Daaniʼel 6:1-28

  • Abbootiin taayitaa Faarsi Daaniʼel irratti mariʼatan (1-9)

  • Daaniʼel kadhachuu isaa itti fufe (10-15)

  • Daaniʼel boolla leencotaa keessatti darbatame (16-24)

  • Daariyos Mootichi Waaqa Daaniʼeliif ulfina kenne (25-28)

6  Daariyos guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota koonyaa 120 muuduuf murteesse.+  Isaan irratti abbootiin taayitaa ol aanoon sadii kan muudaman yeroo taʼu, isaan keessaa tokko Daaniʼel ture;+ faayidaa mootichaa eegsisuuf bulchitoonni koonyaa+ kun gabaasa isaaniif dhiheessu turan.  Daaniʼel hafuurri adda taʼe isa keessa waan jiruuf, abbootii taayitaa ol aanoo fi bulchitoota koonyaa kaan caalaa dandeettii kan qabu taʼee argame;+ mootichis guutummaa mootummaa isaa keessatti iddoo guddaa isaaf kennuu barbaadee ture.  Yeroo sanatti abbootiin taayitaa ol aanoonii fi bulchitoonni koonyaa dhimmoota mootummaa wajjin haala wal qabateen Daaniʼel irratti himata dhiheessuuf sababa barbaadaa turan; haa taʼu malee, inni amanamaa, kan hin dhiboofnee fi balleessaa tokko illee kan hin qabne waan tureef, sababa itti isa himatanis taʼe balleessaa tokko illee isa irratti argachuu hin dandeenye.  Achiis namoonni kun, “Wanta seera Waaqa isaa wajjin wal qabatuun yoo taʼe malee, sababa Daaniʼel kana himachuu itti dandeenyu tokko illee hin argannu” jedhan.+  Kanaafuu, abbootiin taayitaa ol aanoonii fi bulchitoonni koonyaa sun gareedhaan taʼanii gara mootichaatti ol seenanii akkana isaan jedhan: “Yaa Daariyos Mootii, bara baraaf jiraadhu.  Yaa mootii, abbootiin taayitaa mana mootummaa, hoggantoonni, bulchitoonni koonyaa, gorsitoonni mootichaa fi bulchitoonni hundi labsii mootummaa tokko baasuu fi dhorkaa tokko kaaʼuuf waliin mariʼataniiru; innis guyyaa 30f namni si malee waaqa yookiin nama kan biraatti kadhannaa dhiheessu kam iyyuu boolla leencotaa keessatti akka darbatamu+ kan ibsu dha.  Egaa, yaa mootii, akkuma seera Meedonii fi Faarsi isa haqamuu hin dandeenye+ sanaatti kan hin jijjiiramne akka taʼuuf, labsii kana raggaasisiitii irratti mallatteessi.”+  Kanaafuu, Daariyos Mootichi labsii sanaa fi dhorkaa sana irratti ni mallatteesse. 10  Daaniʼel garuu labsiin sun akka irratti mallatteeffame akkuma hubateen, gara kutaa mana isaa isa baaxii manaa irra jiruu fi foddaan isaa kallattii Yerusaalemitti banamee jiru sanaa ni deeme.+ Achiis akkuma sana dura yeroo hundumaa gochaa ture, guyyaatti siʼa sadii jilbeenfatee Waaqa isaa ni kadhate, ni jajates. 11  Yeroo kanatti namoonni sun tasa yommuu seenan Daaniʼel Waaqa isaa duratti fudhatama argachuuf iyyataa fi kadhannaa utuu dhiheessuu argan. 12  Kanaafuu, isaan mooticha duratti dhihaatanii, “Yaa mootii, ati dhorkaa guyyaa 30f namni si malee waaqa yookiin nama kan biraa kamitti iyyuu kadhannaa dhiheessu hundi boolla leencotaa keessatti akka darbatamu ibsu irratti mallatteessitee hin turree?” jedhanii dhorkaa mootichi baase sana isa yaadachiisan. Mootichis, “Dhimmi kun akka seera Meedonii fi Faarsi isa haqamuu hin dandeenye sanaatti akka gaariitti raggaasifameera” jedhee isaaniif deebise.+ 13  Isaanis yeruma sana mootichaan, “Yaa mootii, Daaniʼel inni namoota Yihudaa keessaa boojiʼaman keessaa tokko taʼe+ siifis taʼe dhorkaa ati irratti mallatteessite sanaaf kabaja hin qabu; kanaa mannaa, guyyaatti siʼa sadii kadhannaa dhiheessaa jira”+ jedhan. 14  Mootichis akkuma kana dhagaʼeen baayʼee dhiphate; karaa itti Daaniʼeliin oolchuu dandaʼus yaaduu jalqabe; hamma biiftuun lixxuttis isa oolchuuf wanta dandaʼu hundumaa ni godhe. 15  Xumura irrattis namoonni sun gareedhaan gara mootichaatti ol seenanii, “Yaa mootii, akka seera Meedonii fi Faarsitti dhorkaan yookiin labsiin mootichi raggaasise kam iyyuu jijjiiramuu akka hin dandeenye hubadhu”+ isaan jedhan. 16  Kanaafuu, mootichi ajaja ni kenne; isaanis Daaniʼeliin fidanii boolla leencotaa keessatti darbatan.+ Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee inni ati utuu wal irraa hin kutin tajaajiltu si oolcha” jedhe. 17  Achiis dhagaa tokko fidanii afaan boolla sanaa irra kaaʼan; Daaniʼeliin ilaalchisee murtoo godhamee wajjin haala wal qabateen wanti tokko illee akka hin jijjiiramneefis mootichi qubeellaa chaappaa isaatiin, akkasumas qubeellaa chaappaa guguddoota isaatiin chaappaa irratti ni godhe. 18  Achiis mootichi gara mana mootummaa isaa deeme. Halkan sana hagabuu isaa bule, bashannanna akkamii irratti iyyuu hirmaachuu ni dide,* rafuus hin dandeenye.* 19  Mootichi ganama bariidhaan kaʼee dafee gara boolla leencotaa dhaqe. 20  Gara boolla sanaatti yeroo dhihaatus sagalee gaddaatiin Daaniʼeliin ni waame. Mootichi, “Tajaajilaa Waaqa jiraataa kan taate yaa Daaniʼel, Waaqni kee inni ati utuu wal irraa hin kutin tajaajiltu leencota irraa si oolchuu dandaʼeera?” jedhee isa gaafate. 21  Daaniʼelis yeruma sana mootichaan akkana jedhe: “Yaa mootii, bara baraaf jiraadhu. 22  Yaa mootii, Waaqni koo maleekaa isaa ergee afaan leencotaa waan cufeef,+ isaan miidhaa tokko illee na irraan hin geenye;+ sababiin isaas, ani isa duratti qulqulluu taʼee argameera; si irrattis balleessaan raawwadhe hin qabu.” 23  Mootichis baayʼee gammade; Daaniʼeliin boollicha keessaa akka baasanis ni ajaje. Daaniʼelis boollicha keessaa ni baafame; inni Waaqa isaa amanatee waan tureef, miidhaan tokko illee isa irra hin geenye.+ 24  Achiis mootichi ajaja ni kenne; namoonni Daaniʼeliin himatan* sun fidamanii ilmaanii fi haadhotii manaa isaanii wajjin boolla leencotaa keessatti darbataman. Leenconni sunis boollicha keessatti utuu isaan lafa hin gaʼin isaan qolatanii lafee isaanii hundumaa caccabsan.+ 25  Achiis Daariyos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota qooqa garaa garaa dubbatanii fi guutummaa lafaa irratti argaman hundumaatiif akkana jedhee barreesse:+ “Nagaan isiniif haa baayʼatu! 26  Namoonni bulchiinsa mootummaa koo jala jiran hundi Waaqa Daaniʼel duratti sodaadhaan akka romʼan ajaja kenneera.+ Sababiin isaas, inni Waaqa jiraataa bara baraaf jiraatu dha. Mootummaan isaa matumaa hin balleeffamu; bulchiinsi* isaas kan bara baraa ti.+ 27  Inni ni oolcha,+ ni fayyisas; samii keessattis taʼe lafa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan ni raawwata;+ inni harka leencotaa irraa Daaniʼeliin oolcheera.” 28  Akka kanaan Daaniʼel mootummaa Daariyosii+ fi mootummaa Qiiros isa nama Faarsi+ taʼe sanaa keessatti milkaaʼina ni argate.

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “sirbitoonni ol hin seenne.”
Kal., “hirriibni isaa irraa ni bade.”
Ykn., “maqaa balleessan.”
Ykn., “ol aantummaan.”