Amoos 5:1-27

  • Israaʼel akka durba kuftee ti (1-3)

  • Waaqa barbaaddadhaa, jiraadhaas (4-17)

    • Wanta hamaa jibbaa, wanta gaarii jaalladhaa (15)

  • Guyyaan Yihowaa guyyaa dukkanaa ti (18-27)

    • Aarsaan Israaʼel ni jibbame (22)

5  “Yaa mana Israaʼel, dubbii ani akka faaruu gaddaatti isin irratti dubbadhu kana dhagaʼaa:   ‘Durbi sun, jechuunis Israaʼel ni kufte;Ishiin lammata kaʼuu hin dandeessu. Lafuma ishii irratti dhiifamteetti;Kan ishii kaasus hin jiru.’  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Magaalaa namoota kuma tokko fudhattee duultuuf nama dhibba tokko qofatu hafa;Ishii namoota dhibba tokko fudhattee duultuuf immoo kudhan qofatu hafa; kun mana Israaʼel irratti ni raawwatama.’+  “Sababiin isaas, Yihowaan mana Israaʼeliin akkana jedha: ‘Na barbaaddadhaa, lubbuudhaanis jiraadhaa.+   Beeteliin hin barbaadinaa,+Gara Gilgaal hin dhaqinaa+ yookiin gara Ber Sheebaatti hin ceʼinaa,+Sababiin isaas, Gilgaal dhugumaan boojuudhaan ni fudhatamti,+Beetelis ni balleeffamti.*   Yihowaa barbaaddadhaa, lubbuudhaanis jiraadhaa,+Taʼuu baannaan garuu, inni akka ibiddaatti mana Yoseef irratti ni dhufa,Beeteliin ni nyaata, namni ibiddicha dhaamsus hin jiraatu.   Isin haqa gara hadheessaatti jijjiirtu,Qajeelummaas lafatti darbattu.+   Inni tuuta urjiilee Kiimaa* fi tuuta urjiilee Kasiil* tolche,+Inni dukkana cimaa gara ifa ganamaatti jijjiiru,Inni guyyaa akka halkaniitti dukkaneessu,+Inni lafa irratti isaan dhangalaasuufBishaanota galaanaa waamu,+Maqaan isaa Yihowaa dha.   Inni isa cimaa irratti badiisni hatattamaa akka dhufu ni godha,Akka kanaan, iddoowwan dallaa dhagaa qaban ni barbadeessa. 10  Isaan warra karra magaalaa irratti adaba kennan ni jibbu,Warra dhugaa dubbatanis ni balfu.+ 11  Isin isa hiyyeessa irraa kiraa lafa qonnaa* waan gaafattaniif,Midhaan isaas akka gibiraatti waan fudhattaniif,+Manneen dhagaa bocame irraa ijaarrattan keessa jiraachuus taʼe,+Mukeetii wayinii filatamoo warra ofii keessanii dhaabdan irraa daadhii wayinii dhuguu keessan itti hin fuftan.+ 12  Ani fincilli* keessan hammam akka baayʼate,Cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe beeka,Isin isa qajeelaa ni miitu,Mattaʼaa* ni fudhattu,Karra magaalaa irrattis isa hiyyeessa mirga isaa ni dhowwattu.+ 13  Kanaafuu, warri hubannaa gad fagoo qaban yeroo sanatti ni callisu,Sababiin isaas, inni yeroo badiisaa ti.+ 14  Lubbuudhaan jiraachuu keessan akka itti fuftaniif,+Wanta hamaa utuu hin taʼin, wanta gaarii barbaaddadhaa.+ Taanaan akkuma isin inni isinii wajjin akka jiru dubbattan,Yihowaan Waaqni Raayyaa isinii wajjin ni taʼa.+ 15  Wanta hamaa jibbaa, wanta gaarii jaalladhaa,+Karra magaalaa irratti haqni akka dagaagu godhaa.+ Tarii Yihowaan Waaqni RaayyaaWarra sanyii Yoseef keessaa hafanitti gaarummaa ni argisiisa taʼa.’+ 16  “Kanaafuu, Yihowaan Waaqni Raayyaa, Yihowaan akkana jedha: ‘Addabaabayiiwwan hundumaa irratti booʼichi ni jiraata,Daandiiwwan hundumaa irrattis, “Wayyoo, wayyoo!” ni jedhu. Akka gaddaniif qonnaan bultoota,Akka booʼaniifis boossistoota ni waammatu.’ 17  ‘Ani isin gidduu waanan darbuuf,Maasii wayinii hundumaa keessatti namoonni ni booʼu’+ jedha Yihowaan. 18  ‘Warra guyyaa Yihowaa hawwaniif wayyoo!+ Egaa, guyyaan Yihowaa isiniif hiika maalii qaba?+ Inni dukkana taʼa malee ifa hin taʼu.+ 19  Guyyaa sanatti isin akka nama yommuu leenca jalaa baqatu amaakenni itti dhufuu,Yommuu mana isaatti seenee harka isaatiin girgiddaatti hirkatu immoo bofti isa hidduu ni taatu. 20  Guyyaan Yihowaa ifa utuu hin taʼin dukkana,Ifa guddaa utuu hin taʼin dukkana cimaa ni taʼa mitii? 21  Ani ayyaanota keessan nan jibba, nan tuffadhas,+Urgaa walgaʼiiwwan qulqulluu keessaniittis hin gammadu. 22  Utuma isin aarsaa guutummaatti gubamuu fi aarsaa kennaadhaan dhihaatu naaf dhiheessitanii illee,Ani isaanitti hin gammadu;+Horiiwwan coccoomoon aarsaa gamtaa gootanii dhiheessitanis na duratti fudhatama hin argatan.+ 23  Waca faarfannaawwan keetii na irraa fageessi;Muuziqaa meeshaalee muuziqaa ribuu qabaniin taphattus dhagaʼuu hin barbaadu.+ 24  Haqni akka bishaaniitti,+Qajeelummaanis akka laga yeroo hundumaa yaaʼuutti haa yaaʼu. 25  Yaa mana Israaʼel, yommuu waggaa 40f lafa onaa keessa turtanitti,Aarsaawwanii fi aarsaawwan akka kennaatti dhihaatan naaf fidaa turtanii?+ 26  Amma Saakuut isa mootii keessan taʼee fi Kiwaan,*Fakkiiwwan keessan, jechuunis waaqa urjii ofiif tolfattan baattanii deemtu. 27  Gara biyya Damaasqoo irraa garasitti argamuutti boojuudhaan akka fudhatamtan nan godha’+ jedha inni maqaan isaa Yihowaa Waaqa Raayyaa taʼe.”+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “wanta hamaa ni taati.”
Tuuta urjiilee Oriyoon kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Urjiilee Piliyaadis warra tuuta urjiilee Taawuras keessa jiran kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn., “gibira lafaa.”
Ykn., “Maallaqa wanta sirrii hin taane dhoksuuf kaffalamu.”
Ykn., “yakki.”
Waaqoliin kun lamaan isaanii iyyuu pilaaneetii Saatarni isa akka waaqa tokkootti waaqeffatamu kan argisiisan taʼuu dandaʼu.