Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Isa Mootii Barabaraa Taʼe Waaqeffadhaa

Yihowaa Isa Mootii Barabaraa Taʼe Waaqeffadhaa

“Mootii bara baraa . . . sanaaf baruma baraan ulfinnii fi guddinni haa taʼu!”​—1 XIM. 1:17.

1, 2. (a) “Mootii bara baraa” kan taʼe eenyudha? Maqaan ulfinaa kun kan isaaf maluhoo maaliifi? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Akkaataan Yihowaan Mootii taʼuudhaan itti bulchu isatti akka dhihaannu kan nu godhu maaliifi?

SOOBUUZAA MOOTICHI lammaffaan gara waggaa 61f Suwaazilaandiin bulcheera. Biyyoota mootiidhaan bulaniifi yeroo ammaa jiran keessaa mootiin waggaa dheeraa hammanaatiif bulche hin jiru. Soobuuzaa Mootichi waggaa dheeraadhaaf bulchuunsaa kan nama dinqisiisu taʼus, mootiin bulchiinsisaa dheerina umrii ilmaan namootaa isa gabaabaa taʼeen hin daangeffamne jira. Macaafni Qulqulluun mootiin kun, “Mootii bara baraa” akka taʼe dubbata. (1 Xim. 1:17) Faarfatichi Bulchaa Uumama Cufaa kana, “Waaqayyo [“Yihowaan,” NW] yeroo hundumaa, baruma baraanis mootiidha” jechuudhaan maqaasaatiin waameera.​—Far. 10:16.

2 Waaqayyo baroota dheeraadhaaf kan bulchu taʼuunsaa bulchiinsa ilmaan namootaarraa baayʼee adda isa godha. Haataʼu malee, Yihowaatti akka dhihaannu kan nu godhu akkaataa inni itti bulchudha. Mootiin bara duriitti waggaa 40f Israaʼeliin bulche tokko akkas jechuudhaan Waaqayyoon jajatee ture: “Waaqayyo ooʼa-qabeessaa fi araara-qabeessa, aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha [‘jaalala amanamaas in argisiisa,’ NW]. Waaqayyo teessoo isaa bantiiwwan waaqaa keessa dhaabbateera, mootummaan isaas waan hundumaa irratti gooftummaa qaba.” (Far. 103:8, 19) Yihowaan Mootii keenya qofa utuu hin taʼin, Abbaa keenya isa samii jaalala qabeessa taʼedha. Kun gaaffiin armaan gadii akka kaʼu godha: Yihowaan Abbaa kan taʼe karaawwan kamiini? Eedenitti hammeenyi erga raawwatamee kaasee aangoo Mootii taʼuudhaan qabutti fayyadamaa kan ture akkamitti? Deebiin gaaffiiwwan kanaa caalaatti Yihowaatti dhihaachuufi garaa guutuudhaan isa waaqeffachuuf kan nu kakaasudha.

MOOTIIN BARABARAA MAATII UUMAMA CUFAA HUNDEESSE

3. Miseensa maatii uumama cufaa isa jalqabaa kan taʼe eenyudha? “Ilmaan Waaqayyoo” taʼanii kan uumaman kan biraan eenyufaʼi?

3 Yihowaan Ilmasaa isa tokkicha ennaa uumetti gammachuu guddaan akka isatti dhagaʼame ifadha. Waaqayyo, Ilmasaa kana gadaanaa akka taʼetti hin ilaalle. Kanaa mannaa, akka Ilmasaatti isa jaallata; uumamawwan mudaa hin qabne uumuurrattis akka hirmaatu isa afeereera. (Qol. 1:15-17) Kunimmoo ergamoota kuma hedduutti lakkaaʼaman uumuu kan dabalatudha. Ergamoonni, ‘warra ajajasaa raawwatan’ kan jedhaman ennaa taʼu, gammachuudhaan Waaqayyoon tajaajilu; Waaqayyos akka ‘ilmaansaatti’ isaan ilaaluudhaan ulfina isaaniif kenneera. Ergamoonni kun miseensa maatii uumama cufaati.​—Far. 103:20-22; Iyo. 38:7.

4. Ilmaan namootaa miseensa maatii uumama cufaa kan taʼan akkamitti?

4 Yihowaan samiifi lafa erga uumee booda maatiin uumama cufaa akka balʼatu godheera. Yihowaan, lafti bareedduufi jireenyaaf mijooftuu akka taatu erga godhee booda, Addaam isa nama jalqabaa taʼe akka bifasaatti uumuudhaan uumamawwan lafarra jiraatanirratti aboo akka qabaatu godhe. (Uma. 1:26-28) Yihowaan Uumaa waan taʼeef, Addaam akka isaaf abboomamu eeguunsaa sirrii ture. Yihowaan Abbaa waan taʼeef qajeelfamasaa hunda jaalalaafi gaarummaarratti hundaaʼee kenneera. Qajeelfamoonni kun matumaa mirga kan nama dhabsiisan hin turre.​—Uumama 2:15-17 dubbisi.

5. Waaqayyo ilmaan namootaa lafa akka guutaniif qophii akkamii godhe?

5 Mootota ilmaan namootaarraa haala adda taʼeen, Yihowaan akka miseensota maatiisaatti isaan amanuudhaan namoota isaaf bitamaniif itti gaafatamummaa ni kenna. Fakkeenyaaf Yihowaan, Addaam lubbu qabeeyyii kaanirratti aboo akka qabaatu kan godhe siʼa taʼu, hojii gammachiisaafi rakkisaa taʼe, jechuunis bineensotaaf maqaa akka moggaasu itti gaafatamummaa kenneefii ture. (Uma. 1:26; 2:19, 20) Waaqayyo ergaan takkaatti namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi mudaa hin qabne hin uumne. Kanaa mannaa, gargaartuu mudaa hin qabneefi Hewwaan jedhamtu Addaamiif uume. (Uma. 2:21, 22) Achiis, hiriyoonni gaaʼelaa kun ijoollee horuudhaan lafa akka guutan carraa isaaniif kenne. Ilmaan namootaa haala mudaa hin qabne akkasiitiin guutummaan lafaa Jannata akka taatu gochuu dandaʼu turan. Kutaa maatii uumama cufaa taʼuudhaan ergamoota samiirraa wajjin tokkummaadhaan barabaraaf Yihowaa waaqeffachuu dandaʼu turan. Dhugumayyuu carraa dinqisiisaa taʼe qabu turan. Haalli kun Yihowaan abbaa jaalala qabeessa taʼuusaa akka gaariitti kan ibsudha.

ILMAAN HAMOO BULCHIINSA WAAQAYYOO MORMAN

6. (a) Maatii uumama cufaa keessatti hamminni kan jalqabe akkamitti? (b) Hamminni gaʼuunsaa Yihowaan lafa toʼachuu dhiise jechuu kan hin taane maaliifi?

6 Kan nama gaddisiisu Addaamiifi Hewwaan Yihowaan Gooftaa Uumama Cufaa taʼuusaatti gammadanii hin jiraanne. Kanaa mannaa, Seexana isa ilmaan Waaqayyoo keessaa tokko tureefi Waaqayyorratti kaʼe duukaa buʼuu filatan. (Uma. 3:1-6) Bulchiinsa Waaqayyoorraa fagaatanii jiraachuunsaanii isaaniifi ijoolleesaaniirratti waraansa, rakkinaafi duʼa fideera. (Uma. 3:16-19; Rom. 5:12) Yeroo sanaa kaasee namoonni lafarraa Waaqayyoof bitamuu didan. Kana jechuun Waaqayyo lafa toʼachuu ni dhiise ykn namoota lafarra jiraatanirratti olaantummaa qabu ni dhabe jechuudhaa? Gonkumaa akkas jechuu miti! Addaamiifi Hewwaaniin iddoo dhaabaa Eeden keessaa ariʼuufi namoonni kun iddoo sanatti akka hin deebineef karaa isa gara jannataatti geessu kiruubeliin eegsisuudhaan, aboo akka qabu argisiiseera. (Uma. 3:23, 24) Utuma kun taʼee jiruu, Waaqayyo kaayyoo maatii uumama cufaa isa ilmaan hafuuraafi ilmaan namootaa qabu hundeessuuf baase itti raawwatu ilaalchisee jaalala abbummaasaa argisiiseera. “Sanyii” Seexanaafi miidhaa cubbuu Addaam raawwateen dhufe balleessu akka fidu abdii kenneera.​—Uumama 3:15 dubbisi.

7, 8. (a) Bara Nohitti biyyi lafaa hangam mancaʼee ture? (b) Yihowaan lafa qulqulleessuufi maatii ilmaan namootaa eeguuf maalfaa godhe?

7 Jaarraawwan hedduu sana booda turanii kaasee namoonni tokko tokko Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuu filataniiru. Abeeliifi Henook isaan keessaa tokkodha. Namoonni heduun garuu Yihowaa akka Abbaafi Mootiisaaniitti fudhachuu didanii turan. Bara Nohitti lafti ‘humnaan walirratti kaʼuudhaan guutamtee’ turte. (Uma. 6:11) Kana jechuun Yihowaan wantoota lafarratti raawwataman toʼachuu ni dhiise jechuudhaa? Macaafni Qulqulluun waaʼee kanaa maal ibsa?

8 Mee seenaa waaʼee Nohi dubbatu haa ilaallu. Yihowaan, Nohi markaba guddaa isaafi maatiisaa oolchu akka ijaaru qajeelfama balʼaafi ifa taʼe kenneefii ture. Akkasumas Waaqayyo, Nohi ‘qajeelina akka lallabu’ gochuudhaan jaalala guddaa ilmaan namootaa maatiisaa taʼan hundaaf qabu argisiiseera. (2 Phe. 2:5) Nohi namoonni badiisa dhufuuf jedhu jalaa akka oolaniif yaada qalbii akka geddaratan isaanitti himaa kan ture taʼus, namni isa dhagaʼe hin jiru ture. Nohiifi maatiinsaa waggoota hedduudhaaf, biyya lafaa hammeenyaafi gadhiisiidhaan mancaʼe keessa jiraataniiru. Yihowaan akka Abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkootti, namoota saddeettan sana eegeera, akkasumas eebbiseera. Bishaan Badiisaa fiduudhaan olaantummaa ilmaan namootaa jalʼoo taʼaniifi ergamoota hamoo taʼanirratti qabu argisiiseera. Dhugumayyuu Yihowaan lafa toʼachuusaa hin dhiisne.​—Uma. 7:17-24.

Yihowaan yeroo hunda akka bulchuu argisiiseera (Keeyyata 6, 8, 10, 12⁠fi 17 ilaali)

BULCHIINSA YIHOWAA ISA BISHAAN BADIISAA BOODAA

9. Yihowaan Bishaan Badiisaa booda ilmaan namootaatiif carraa akkamii kennee ture?

9 Nohiifi maatiinsaa lafa qulqullooftetti akkuma gad baʼaniin, garaansaanii dinqisiifannaa eegumsa Yihowaan isaaniif godheen guutamee akka ture hin shakkisiisu. Akkuma markabicha keessaa baʼaniin, Nohi iddoo aarsaa ijaaruudhaan Yihowaadhaaf aarsaa dhiheesse. Waaqayyo, Nohiifi ilmaansaa kan eebbise siʼa taʼu, “Horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa!” isaaniin jedhe. (Uma. 8:20–9:1) Yeroo kanattis ilmaan namootaa waaqeffannaadhaan tokko taʼuuf, akkasumas lafa guutuuf carraa argatanii turan.

10. (a) Bishaan Badiisaa booda bulchiinsa Yihowaarratti fincilli kan kaʼe eessatti? Kan kaʼehoo akkamitti? (b) Yihowaan fedhasaa akka raawwatu mirkaneessuuf tarkaanfii akkamii fudhate?

10 Haataʼu malee, Bishaan Badiisaa cubbuu ilmaan namootaa hin balleessine; sana boodas namoonni dhiibbaa Seexanaafi ergamoota hamoo wajjin qabsoo gochuun isaan barbaachiseera. Utuu baayʼee hin turin namoonni bulchiinsa Yihowaa isa jaalalarratti hundaaʼerratti kaʼuu jalqaban. Fakkeenyaaf, Naamrud haala kanaan dura taʼee hin beekneen bulchiinsa Yihowaarratti morkii kaase. Naamrud, ‘adamsaa jabaa Yihowaa mormu’ (NW) akka taʼe ibsameera. Magaalota gurguddoo kanneen akka Baabel hundeesseera; akkasumas ‘biyya Shiinaaritti’ mootii of godheera. (Uma. 10:8-12) Mootiin barabaraa, mootii jalʼaa taʼeefi kaayyoo Waaqayyo namoonni akka ‘lafa guutaniif’ qaburratti kaʼe kanarratti tarkaanfii akkamii fudhata laata? Waaqayyo afaan namoota bulchiinsa Naamrud jala turanii waliin makuudhaan isaan burjaajessee, “guutummaa irra lafaa irra namoota in bittimse.” Namoonni kun yommuu bittimfaman waaqeffannaa sobaafi akkaataa bulchiinsaa ilmaan namootaa fudhatanii deeman.​—Uma. 11:1-9.

11. Yihowaan, Abrahaam isa michuusaa taʼeef amanamummaa kan argisiise akkamitti?

11 Bishaan Badiisaa booda namoonni hedduun waaqayyolii sobaa kan waaqeffatan taʼus, namoonni amanamoo taʼan tokko tokko Yihowaadhaaf kabaja kennuusaanii itti fufaniiru. Namoota kana keessaa tokko Abrahaam isa magaalaa Ur ishee soorettii taate dhiisee deemuudhaan dunkaana keessa waggoota hedduudhaaf jiraatedha. (Uma. 11:31; Ibr. 11:8, 9) Yeroo Abrahaam jireenya tikfattee jiraachaa turetti, mootonni naannoosaa turan hedduun magaalota dallaadhaan marfaman keessa jiraatu turan. Yihowaan garuu Abrahaamiifi maatiisaatiif eegumsa godheera. Faarfatichi, eegumsa Yihowaan akka abbaa taʼuudhaan isaaniif godhe ilaalchisee, “Waaqayyo, namni tokkollee akka isaan cunqursu hin goone, inni isaaniif jedhee mootota iyyuu ifate” jedheera. (Far. 105:13, 14) Yihowaan, Abrahaam isa michuusaa taʼeef amanamaa waan tureef, “Mootonni si keessaa akka baʼan nan godha” jechuudhaan waadaa isaaf galeera.​—Uma. 17:6; Yaq. 2:23.

12. Yihowaan olaantummaasaa Gibxiirratti kan argisiise akkamitti? Kunoo sabasaatiif buʼaa akkamii argamsiise?

12 Waaqayyo, ilma Abrahaam kan taʼe Yisihaqiifi ilma ilmasaa kan taʼe Yaaqoobiinis akka eebbisu waadaa kan gale siʼa taʼu, kunis hidda dhalootaa isaaniirraa mootonni akka kaʼan gochuu kan dabalatu ture. (Uma. 26:3-5; 35:11) Haataʼu malee sanyiin Yaaqoob, mootonni isaan keessaa baʼan argamuusaanii dura garbummaadhaan Gibxii keessa jiraachuu jalqaban. Kun taʼuunsaa, Yihowaan abdii kenne akka hin raawwanne ykn lafa bulchuu akka dhiise kan argisiisudhaa? Matumaa! Yihowaan yeroonsaa ennaa gaʼu, humnaafi olaantummaasaa Faraʼoon isa mata jabeessa taʼetti argisiiseera. Israaʼeloonni garbummaa jala turanis Yihowaa isa haala dinqisiisaa taʼeen Galaana Diimaa akka ceʼan gochuudhaan isaan oolchetti amanamaniiru. Yihowaan yeroo kamittiyyuu taanaan, Uumama Cufarratti Olaantummaa kan qabu, akkasumas Abbaa sabasaa eeguuf humnasaa isa guddaatti fayyadamu taʼuusaa argisiiseera.​—Baʼuu 14:13, 14 dubbisi.

YIHOWAAN MOOTII ISRAAʼEL TAʼE

13, 14. (a) Israaʼeloonni yommuu faarfatan Yihowaan Mootii taʼuusaa kan ibsan akkamitti? (b) Mootummaa ilaalchisee Waaqayyo Daawitiif abdii akkamii kenne?

13 Israaʼeloonni, haala dinqisiisaa taʼeen hacuuccaa Gibxii jalaa akkuma baʼaniin, faarfannaa galataa hedduu Yihowaadhaaf faarfatan. Faarfannaan Baʼuu boqonnaa 15⁠rra jiru kun, labsii lakkoofsa 18⁠rratti argamuufi “Waaqayyo yeroo hundumaa, baruma baraanis in moʼa” jedhu kan dabalatudha. Yihowaan saba haaraa kanaaf Mootii taʼee akka ture ifadha. (Kes. 33:5) Haataʼu malee, sabichi Yihowaa isa Bulchaa ijaan hin argamne taʼetti gammadanii jiraachuu hin barbaanne. Gibxii erga baʼanii waggaa 400 booda, akka saboota ollaasaanii mootii akka isaaniif moosisu Waaqayyoon gaafatan. (1 Sam. 8:5) Yeroo kanattis taanaan Yihowaan Mootii kan ture siʼa taʼu, mootii Israaʼel isa lammaffaa kan taʼe Daawit yeroo moosifametti kun ifatti mulʼateera.

14 Daawit saanduqa kakuu gara Yerusaalemitti geessee ture. Yeroo gammachiisaa taʼe kanatti, Lewwoonni faarfannaa galataa bakka guddaa qabu, 1 Seenaa 16:31⁠rra jiruufi “Isaan saba lafa irraa keessatti, ‘Waaqayyo mootii dha!’ haa jedhan!” jedhu faarfataniiru. Tarii namni tokko, ‘Yihowaan Mootii barabaraa erga taʼee, yeroo sanatti Mootii taʼe kan jedhamu akkamitti?’ jedhee gaafata taʼa. Yihowaan yeroo aangoosaatti fayyadamutti ykn yeroo waan tokko raawwachuuf nama bakka buufate hundatti Mootii akka taʼe argisiiseera. Akkaataan Yihowaan itti bulchu kun faayidaa guddaa kan qabudha. Yihowaan, Daawit duʼuusaa dura, mootummaan Daawit barabaraaf kan itti fufu taʼuusaa, “Sanyii kee keessaa tokko iddoo kee mootii nan godha; innis warra ati dhalchite keessaa tokko in taʼa; mootummaa isaas nan jabeessa” jechuudhaan itti himee ture. (2 Sam. 7:12) Abdiin kenname kun raawwiisaa kan argate waggaa 1,000 ol booda, jechuunis “sanyiin” ykn ilmi Daawit erga mulʼatee booda ture. Mootiin kun eenyu? Mootii kan taʼuhoo yoomi?

YIHOWAAN MOOTII HAARAA MUUDE

15, 16. Yesus Mootii gara fuulduraa taʼee kan muudame yoomi? Yommuu lafarra turetti Mootummaasaatiif qophii akkamii godhe?

15 Dh.K.B. bara 29⁠tti Yohannis Cuuphaan, “Mootummaan waaqaa dhiʼaateera” jechuudhaan lallabuu jalqabee ture. (Mat. 3:2) Yesus, yommuu cuuphametti, Yihowaan Masiihicha abdachiifameefi gara fuulduraatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo godhee isa muudeera. Yihowaan jaalala guddaa Yesusiif qabu, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jechuudhaan ibseera.​—Mat. 3:17.

16 Yesus yommuu lafarratti tajaajilaa ture Abbaasaatiif ulfina kenneera. (Yoh. 17:4) Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuudhaan kana raawwateera. (Luq. 4:43) Duuka buutonnisaallee Mootummaan kun akka dhufu akka kadhatan isaan barsiiseera. (Mat. 6:10) Yesus, Mootii Muudame waan taʼeef warra isa mormaniin, “Mootummaan Waaqayyoo gidduu keessan jira” jedheera. (Luq. 17:21) Yeroo booda, jechuunis galgala duʼuusaa dura turetti ‘mootummaa’ tokko ilaalchisee duuka buutotasaatiif kakuu galeera. Achiis bartoonnisaa amanamoo taʼan tokko tokko Mootummaa Waaqayyoo keessatti isaa wajjin mootota taʼuu akka dandaʼaniif carraa isaaniif kenneera.​—Luqaas 22:28-30 dubbisi.

17. Yesus jaarraa tokkoffaatti bulchuu kan jalqabe akkamitti? Taʼus maal eeggachuu qaba ture?

17 Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchuu kan jalqabe yoomi? Battaluma sanatti mootii taʼuu hin dandaʼu ture. Gaafuma sana waaree booda kan qabame yommuu taʼu, duuka buutonnisaas ni faffacaʼan. (Yoh. 16:32) Haataʼu malee, akkuma kanaan duraa wantoonni hundi toʼannaa Yihowaa jala turan. Yihowaan gaafa guyyaa sadaffaa, Yesusiin duʼaa kan kaase yommuu taʼu, Ilmisaa kunis, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti gumii Kiristiyaanaa obbolootasaa dibamoo taʼan qabate karaa hafuuraa bulchuu jalqabe. (Qol. 1:13) Haataʼu malee, Yesus sanyii abdachiifame waan taʼeef hanga guutummaatti lafarratti mootii taʼutti eeggachuu qaba ture. Yihowaan Ilmasaatiin, “Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti, ati gara mirga koo taaʼi!” jedheera.​—Far. 110:1.

MOOTII BARABARAA WAAQEFFADHAA

18, 19. Maal gochuuf kakaana? Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii baranna?

18 Ergamoonniifi ilmaan namootaa, waggoota kuma hedduutti lakkaaʼamaniif bulchiinsa Yihowaarratti fincila kaasaa turaniiru. Taʼus Yihowaan olaantummaasaa hin dhiisne; kanaa mannaa toʼachuusaa itti fufeera. Yihowaan akka Abbaa jaalala qabeessa taʼeetti namoota akka Nohi, Abrahaamiifi Daawit jiraniif eegumsa godheera. Maarree kun Mootii keenyaaf bitamuufi caalaatti isatti dhihaachuuf nu hin kakaasuu?

19 Haataʼu malee gaaffii akkas jedhu gaafanna taʼa: Yihowaan yeroo harʼaatti Mootii kan taʼe akkamitti? Mootummaa Yihowaatiif amanamummaadhaan bitamaa akka jirruufi miseensota maatii uumama cufaa taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhachuun keenya maal argisiisa? Matadureen ittaanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.