Badiisni Amantii Sobaa Dhihaateera!
Oduu Mootummichaa Lakk. 37
Ergaa Namoota Hundumaaf Ergame
Badiisni Amantii Sobaa Dhihaateera!
▪ Amantiin Sobaa Maalidha?
▪ Kan badu akkamitti?
▪ Badiisa kanarraa ooluuf maal gochuu qabda?
Amantiin sobaa maalidha?
Maqaa amantiitiin yakki yeroo raawwatamu ni gadditaa? Waraana, goolii uumtummaafi malaammaltummaa namoonni tajaajiltoota Waaqayyooti ofiin jedhan raawwatan si gaddisiisaa? Maddi rakkoowwan hundumaa amantiidha kan jennu maaliifi?
Kanaaf kan itti gaafatamu amantii hundaa utuu hin ta’in, amantii sobaa qofadha. Miseensota amantii baay’ee biratti kabajamaa kan ta’e Yesus Kiristos, akkuma ‘mukti gadheen ija hamaa godhatu’ amantiin sobaas miseensota hojii gadhee raawwatan godhata jedhee dubbateera. (Maatewos 7:15-17) Haata’u malee, iji amantiin sobaa godhatu maalidha?
Amantiin Sobaa . . .
◼ WARAANAAFI SIYAASA KEESSATTI HIRMAATA: Barruun Eeshiyaawiik jedhamu, “Eeshiyaa marattis ta’e biyyoottan garabiraatti geggeessitoonni amantii tokko tokko, fedhii aangoo argachuuf qaban bakkaan ga’achuuf jecha ilaalcha namoonni amantiidhaaf qabaniin fayyadamu” jedheera. Kanaan kan ka’es barruun kun akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Yeroon haalli biyya lafaa kun to’annaa ala itti ta’u waan dhihaate fakkaata.” Dura bu’aan amantii Yuunaayitid Isteet keessa jiraataniifi beekamaa ta’an tokko: “Ajjeechaan akka dhaabatuuf jalqaba goolii uumtota ajjeesuu qabdu” jedhaniiru. Wanta kanaaf furmaata akkamii kennan? “Hundasaanii maqaa Gooftaatiin balleessaa” kan jedhu ture. Macaafni Qulqulluun garuu haala kanarraa faallaa ta’een: “Namni, ‘Waaqayyoon nan jaalladha’ jedhee, obboleessa isaa immoo yoo jibbe, inni sobduu dha” jedha. (1 Yohannis 4:20) Kanaa mannaa Yesus: “Diinota keessan jaalladhaa” jedheera. (Maatewos 5:44) Amantiiwwan miseensonnisaanii waraanarratti hirmaatan meeqa beekta?
◼ BARUMSA SOBAA BABAL’ISA: Dhaabbileen amantii baay’een, namni tokko erga du’ee booda, lubbuun yookiin hafuurri qaamasaarraa gargar baatee jiraattuufi ijaan hin argamne jirti jedhanii barsiisu. Isaan keessaa baay’eensaanii barumsa kanarratti hundaa’uudhaan lubbuu namoota du’aniitiif kadhannaa gochuuf qarshii kaffalchiisuudhaan miseensotasaanii saamu. Macaafni Qulqulluun garuu wanta kanarraa adda ta’e barsiisa. “Lubbuun cubbuu hojjetu inni in du’a.” (Hisqi’el 18:4, 1899) “Warri jiran akka du’an beeku, warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan.” (Lallaba 9:5) Yesus namoonni akka du’aa ka’an barsiiseera; namoonni lubbuu hin duune kan qaban yoo ta’e garuu, du’aa ka’uun isaan hin barbaachisu jechuudha. (Yohannis 11:11-25) Amantiin ati hordoftu lubbuun hin duutu jedhee barsiisaa?
◼ SAALQUNNAMTII SEERAAN ALA RAAWWATAMU CALLISEE ILAALA: Gareen amantii biyyoota tokko tokko keessatti argaman, namoota seeraan ala saalqunnamtii dhiiraafi dhiira, yookiin durbaafi durba gidduutti raawwatan luba godhanii kan muudan yommuu ta’u, mootummaanis gaa’ela saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu akkasii kana akka heyyamu dhiibbaa godhu. Dhaabbileen amantii saalqunnamtii seeraan ala raawwatamu balaaleffatanis, geggeessitoonni amantii yeroo ijoollee xixinnoo gudeedan callisanii ilaalu. Macaafni Qulqulluun kana ilaalchisee maal barsiisa? Akkas jechuudhaan ifatti dubbata: “Hin gowwoominaa! Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaa’an, warri nama gadhoomsanis, . . . matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.” (1 Qorontos 6:9, 10) Dhaabbilee amantii saalqunnamtii seeraan ala raawwatamu callisanii ilaalan beektaa?
Maatewos 7:19) Eeyyee, amantiin sobaa ni murama; ni balleeffamas! Haata’u malee, kun akkamittiifi yoom raawwatama? Kutaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e macaafni Mul’ata boqonnaa 17 fi 18rratti gaaffii kanaaf deebii kenna.
Dhaabbileen amantii ija gadhee godhatan dhumnisaanii maal ta’a? Yesus: “Mukti ija ba’eessa hin godhanne hundinuu in murama, ibiddattis in naqama” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Amantiin sobaa kan badu akkamitti?
Mee yaada armaan gadiirratti yaadi. Dubartiin ejjituun tokko dugda bineensa nama sodaachisu tokkorra teesseetti. Bineensichi mataa torbaafi gaanfa kudhan qaba. (Mul’ata 17:1-4) Dubartiin ejjituun kun eenyuun bakka buuti? Dubartittiin kun “mootota lafaa irratti” dhiibbaa kan geessistudha. Uffata bifa dhiilgee uffatteetti; ixaana ni aarsiti; baay’ees soorettiidha. Kana malee, ‘sabni hundinuu qoricha namatti gochuusheetiin gowwoomfamaniiru.’ (Mul’ata 17:18; 18:12, 13, 23) Macaafni Qulqulluun dubartiin ejjituun kun dhaabbata amantii addunyaa maratti argamtu ta’uushee akka hubannu nu gargaara. Kan isheen bakka buutus, amantii ija gadhee godhatan hundaa malee dhaabbata amantii tokko qofa miti.
Bineensi ejjituttiin kun ittiin guluftus, geggeessitoota siyaasa addunyaa kanaa kan argisiisudha. * (Mul’ata 17:10-13) Amantiin sobaa, siyaasa bineensatti fakkeeffamerra teessee, murtoo inni godhurratti dhiibbaa geessisuufi adeemsasaa to’achuu barbaaddi.
Haata’u malee, dhiheenyatti wanta nama dinqisiisu tokkotu raawwatama. “Gaanfonni kurnan ati argite, bineensichis ishee ejjituu sana jibbuuf jiru; isaan onsanii qullaatti ishee in hambisu; isaan foon ishee in nyaatu, ibiddaanis ishee in gubu.” (Mul’ata 17:16) Geggeessitoonni siyaasa addunyaa, utuu hin yaadaminiifi utuu hin eegamin haala nama sodaachisuun amantii sobaarratti ka’anii guutummaatti ishee balleessu! Tarkaanfii kana akka fudhatan kan isaan kakaasu maalidha? Kutaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e macaafni Mul’ataa: “Akeeka Waaqayyoo hojii irra akka oolchaniif, Inni [Waaqayyo] kana garaa isaanii keessa kaa’eera” jechuudhaan deebii kenna. (Mul’ata 17:17) Eeyyee, Waaqayyo gocha ciiggaasisaa amantiin sobaa maqaasaatiin raawwatteef guutummaatti akka itti gaafatamtu godha. Warri siyaasaa sanyooshee ta’an tarkaanfii cimaa akka irratti fudhatan gochuudhaan murtoo sirrii ta’e irratti dabarsa.
Badiisni amantii sobaarra ga’u akka sirra hin geenye yoo barbaadde maal gochuu qabda? Ergamaan Waaqayyoo tokko, “Yaa saba ko! . . . Kottaa, ishee keessaa ba’aa!” jechuudhaan akeekkachiisa kenneera. (Mul’ata 18:4) Eeyyee, amantii sobaa keessaa baqatanii ba’uuf yeroonsaa ammadha! Haata’u malee, garamitti baqatta? Namoonni Waaqayyo hin jiru jedhanis badiisni waan isaan eeggatuuf, garasaaniitti baqachuu hin qabdu. (2 Tasaloniiqee 1:6-9) Badiisarraa ooluu kan dandeessu gara amantii dhugaatti yoo baqatte qofadha. Erga akkas ta’ee, amantii dhugaa beekuu kan dandeessu akkamitti?
Amantii dhugaa beekuun kan danda’amu akkamitti?
Amantiin dhugaa ija gaarii akkamii godhachuu qaba?—Maatewos 7:17.
Amantiin Dhugaa . . .
◼ JAALALA ARGISIISA: Waaqeffattoonni dhugaa “kan biyya lafaa miti;” sanyiidhaan yookiin aadaadhaan wal hin qoodan; ‘wal jaallatu.’ (Yohannis 13:35; 17:16; Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Wal ajjeesuu mannaa waliif du’uu fedhu.—1 Yohannis 3:16.
◼ SAGALEE WAAQAYYOOTTI AMANA: Amantiin dhugaa, barumsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’ee barsiisa malee, ‘seera muka abbootii’ (duudhaa) yookiin “abboommii namaa akka seera Waaqayyootti” hin barsiisu. (Maatewos 15:6-9) Maaliif? Sababiinsaas, “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf” waan gargaaruufidha.—2 Ximotewos 3:16.
◼ TOKKUMMAA MAATIIFI AMALA GAARII AKKA QABAATAN JAJJABEESSA: Amantiin dhugaa ‘abbootiin manaa akkuma dhagnasaanii jaallatanitti haadhotii manaasaanii akka jaallatan,’ haadhotiin manaa ‘abbootii manaasaaniitiif akka ulfina kennan,’ ijoolleenis ‘abbootasaaniitiifi haadhotasaaniitiif akka abboomaman’ barsiisa. (Efesoon 5:28, 33; 6:1) Akkasumas, Kiristiyaanonni itti gaafatamummaa gara garaa qaban amala gaarii warra kaaniif fakkeenya ta’u akka argisiisan isaanirraa barbaada.—1 Ximotewos 3:1-10.
Amantiin ulaagaawwan kana guutu jiraa? Kitaabni Hoolookost Polatiks jedhamuufi bara 2001 maxxanfame akkas jedha: “Namoonni hundi barumsa Dhugaa Baatonni Yihowaa barsiisaniifi akkaataa jireenyaasaanii utuu hordofaniiru ta’ee, badiisni Waraana Addunyaa Lammaffaatti ga’es ta’e ajjeechaan sanyii namaa balleessuuf godhame hin ga’u ture.”
Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 235 keessatti argaman amala gaarii Macaafa Qulqulluu keessatti argamu barsiisuu qofa utuu hin ta’in, wanta barsiisanii wajjin haala wal simuun jiraatu. Haala Waaqayyo biratti fudhatama qabuun isa waaqeffachuufi ulaagaawwan inni sirraa barbaadu akka si barsiisaniif, Dhugaa Baatota Yihowaa akka gaafattu si jajjabeessina. Badiisni amantii sobaa waan dhihaateef yeroon kun har’a bor utuu hin jedhin yeroo itti tarkaanfii fudhattudha!—Sefaniyaa 2:2, 3.
Barumsa Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan barsiisan ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuu yoo barbaadde, teessoo armaan gaditti argamutti barreessuu dandeessa.
□ Birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu naa ergaa.
□ Macaafa Qulqulluu qayyabachuu waanan barbaaduuf na haasofsiisaa.
[Miiljalee]
^ Dhimma kanarratti ibsa dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’eefi Raawwiin Mul’ataa Dhihaateera! jedhamu (Amaariffaan) ilaali.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 3rra jiru]
Amantiin sobaa, “mootota lafaa irratti” dhiibbaa geessisti
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 3rra jiru]
“Yaa saba ko! . . . Kottaa, ishee keessaa ba’aa!”