Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Phaawulos 2 Qorontos 6:14 irratti “warra hin amanne” yommuu jedhu eenyuun argisiisuufi?

Lammaffaa Qorontos 6:14, “Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa” jedha. Yaada naannoo caqasichaa jiru yommuu ilaallu, Phaawulos waaʼee namoota kutaa gumii Kiristiyaanaa hin taanee dubbachaa akka jiru ifatti hubachuun ni dandaʼama. Phaawulos caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan biroo irratti ‘nama hin amanne’ ykn “warra hin amanne” jechuun isaas yaada kana deggera.

Fakkeenyaaf, Phaawulos Kiristiyaanota mana murtii “namoota hin amanne duratti” dhihaataniif gorsa cimaa kenneera. (1 Qorontos 6:6) Caqasa kana irratti namoota hin amanne kan jedhaman, abbootii murtii mana murtii Qorontos keessa tajaajilani dha. Phaawulos xalayaa isaa isas lammaffaa irratti Seexanni ‘sammuu warra hin amannee akka jaamse’ dubbateera. Ijji namoota hin amanne kanaa misiraachicha akka hin argineef ‘haguugameera.’ Phaawulos dursee, “Namni tokko yommuu gara Yihowaatti garagalu . . . haguuggichi irraa fuudhama” waan jedheef, namoonni hin amanne kunneen Yihowaa tajaajiluuf fedhii akka qaban hin argisiisne.—2 Qorontos 3:16; 4:4.

Namoota hin amanne kana keessaa tokko tokko jalʼina raawwatu ykn waaqa tolfama waaqeffatu. (2 Qorontos 6:15, 16) Haa taʼu malee, Yihowaa kan morman hunda isaanii miti. Isaan keessaa tokko tokko dhugaa beekuuf fedhii akka qaban ni argisiisaniiru. Baayʼeen isaanii hiriyaan gaaʼelaa isaanii Kiristiyaanota dha; hiriyaa gaaʼelaa isaanii kana wajjin jiraachuu isaanii itti fufuufis fedhii qabu. (1 Qorontos 7:12-14; 10:27; 14:22-25; 1 Pheexiros 3:1, 2) Haa taʼu malee, Phaawulos “warra hin amanne” yommuu jedhu akkuma olitti ibsame, namoota kutaa gumii Kiristiyaanaa isa warra “Gooftaatti amanan” of keessatti qabatee hin taane kan argisiisu dha.—Hojii Ergamootaa 2:41; 5:14; 8:12, 13.

Seerri buʼuuraa 2 Qorontos 6:14 irra jiru Kiristiyaanota haala jireenyaa kam irratti iyyuu argamaniif qajeelfama gaarii taʼa; akkasumas yeroo baayʼee Kiristiyaanota hiriyaa gaaʼelaa barbaadaniif gorsa kennuuf ni caqasama. (Maatewos 19:4-6) Ulaagaaleen naamusaa, galmii fi wanti Kiristiyaanni tokko itti amanu kan nama hin amannee irraa baayʼee adda waan taʼeef, Kiristiyaanni of murteessee cuuphame tokko namoota hin amanne keessaa hiriyaa gaaʼelaa barbaaddachuun isaa sirrii miti.

Namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼatanii fi walgaʼiiwwan gumii irratti argaman ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Babalʼistoota hin cuuphamne yoo taʼan hoo? Isaanis namoota hin amanne jedhamuu dandaʼuu? Lakki. Namoonni dhugaa misiraachichaa fudhatanii fi suutuma suuta gara cuuphaatti guddina gochaa jiran namoota hin amanne jedhamuu hin dandaʼan. (Roomaa 10:10; 2 Qorontos 4:13) Qorneelewos cuuphamuu isaa dura nama ‘Waaqayyoof bulee fi Waaqayyoon sodaatu’ jedhamee waamameera.—Hojii Ergamootaa 10:2.

Maarree gorsi cimaan Phaawulos 2 Qorontos 6:14 irratti warra hin amanne ilaalchisee kenne babalʼisaa hin cuuphamne tokko kan hin dabalanne erga taʼee, Kiristiyaanni of murteesse tokko babalʼisaa hin cuuphamne wajjin gaaʼelaaf wal qorachuun isaa sirrii dhaa? Sirrii miti. Akkas kan jennu maaliifi? Gorsi Phaawulos kallattiidhaan Kiristiyaanota abbaan manaa irraa duʼeef kenne gaaffii kanaaf deebii taʼa. Phaawulos, “Gooftaadhaan qofa haa taʼu malee nama barbaaddetti heerumuuf bilisa dha” jedhee barreessera. (1 Qorontos 7:39) Gorsa kanaa wajjin haala wal simuun, Kiristiyaanonni of murteessan “Gooftaadhaan qofa” hiriyaa gaaʼelaa akka barbaaddatan jajjabeeffamaniiru.

Jechi “Gooftaadhaan” jedhuu fi jechi wal fakkaataan ‘Kiristoosiin’ jedhu hiika maalii qaba? Phaawulos Roomaa 16:8-10 fi Qolosaayis 4:7 irratti kan dubbate waaʼee namoota karaa “Kiristoos” ykn “karaa Gooftaa” taʼaniiti. Caqasoota kana baastee utuu dubbistee, namoonni kun ‘isa anaa wajjin tajaajilu,’ ‘isa fudhatama argate,’ ‘obboleessa koo jaallatamaa,’ “tajaajilaa amanamaa” fi ‘isa anaa wajjin akka garbichaatti tajaajilu’ jedhamanii akka waamaman argita.

Namni tokko “akka garbichaatti Gooftaa tajaajilu” kan danda‵u yoomi? Garbichi tokko wanta isa irraa eegamu raawwachuuf fedhiidhaan yommuu of dhiheessuu fi yommuu of ganu dha. Yesuus, “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu” jedheera. (Maatewos 16:24) Namni tokko Kiristoos duukaa buʼuu fi fedha Waaqayyootiif guutummaatti bitamuu kan jalqabu yeroo Waaqayyoof of murteessu dha. Sana booda, cuuphaadhaaf of dhiheessuudhaan tajaajilaa muudamaa Yihowaa duratti fudhatama qabu taʼa. * Kanaaf, “Gooftaadhaan qofa” gaaʼela godhachuu jechuun, nama amane taʼuu isaa ifatti argisiise, akkasumas nama “garbicha Waaqayyoo fi garbicha Gooftaa Yesuus Kiristoos” taʼee of murteesse hiriyaa gaaʼelaa godhachuu jechuu dha.—Yaaqoob 1:1.

Namni tokko Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa fi guddina hafuuraa gaarii gochaa jiraachuun isaa gaarii dha. Taʼus, namni kun Yihowaadhaaf kan of hin murteessine taʼuu isaa irra iyyuu, jireenya tajaajiluu fi aarsaa kaffaluu gaafatuuf of hin dhiheessine. Amma iyyuu jijjiiramawwan barbaachisoo taʼan gochaa jira. Jireenya isaa keessaatti jijjiiramawwan buʼuuraa kan biroo kan akka gaaʼela hundeessuu jiran gochuu isaa dura jijjiirama Kiristiyaana of murteessee cuuphame taʼuuf godhu xumuruu qaba.

Obboleettiin tokko hamma inni cuuphamutti nan eega jechuudhaan nama qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaa irratti guddina gochaa jiruu wajjin gaaʼelaaf wal qorachuu jalqabuun ishii sirrii dhaa? Sirrii miti. Namni Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko obboleettiin cuuphamte tokko isatti heerumuu yoo barbaadde illee hamma inni cuuphamutti akka isa eegdu yoo beeke kaayyoo cuuphamuuf isa kakaasuu qabu irraa isa kaachisuu dandaʼa.

Yeroo baayʼee namni tokko babalʼisaa hin cuuphamne taʼee kan turu yeroo muraasaaf, jechuunis hamma sadarkaa cuuphaa irra gaʼutti qofa dha. Kanaafuu gorsi armaan olitti gooftaadhaan qofa gaaʼela akka godhannu nuuf kenname sirrii miti jechuu hin dandeenyu. Namni maatii Kiristiyaana taʼe keessatti guddatee fi umurii gaaʼela godhachuu irra gaʼe tokko, babalʼisaa hin cuuphamnee fi gumii keessatti waggoota muraasaaf sochii gochaa turee wajjin gaaʼelaaf wal qorachuu jalqabuu ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Yihowaadhaaf akka of hin murteessine wanti gufuu isatti taʼe maali dha? Cuuphamuu irraa duubatti kan jedhu maaliifi? Wantoota shakku tokko tokko waan qabuufii? Haalli isaa akkas yoo taʼe namoota hin amanne keessatti kan ramadamu taʼuu baatus “Gooftaadhaan” jedhamuu hin dandaʼu.

Gorsi Phaawulos gaaʼela ilaalchisee kenne faayidaadhuma keenyaafi dha. (Isaayyaas 48:17) Namoonni gaaʼela godhachuuf yaadan lamaan Yihowaadhaaf kan of murteessan yoo taʼan, kakuun waliif galan karaa hafuuraa buʼuura cimaa qabaata. Amala naamusaa fi galma wal fakkaatu qabaatu. Kun immoo gaaʼela gammachiisaa akka qabaatan gochuu irratti gumaacha guddaa qaba. Hunda caalaa garuu namni tokko “Gooftaadhaan qofa” gaaʼela godhachuun isaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabu kan argisiisu taʼuu isaa irra iyyuu, eebba Yihowaa isa ‘nama amanamaa taʼeef amanamaa taʼuu’ isaaf argamsiisa.—Faarfannaa 18:25.

[Miiljalee]

^ key. 10 Kiristiyaanota dibamoo Phaawulos jalqaba isaanii barreesseef, “akka garbichaatti Gooftaa tajaajilu” jechuun ilmaan Waaqayyoo fi obboloota Kiristoos taʼanii dibamuu isaaniis kan dabalatu dha.

[Fakkii]

‘Yihowaan nama amanamaa taʼeef amanamaa taʼa’