, ejja ilaalchisee seerri kallattiidhaan kenname jiraachuu baatus, Yoseef ejjuun qalbii isaa irratti qofa utuu hin taʼin “Waaqayyo irratti” cubbuu hojjechuu akka taʼe hubateera. (Uumama 39:9) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yoseef ejji ilaalchaa fi fedha Waaqayyo Eeden keessatti ibsamee wajjin akka wal faalleessu hubatee ture.—Uumama 2:24.

Fakkeenya kan biraa haa ilaallu. Hojii Ergamootaa 16:3 irratti, Phaawulos Ximotewosiin fudhatee tajaajila Kiristiyaanaatiif deemuu isaa dura akka dhagna akka isa qabe ibsameera. Taʼus lakkoofsa 4 irratti, sana booda Phaawulosii fi Ximotewos magaalota keessa darban hundatti “murtoo ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem keessa jiran murteessan” himaa akka turan ibsameera. Murtoo ergamoonnii fi jaarsoliin murteessan keessaa tokko immoo Kiristiyaanonni dirqama dhagna qabachuu akka hin qabne kan ibsu dha! (Hojii Ergamootaa 15:5, 6, 28, 29) Maarree Phaawulos Ximotewos dhagna qabachuun isaa barbaachisaa akka taʼe kan isatti dhagaʼame maaliifi? “Yihudoota naannoowwan sana jiraniif jedhee fuudhee dhaqna isa qabe; sababiin isaas, hundi isaanii abbaan [Ximotewos] nama Giriikii akka taʼe beeku turan.” Phaawulos utuu hin barbaachisin namoota mufachiisu ykn gufachiisuu hin barbaanne. Kan isa yaaddesse, Kiristiyaanonni ‘karaa qalbii namootaa hawwatuun namoota hundumaatiif Waaqayyo duratti of dhiheessu’ isaanii ture.—2 Qorontos 4:2; 1 Qorontos 9:19-23.

Phaawulosii fi Ximotewos ilaalcha akkasii kan qaban taʼuu isaaniitiin beekamu turan. Caqasoota akka Roomaa 14:15, 20, 21 fi 1 Qorontos 8:9-13; 10:23-33 irra jiran dubbisiitii, Phaawulos nageenya hafuuraa warra kaanii, keessumaa immoo dhugaa isaa dubbachuuf wantoota mataa isaaniitti dogoggora hin taanetti gufachuu dandaʼan baayʼee kan isa yaaddessu akka ture hubadhu. Phaawulos Ximotewosiif akkana jedhee barreesseera: “Ani nama akka isaatti waaʼee keessan garaadhaa yaadu kan biraa hin qabu. Warri kaan hundi faayidaa Yesuus Kiristoosiif utuu hin taʼin, faayidaa mataa isaaniitiif carraaqu. Inni garuu misiraachicha babalʼisuuf jecha, akkuma ilmi abbaa isaa wajjin hojjetutti anaa wajjin tajaajiluudhaan eenyummaa isaa akkamitti akka mirkaneesse beektu.” (Filiphisiyus 2:20-22) Kiristiyaanonni lamaan kun namoota yeroo harʼaatti jiruuf fakkeenya gaarii nuuf taʼu! Haala kallattiidhaan Waaqayyo seera itti hin kenninetti wanta dhuunfaatti isaanitti tolu ykn filannoo isaaniitiif dursa kennuu mannaa, murtoon isaanii haala hafuuraa warra kaanii irratti dhiibbaa geessisuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe yaaduudhaan jaalala Yihowaa fi Ilma isaa argisiisan hordofu.

Amma immoo Yesuus Kiristoos isa fakkeenya guddaa nuuf taʼu ilaali. Lallaba isaa isa gaaraa irratti, seerawwan Waaqayyoo hubate wanti tokko kallattiidhaan seerri kan itti hin kennamne ykn kan hin dhowwame taʼus akka ajajamu ifatti ibseera. (Maatewos 5:21, 22, 27, 28) Yesuusis taʼe Phaawulos, Ximotewosis taʼe Yoseef, ilaalcha seerri Waaqayyo kallattiidhaan kenne jiraachuu baatus namni tokko wanta isa gammachiisu gochuu dandaʼa jedhu hin qaban. Namoonni kunneen ilaala isaanii ilaalcha Waaqayyoo wajjin wal simsiisuudhaan, ajajawwan Yesuus ajajawwan hunda irra akka caalan dubbate lamaan, jechuunis jaalala Waaqayyoo fi namootaaf qabaniin geggeeffamaniiru.—Maatewos 22:36-40.

Kiristiyaanonni Yeroo Harʼaa Jirani Hoo?

Kitaaba Qulqulluu waraqaa seeraa wantoota hunda tokko tokkoon tarreessu goonee ilaaluu akka hin qabne ifa dha. Seerri wanta tokko gochuu akka qabnu ibsu yeroo hin jiraannetti illee, filannoo ilaalcha Waaqayyoo calaqqisiisu yommuu goonu Yihowaa guddaa gammachiisna. Jecha biraatiin, yeroo hundumaa Waaqayyo maal akka nu irraa barbaadu akka nutti himu eeguu mannaa, “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu” qabna. (Efesoon 5:17; Roomaa 12:2) Kun Yihowaa kan gammachiisu maaliifi? Filannoo fi mirga keenya caalaa wanti nu yaaddessu, Yihowaa gammachiisuu akka taʼe kan argisiisu waan taʼeefi dha. Kana malees, jaalala Yihowaan nutti argisiise akka dinqisiifannuu fi kun immoo hojiidhaaf akka nu kakaasu heyyamuudhaan, jaalala Waaqayyoo hordofuu akka barbaannu argisiisa. (Fakkeenya 23:15; 27:11) Kana malees, tarkaanfiiwwan yaada Kitaaba Qulqulluun kennu irratti hundaaʼan fudhannu karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa fayyaa akka qabnu argamsiisu.

Seerri buʼuuraa kun dhimmoota dhuunfaa irratti akkamitti hojii irra akka oolu haa ilaallu.

Filannoo Bashannanaa

Mee haala dargaggeessa albamii muuziqaa bituu barbaadu tokkoo haa ilaallu. Muuziqaa albamicha irraa dhagaʼe baayʼee jaallateera, taʼus walaloowwan qola albamichaa irra jiran fedhii saalqunnamtii fi gochawwan qaanii hin qabneef kan nama kakaasan taʼuun isaanii isa yaaddesseera. Kana malees, sirboonni artiistii kanaa aarii fi lola kan calaqqisiisan akka taʼe beeka. Dargaggeessi kun Yihowaa kan jaallatu waan taʼeef, ilaalchaa fi miira Yihowaan dhimma kana ilaalchisee qabu beekuu barbaada. Maarree fedha Waaqayyo dhimma kanaa wajjin wal qabateef qabu hubachuu kan dandaʼu akkamitti?

Xalayaa Phaawulos ergamaan warra Galaatiyaatiif barreesse irratti hojii foonii fi ija hojii hafuuraa qulqulluu tarreessee ture. Amalawwan ija hojii hafuuraa qulqulluu keessatti ibsaman akka beektu hin shakkisiisu; isaanis jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amantii, garraamummaa, of toʼachuu dha. Haa taʼu malee, hojiiwwan foonii kan jedhaman hoo gochawwan akkamiiti? Phaawulos akkana jechuudhaan barreesseera: “Hojiiwwan foonii ifatti mulʼatu: Isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, addaggummaa, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, gocha hafuurota hamoo raawwachuu, diinummaa, lola, hinaaffaa, aariidhaan finiinuu, gargar baʼuu, wal qoqqooduu, garee amantii uumuu, goomachuu, machii, gadhiisii fi wantoota kana fakkaatani dha. Akkuman kanaan dura isin akeekkachiise waaʼee wantoota kanaa irra deebiʼeen isin akeekkachiisa; namoonni wantoota akkasii raawwachuu amaleeffatan Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.”—Galaatiyaa 5:19-23.

Dhuma irratti “wantoota kana fakkaatan” jechuu isaa hubadhu. Phaawulos as irratti gochawwan akka hojii fooniitti ilaalaman hunda hin ibsine. Kunis namni tokko, ‘Wantoota Phaawulos hojii foonii akka taʼan hin caqasne kam iyyuu yoon raawwadhe Kitaabni Qulqulluun naaf heyyama” jedhee yaaduuf sababii isaaf taʼuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa, namni dubbisu gochawwan tarreeffaman keessatti kan hin ibsamne taʼus “wantoota kana fakkaatan” jedhaman keessatti kan argaman akka taʼan addaan baasee beekuuf dandeettii yaaduu isaatti fayyadamuu isa barbaachisa. Namoonni gochawwan “wantoota kana fakkaatan” jedhaman raawwatan yaada isaanii hin jijjiiran taanaan, eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo fidu hin dhaalan.

Kanaafuu, wantoota Yihowaa gammachiisan hubachuu ykn addaan baasnee beekuu nu barbaachisa. Kana gochuun ulfaataa sitti taʼaa? Ogeessi fayyaa muduraa fi kuduraa baayʼistee akka nyaattu wantoota akka buskutii, aayis kireemii fi wantoota kan fakkaatan akka dhiistu si gorse haa jennu. Maarree keekiin gosa isa kam keessaa akka taʼe beekuun sitti ulfaataa? Mee amma immoo ija hojii hafuuraa fi hojii foonii irra deebinee haa ilaallu. Albamiin muuziqaa olitti ibsamee ture isa kam keessatti tarreeffama? Amalawwan akka jaalala, gaarummaa fi of toʼachuu jiran ykn amalawwan kan biroo ija hojii hafuuraa keessatti ibsamanii wajjin walitti dhufeenya qaban akka hin calaqqisiisne beekama dha. Namni tokko muuziqaan akkasii ilaalcha Waaqayyoo wajjin akka wal hin simne hubachuuf seerri kallattiidhaan kenname tokko isa hin barbaachisu. Seerri buʼuuraa kun wantoota dubbifaman, fiilmiiwwan, sagantaawwan televizyinii, geemiiwwan kompiitaraa, weebsaayitiiwwanii fi wantoota kanaa wajjin wal fakkaataniifis ni hojjeta.

Akkaataa Uffannaa Fudhatama Qabu

Kitaabni Qulqulluun akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisees seera buʼuuraa qabateera. Kunis Kiristiyaanni hundi akkaataa uffannaa gaarii fi namatti tolu akka qabaatu isa gargaara. As irrattis yoo taʼe, namni Yihowaa jaallatu tokko dhimma kana kan ilaalu wanta isatti tolu raawwachuuf utuu hin taʼin, carraa itti wanta Abbaa isaa isa samii gammachiisu raawwatu godhee ilaala. Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan dhimma tokko ilaalchisee kallattiidhaan seera hin kennine jechuun sabni isaa wanta barbaadan yoo hojjetan dantaa hin qabu jechuu miti. Akkaataan uffannaa iddootii gara iddootti adda adda dha; naannoodhuma tokkotti illee yeroo yerootti jijjiiramuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Waaqayyo seera buʼuuraa saboota bara kamitti iyyuu fi naannoo kam iyyuu jiraatan ittiin geggeeffamuu qaban isaaniif kenneera.

Fakkeenyaaf, 1 Ximotewos 2:9, 10 irratti akkana jedheera: “Haaluma wal fakkaatuun, dubartoonnis shurrubbaa dhaʼachuu fi warqii yookiin callee yookiin uffata gatii guddaa qabuun utuu hin taʼin, karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan uffata seera qabeessa taʼeen of haa miidhagsan; dubartoota Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti hojii gaariidhaan of haa miidhagsan.” Kanaafuu, dubartoonnis taʼe dhiironni Kiristiyaanota taʼan namoonni naannoo isaanii akkaataa uffannaa namoota “Waaqayyoof bulleerra jedhan” irraa eegan qabaachuuf akka gaariitti itti yaaduu qabu. Keessumaa Kiristiyaanni tokko akkaataan uffannaa fi miidhagina isaa namoota ergaa Kitaaba Qulqulluu isaanitti himu irratti dhiibbaa akkamii geessisa jedhee irratti yaaduun isaa gaarii dha. (2 Qorontos 6:3) Kiristiyaanni fakkeenya gaarii taʼu tokko waaʼee filannaa isaa fi wanta mirga koo jedhee yaaduuf isaa gar malee yaaddaʼuu mannaa, warra kaan akka hin mufachiisne ykn akka hin gufachiisne yaaddaʼuu qaba.—Maatewos 18:6; Filiphisiyus 1:10.

Kiristiyaanni tokko akkaataan uffannaa fi miidhagina isaa warra kaan akka mufachiisu ykn akka gufachiisu yoo beeke, filannoo isaa caalaa nageenya hafuuraa warra kaaniitiif yaaduudhaan fakkeenya Phaawulos ergamaa hordofuu dandaʼa. Phaawulos, “Akkuma ani fakkeenya Kiristoos hordofu, isinis fakkeenya koo hordofaa” jedheera. (1 Qorontos 11:1) Akkasumas Phaawulos Yesuusiin ilaalchisee, “Kiristoos illee of hin gammachiisne” jedhee barreesseera. Gorsa Phaawulos Kiristiyaanota hundaaf dabarsuu barbaade ifa dha: “Nuti warri jaboo taane dadhabina warra jaboo hin taanee baachuu qabna malee, of gammachiisuu hin qabnu. Tokkoon tokkoon keenya wanta gaarii isaaniif goonee isaan ijaaruudhaan warra kaan haa gammachiisnu.”—Roomaa 15:1-3.

Dandeettii Hubachuu Keenya Guddifachuu

Dhimma kallattiidhaan qajeelfamni irratti hin kennamne irratti wanta Yihowaan itti gammadu beekuu akka dandeenyuuf dandeettii hubachuu keenya guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan yoo dubbisne, yeroo hunda yoo qoʼannee fi wanta dubbisne irratti yoo xiinxalle, dandeettiin hubachuu keenya ni guddata. Guddinni akkasii garuu takkaadhaan hin argamu. Akkuma guddina daaʼima tokko, guddinni hafuuraas suutuma suuta kan dhufu siʼa taʼu, yeruma sana ifatti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Kanaaf obsi barbaachisaa dha; saffisaan guddina arguu baannu illee aaruu hin qabnu. Karaa biraatiin immoo, akkasumaan yeroo dheeraan darbuun isaa qofti dandeettii hubannaa keenyaa hin guddisu. Yeroon kun akkuma olitti ibsamee ture Dubbii Waaqayyoo yeroo hunda soorachuu fi hamma nuuf dandaʼame jireenya keenya ittiin geggeeffachuudhaan kan dabarsinu taʼuu qaba.—Ibroota 5:14.

Haalawwan seerawwan Waaqayyootiin kan ajajamnu taʼuu keenya kan qoran siʼa taʼu, seerawwan buʼuuraa garuu haalli hafuura keenya hangam cimaa akka taʼee fi fedhii isa gammachiisuuf qabnu ni qoru jedhamuu dandaʼa. Karaa hafuuraa guddachaa yommuu deemnu, fakkeenya Yihowaa fi Ilma isaa hordofuuf caalaatti carraaqqii goona. Yaada Waaqayyoo isa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu irratti hundaaʼuudhaan murtoon keenya gochuuf hawwina. Wanta goonu hundaan abbaa keenya isa samii yommuu gammachiisnu, gammachuun keenyas ni dabala.

[Fakkii]

Akkaataan uffannaa naannoodhaa gara naannootti garaa gara taʼus, gama kanaan filannoo yeroo goonu seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffamuu qabna