Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Amma Addunyaa Jijjiiruu Akkan Qabu Natti hin Dhagaʼamu”

“Amma Addunyaa Jijjiiruu Akkan Qabu Natti hin Dhagaʼamu”
  • BARA DHALOOTAA: 1966

  • BIYYA DHALOOTAA: FIINLAANDI

  • SEENAA: NAMA JIJJIIRAMA HAWAASAATIIF FALMU

JIREENYA KOO DURAA:

Ijoollummaa kootii kaasee uumama baayʼeen jaalladha. Magaalaa giddu gala Fiinlaandi keessatti argamtuu fi Yuuvaaskuwiilaa jedhamtu keessa jiraanna turre. Maatiin keenya yeroo baayʼee bashannanaaf gara bosonawwan dinqisiisoo fi haroowwan babbareedoo magaalaa keenyatti marsanii jiran dhaqu turan. Bineeldotas baayʼeen jaalladha. Yeroon ijoollee turetti adurree fi sareen arge hunda hammachuun barbaada ture! Yommuun guddachaa deemu immoo miidhaan namoonni bineeldota irraan geessisan na aarsuu jalqabe. Yeroo booda dhaabbata mirga bineeldotaaf falmu tokkottan makame. Achittis namoota ilaalcha akka koo qabanii wajjinan wal bare.

Duulawwan mirga bineeldotaa eegsisuuf godhaman irratti dammaqinaan hirmaanna turre. Odeeffannoowwan kanaa wajjin wal qabatan ni babalʼisna; akkasumas suuqiiwwan rifeensa bineeldotaa gurguranii fi laaboraatoriiwwan qorannaadhaaf bineeldotatti fayyadaman irratti hiriira mormii ni qindeessina turre. Dhaabbata haaraa bineeldotaaf eegumsa godhu illee hundeessinee turre. Kaayyoo keenya galmaan gaʼuuf, tarkaanfiiwwan guguddaa waan fudhannuuf yeroo baayʼee abbootii taayitaa wajjin walitti buuna turre. Kanaan kan kaʼes yeroo baayʼee qabamee mana murtiitti dhihaadheera.

Waaʼee bineeldotaa yaaddaʼuu malees rakkoowwan addunyaa maratti gaʼaniin nan dhiphadhan ture. Yeroo booda Amnastii Intarnaashinaalii fi Giriinpiis dabalatee dhaabbilee adda addaa keessatti hirmaachuun jalqabe. Humna koo guutuudhaan sochii isaanii deggeruu irrattin xiyyeeffadhe. Mirgi namoota hiyyeeyyii taʼanii, beelaan hubamanii fi rakkatanii akka eegamu falmaan ture.

Haa taʼu malee, oolee bulee addunyaa jijjiiruu akkan hin dandeenye hubachuu dandaʼeera. Dhaabbileen kunneen rakkoowwan xixinnoodhaaf furmaata kennuu kan dandaʼan taʼus, rakkoowwan guguddaan garuu caalaatti hammaachaa waan deeman fakkaata ture. Humnoonni hammeenyaa guutummaa addunyaa liqimsaa kan jiranii fi namni waaʼeen dhimmoota kanaa isa yaaddessu kan hin jirre fakkaata ture. Anis homaa gochuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼame.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Homaa gochuu kan hin dandeenye taʼuun koo waan na gaddisiiseef, waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu yaaduun jalqabe. Kanaan dura Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaan ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaarummaa kan natti argisiisanii fi kan naaf yaadan taʼuu isaanii kanan dinqisiifadhe taʼus, akkaataa jireenyaa koo jijjiiruuf qophaaʼaa hin turre. Yeroo kanatti garuu haalli isaa jijjiiramee ture.

Achiis Kitaaba Qulqulluu koo fuudhee dubbisuun jalqabe. Wantin dubbises jajjabina guddaa naaf kenne. Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun bineeldota gaarummaadhaan kunuunsuu akka qabnu kan nu barsiisan taʼuu isaan hubadhe. Fakkeenyaaf, Fakkeenyi 12:10, “Namni qajeelaan beeladoota isaa ni kunuunsa” jedha. Rakkoowwan addunyaa irra jiran kan fide Waaqayyo akka hin taanes hubachuu dandaʼeera. Kanaa mannaa rakkoowwan keenya ittuma caalaa kan deeman, namoonni hedduun qajeelfama Waaqayyoo waan hin hordofneef taʼuu isaas hubadheera. Waaʼee jaalalaa fi obsa Yihowaa yommuun beeku baayʼeen dinqisiifame.—Faarfannaa 103:8-14.

Yeroo sanatti foormii Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu argadheen guutee erge. Utuma baayʼee hin turin hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼan gara mana koo dhufanii Kitaaba Qulqulluu isaanii wajjin akkan qoʼadhu na affeeran. Anis affeerraa isaanii nan fudhadhe. Akkasumas walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa galma walgaʼiitti godhaman irratti argamuun jalqabe. Kanaan kan kaʼes wantan Kitaaba Qulqulluu irraa baradhu jaallachuun jalqabe.

Kitaaba Qulqulluudhaaf galanni haa taʼuutii, jireenya koo keessatti jijjiiramawwan hedduu gochuu dandaʼeera. Tamboo xuuxuu fi garmalee dhuguu dhiiseera. Akkasumas qulqullina koo eeggachuun jalqabe; kana malees akkaataa dubbii koo nan jijjiire. Ilaalchan abbootii taayitaatiif qabus nan sirreesse. (Roomaa 13:1) Jireenya gadhiisii naamusaan ala taʼe jiraachaa tures nan dhiise.

Wanti jireenya koo keessatti baayʼee natti ulfaate, ilaalchan dhaabbilee mirga namootaa fi bineeldotaa eegsisuuf falmaniif qabu sirreessuu ture. Sirreeffama kana gochuun salphaa hin turre. Jalqaba irratti dhaabbilee kana dhiisee baʼuun isaan ganuu akka taʼe natti dhagaʼama ture. Haa taʼu malee, addunyaa kanaaf abdii dhugaa kennuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe hubachuu dandaʼeera. Humna koo guutuudhaan Mootummaa kana deggeruu fi namoonni kaan waaʼee mootummaa kanaa akka beekan gargaaruufan murteesse.—Maatewos 6:33.

FAAYIDAA ANI ARGADHE:

Yeroon jijjiirama hawaasaatiif falmaa turetti, namoota gaarii ykn hamaa jedheen bakka lamatti qooda ture; namootan akka hamootti ilaalu irratti immoo tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti hin jedhun ture. Taʼus Kitaaba Qulqulluudhaaf galanni haa taʼuutii, namoota jibbuu dhiiseera. Kanaa mannaa namoota hundumaatti jaalala Kiristiyaanummaa argisiisuufan carraaqa. (Maatewos 5:44) Karaawwan jaalala kana itti argisiisu keessaa tokko misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namootatti himuu dha. Hojii gaariin kun namootaaf nagaa, gammachuu fi abdii dhugaa akka argatan kan gargaaru taʼuu isaa arguun koo na gammachiisa.

Wantoota na yaaddessan Yihowaatti gatee dhiisuudhaan, nagaa sammuu argachuu dandaʼeera. Yihowaan Uumaa waan taʼeef bineeldonnii fi namoonni bara baraaf akka cunqurfaman ykn lafti keenya ishiin bareedduu taate akka baddu kan hin heyyamne taʼuu isaa mirkanaaʼaa taʼeera. Faallaa kanaatiin yeroo dhihootti Mootummaa isaatti fayyadamee miidhaa gaʼe hundumaa guutummaatti ni sirreessa. (Isaayyaas 11:1-9) Gammachuu guddaa kan naaf argamsiisu, dhugaawwan kanneen beekuu koo qofa utuu hin taʼin, namoonni kaanis dhugaawwan kanneen irratti amantii akka qabaatan gargaaruu koo ti. Amma addunyaa kana jijjiiruu akkan qabu natti hin dhagaʼamu.