Iyyaasuu 8:1-35

  • Iyyaasuun Aay irratti namoota riphan qopheesse (1-13)

  • Aay toʼannaa jala oolte (14-29)

  • Seerichi Gaara Eebaal irratti dubbifame (30-35)

8  Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe: “Hin sodaatin yookiin hin jeeqamin.+ Loltoota hundumaa fudhadhuutii dhaqii Aayiin waraani. Kunoo, ani mootii Aay, saba isaa, magaalaa isaa fi biyya isaa harka keetti dabarsee kenneera.+  Akkuma Yerikoo fi mootii ishii irratti goote Aayii fi mootii ishii irrattis godhi;+ boojuu ishii keessaa argamuu fi horiiwwan ishii garuu saamaatii ofii keessaniif fudhadhaa. Magaalattii duubaanis riphaa eeggadhaa.”  Kanaafuu, Iyyaasuunii fi loltoonni hundi Aayiin waraanuuf ni deeman. Iyyaasuunis loltoota jajjaboo 30,000 filatee halkaniin isaan erge.  Akkana jedhees isaan ajaje: “Magaalattii duubaan riphaa eeggadhaa. Magaalattii irraa fagaattanii hin deeminaa; hundi keessanis qophaaʼoo taʼaa.  Anii fi namoonni anaa wajjin jiran hundi gara magaalattiitti ni dhihaanna; akkuma kanaan duraa yeroo isaan nutti dhufan,+ nuti immoo isaan jalaa ni baqanna.  Yommuu baʼanii nu duukaa buʼanittis nuti magaalattii irraa isaan ni fageessina; isaanis, ‘Isaan akkuma kanaan duraa nu jalaa baqachaa jiru’+ jedhu. Nutis isaan jalaa ni baqanna.  Yeroo kanatti isin iddoo riphxan sana keessaa baatanii magaalattii ni qabattu; Waaqni keessan Yihowaanis magaalattii harka keessanitti dabarsee ni kenna.  Magaalattii akkuma qabattaniinis ibidda ishiitti qabsiisaa.+ Akkuma Yihowaan dubbate godhaa. Kunoo, ani isin ajajeera.”  Achiis Iyyaasuun isaan ni erge; isaanis gara bakka itti riphan sanaa ni dhaqan; Beetelii fi Aay gidduu bakka Aay irraa kallattii dhihaatti argamutti iddoo isaanii ni qabatan; Iyyaasuun halkan sana sabichaa wajjin bule. 10  Iyyaasuun ganama bariidhaan kaʼee loltoota sana erga walitti qabee booda, innii fi jaarsoliin Israaʼel loltoota sana gara Aayitti geessan. 11  Loltoonni+ isaa wajjin turan hundis ol baʼanii gara fuuldura magaalattiitti dhihaatan. Isaanis Aay irraa kallattii kaabaatiin buufatan; isaanii fi Aay gidduu sululatu jira ture. 12  Yeroo kanatti inni gara dhiirota 5,000 fudhatee kallattii dhiha magaalattiitiin, Beetelii+ fi Aay gidduu akka riphan godhee ture.+ 13  Kanaafuu, sabichi buufata isa guddaa kallattii kaaba magaalattiitiin+ ni dhaabe; loltoonni warri duubaa immoo dhiha magaalattiitiin+ jiru turan; Iyyaasuunis halkan sana gara walakkaa sululichaa* ni deeme. 14  Mootiin Aayis kana akkuma argeen, bakka fuullee gammoojjii sanaa jiru tokkotti Israaʼeliin waraanuuf namoota magaalattii fudhatee ganama bariidhaan baʼee qajeele. Haa taʼu malee, magaalattii duubaan namoonni riphanii isa eeggatan akka turan hin beekne ture. 15  Namoonni Aay yommuu isaan haleeluu jalqabanitti, Iyyaasuunii fi guutummaan Israaʼel daandicha qabatanii kallattii lafa onaatiin ni baqatan.+ 16  Achiis namoonni magaalattii keessa jiran hundi akka isaan ariʼaniif ni waamaman; isaanis utuma Iyyaasuu ariʼanii magaalattii irraa ni fagaatan. 17  Dhiirri Israaʼelota ariʼuuf Aayii fi Beetel keessaa hin baane tokko illee hin turre. Magaalattiis banaa dhiisanii Israaʼeliin ni ariʼan. 18  Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan, “Ani magaalattii harka keetti dabarsee waanan kennuuf,+ eeboo harka kee irra jiru gara Aayitti qabi”+ jedhe. Kanaafuu, Iyyaasuun eeboo harka isaa irra jiru gara magaalattiitti ni qabe. 19  Innis yeroo harka isaa diriirsetti, warri riphanii turan hatattamaan iddoo isaaniitii baʼanii gara magaalattiitti fiiganii ishii qabatan. Yeruma sanas magaalattiitti ibidda qabsiisan.+ 20  Namoonni Aayis garagalanii yommuu ilaalan aarri magaalattii gara samiitti yommuu ol baʼu ni argan; kallattii kamiin iyyuu baqachuufis humna ni dhaban. Achiis namoonni gara lafa onaatti baqachaa turan namoota isaan ariʼaa turanitti garagalan. 21  Iyyaasuunii fi guutummaan Israaʼel loltoonni riphanii turan sun magaalattii qabachuu isaanii fi aarri magaalattii ol baʼuu isaa yommuu argan, duubatti garagalanii namoota Aayiin ni haleelan. 22  Warri kaanis isaan waraanuuf magaalattii keessaa baʼanii ni dhufan; kanaafuu, Israaʼelonni muraasni garanaan, muraasni immoo garasiin waan isaanitti dhufaniif, namoonni Aay gidduutti kiyyoo keessa galan; waan isaan haleelaniifis, isaan keessaa namni ooluu yookiin miliquu dandaʼe tokko illee hin turre.+ 23  Mootii Aay+ garuu akkuma lubbuudhaan jirutti qabanii Iyyaasuu duratti dhiheessan. 24  Israaʼelonni jiraattota Aay hundumaa dirree keessatti, jechuunis lafa onaa bakka jiraattonni Aay isaan ariʼaa turan keessatti ajjeesanii erga isaan fixanii booda, namoonni hafan hundis goraadeedhaan erga rukutamanii booda, Israaʼelonni hundi gara Aayitti deebiʼanii goraadeedhaan ishii rukutan. 25  Dhiira dubartii utuu hin jedhin namoonni Aay hundi warri guyyaa sanatti ajjeefaman walumaa galatti namoota 12,000 turan. 26  Iyyaasuun jiraattota Aay hundumaa guutummaatti hamma balleessutti+ harka isaa isa ittiin eeboo qabate hin dachaasne.+ 27  Haa taʼu malee, akkuma Yihowaan Iyyaasuu ajajee turetti, Israaʼelonni horii fi boojuu magaalattii keessaa argame ofiif ni fudhatan.+ 28  Achiis Iyyaasuun Aayiin gubee tuullaa diiggaa taatee akka haftu godhe;+ hamma harʼaattis akkanuma taatee jirti. 29  Achiis Iyyaasuun mootii Aayiin hamma galgalaatti muka irratti ni fannise; yeroo aduun lixuuf jettuttis reeffa isaa muka irraa akka buusan ni ajaje.+ Isaanis reeffa isaa karra magaalattii biratti gatanii tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan sunis hamma harʼaatti achuma jira. 30  Yeroo kanatti Iyyaasuun Gaara Eebaal+ irratti Yihowaa Waaqa Israaʼeliif iddoo aarsaa tokko ni ijaare; 31  kunis, akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe Israaʼelota ajajetti, akkasumas akkuma kitaaba Seera+ Musee keessatti, “Dhagaa hin bocamnee fi meeshaan sibiilaa hin tuqne irraa iddoo aarsaa tolchi”+ jedhamee barreeffametti dha. Isa irrattis Yihowaadhaaf aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa ni dhiheessan.+ 32  Achittis inni dhagoota sana irratti garagalchii Seera+ Museen Israaʼelota duratti barreesse+ sanaa ni barreesse. 33  Guutummaan Israa’el, jaarsoliin isaanii, geggeessitoonnii fi abbootiin murtii isaanii Leewwota luboota taʼan warra taabota kakuu Yihowaa baachaa turan dura Taaboticha irraa garanaa fi garasiin dhaabbachaa turan. Namoonni biyya ormaas taʼan lammiiwwan biyyattii+ achi jiru turan. Isaan saba Israaʼel eebbisuuf (Akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe ajajee turetti),+ walakkaan isaanii Gaara Geriizim fuullee, walakkaan isaanii immoo Gaara Eebaal+ fuullee ni dhaabbatan. 34  Kana booda akkuma kitaaba Seerichaa+ keessatti barreeffametti, dubbii guutummaa Seerichaa, jechuunis eebbawwanii+ fi abaarsawwan+ sana sagalee isaa ol kaasee dubbise. 35  Iyyaasuun wantoota Museen ajaje hundumaa keessaa wanti inni dubartoota, ijoollee fi namoota biyya ormaa warra isaan gidduu jiraatan*+ dabalatee,+ guutummaa gumii Israaʼel duratti sagalee isaa ol kaasee utuu hin dubbisin dhiise tokko illee hin turre.+

Miiljaleewwan

Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Kal., “deeman.”