Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

DUBARTIIN akkaataa guddinaa gaddisiisaa qabdu tokko jireenya kaayyoo dhugaa qabu kan argatte akkamitti? Namni siyaasaa hamaa ture tokko tajaajilaa naga qabeessa taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanneenii argachuuf seenaawwan jireenyaa armaan gaditti ibsaman akka dubbistu si affeerra.

“Jaalala Argachuuf Hawwii Guddaan Qaba Ture.”—IINAA LEEZYININAA

BARA DHALOOTAA: 1981

BIYYA DHALOOTAA: RAASHIYAA

SEENAA: AKKAATAA GUDDINAA GAARII HIN TAANE KAN QABDU

JIREENYA KOO DURAA: Warri koo gurri isaanii kan hin dhageenye turan; anis ijoollummaa kootii kaasee gurri koo hin dhagaʼu. Hamma umurii koo waggaa jaʼaatti jireenya gammachiisaa ture. Sana booda garuu warri koo wal hiikan. Baayʼee ijoollee kanan ture taʼus miidhaa guddaa wal hiikuun geessisu sirriitti hubadheen ture. Warri koo erga wal hiikanii booda abbaan koo obboleessa koo hangafaa wajjin Tirooyitiskii keessa jiraachuu jalqaban; anii fi haati koo immoo gara Chelyaabinskii na fudhattee deemte. Yeroo booda haati koo deebistee heerumte. Abbaan buddeenaa koo garmalee dhugaatii alkoolii kan dhugu waan tureef yeroo baayʼee anaa fi haadha koo ni reeba ture.

Bara 1993⁠tti, obboleessi koo hangafaa ani baayʼee jaalladhu bishaaniin nyaatamee duʼe. Balaan kun maatii keenya guddaa naasisee ture. Yeroo booda haati koos dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu jalqabde; achiis ishiinis abbaa buddeenaa koo wajjin taʼuudhaan na miidhuu jalqabde. Kanaaf jireenya gaarii jiraachuuf carraaqqii gochuun jalqabe. Jaalala argachuuf hawwii guddaan qaba ture. Wanta na jajjabeessu argachuu gara waldaawwan gara garaa deemeera garuu waan tokko illee hin arganne.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Yeroo umuriin koo waggaa 13 taʼu intalli Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee fi kutaa koo barattu Kitaaba Qulqulluu irraa seenaawwan tokko tokko natti himte. Seenaa namoota akka Nohii fi Iyyoob warra Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi haala rakkisaa keessatti Waaqayyoon tajaajilanii barachuun baayʼee na gammachiise. Utuma baayʼee hin turin Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼiiwwan isaanii irratti argamuun jalqabe.

Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun koo dhugaawwan nama gammachiisan hedduu akkan hubadhu na gargaareera. Waaqayyo maqaa akka qabu beekuun koo baayʼee na dinqisiise. (Faarfannaa 83:18) Raajii Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” ilaalchisee dubbate sirriitti ibsamuun isaa baayʼee na ajaaʼibsiise. (2 Ximotewos 3:1-5) Kana malees abdii duʼaa kaʼuu yommuun baradhu baayʼeen gammade. Obboleessa koo wajjin deebiʼee akkan wal argu beekuun koo hangam akka na gammachiise yaaduu dandeessu!—Yohaannis 5:28, 29.

Haa taʼu malee, dhugaa ani argadhetti kan gammade nama hunda miti. Haati koo fi abbaan buddeenaa koo Dhugaa Baatota Yihowaatiif jibba guddaa qabu turan. Kanaafuu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo na dhaabsisuuf dhiibbaa gochuuf yaalanii turan. Taʼus wantan barachaa ture waanan jaalladheef qoʼannaa koo hin dhaabne.

Mormii maatii koo irraa na irra gaʼu dandamachuun salphaa hin turre. Obboleessi koo quxusuun walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti anaa wajjin argamaa tures, bishaanin yommuu liqimfamu haalli gaddisiisaan kan biraan maatii koo mudateera. Taʼus Dhugaa Baatonni ana irraa adda hin baane. Jaalala jireenya koo guutuu argachuuf hawwa ture isaan biratti argadheera. Kun amantii dhugaa taʼuu isaa hubadheera. Kanaaf bara 1996 cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Nama gaarii Dimitrii jedhamuu wajjin gaaʼela godhannee waggoota jaʼa waliin dabarsineerra. Waliin taanee waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa isa Seenti Piitisbargi keessa jiru keessa tajaajilaa jirra. Yeroo booda, warri koo ilaalchi isaan amantii kootiif qaban jijjiiramaa dhufeera.

Yihowaa beekuu kootti guddaan galateeffadha! Isa tajaajiluun koo jireenyi koo kaayyoo dhugaa akka qabaatu taasiseera.

[Yaada gabaabaatti fudhatame]

“Waaqayyo maqaa akka qabu beekuun koo baayʼee na dinqisiise”

[Fakkii]

Anii fi abbaan manaa koo barreeffamoota afaan mallattoo namoota gurri isaanii hin dhageenyeef qophaaʼetti fayyadamnee namoota kaan gargaaruun nu gammachiisa

“Gaaffiiwwan Na Jeeqan Hedduun Qaba Ture.”​—RAAWUDEEL ROODRIGEEZ ROODRIGEEZ

BARA DHALOOTAA: 1959

BIYYA DHALOOTAA: KUUBAA

SEENAA: FINCILAA SIYAASAA KAN TURE

JIREENYA KOO DURAA: Kanan dhaladhe Haavaanaa Kuubaa keessatti dha; kanan guddadhe immoo naannoo namoonni hiyyeeyyii taʼan keessa jiraatanii fi lolli itti baayʼatu keessatti dha. Yeroon guddachaa adeemu wantoonni akka juudoo fi ispoortiiwwan kan biroon na hawwachuu jalqaban.

Barataa cimaa waan tureef, warri koo yunivarsiitii akkan galu na jajjabeessan. Utuman yunivarsiitii jiruu haalli siyaasaa biyya keenyaa jijjiiramuu akka qabu natti dhagaʼamuu jalqabe. Kanaaf finciluufan murteesse. Gaaf tokko anii fi mucaa naa wajjin baratu wajjin taanee poolisii tokko reebnee meeshaa isaa harkaa fudhachuuf yaalii goone. Utuma wal lolaa jirruu mataa poolisichaa irra miidhaa guddaan gaʼe. Kanaan kan kaʼes, anii fi mucaa naa wajjin baratu sun mana hidhaa galle; achiis akka murtiin duʼaa nutti murteeffame. Ani reefuu waggaa 20 guuta, garuu ajjeefamuufan jedha!

Mana hidhaa sana keessa kophaa koo utuun jiruu namoota na ajjeesan sana duratti akkam akkan taʼu yaadaan ture. Sodaachuu koo akka beekan gochuu hin barbaanne. Garuu immoo gaaffiiwwan na jeeqan hedduun jiru turan. ‘Addunyaa irra jalʼinni haqaa akkas kan baayʼate maaliifi? Jireenyi kana qofa dha?’ jedheen yaada ture.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Duuti murtii natti murteeffame jijjiiramee hidhaa waggaa 30n akka adabamnu murteeffame. Dhugaa Baatota Yihowaa sababii amantii isaaniitiin hidhamanii wajjin kanan wal arge yeroo kanatti ture. Dhugaa Baatonni kunneen ija jabeeyyii garuu immoo naga qabeeyyii taʼuun isaanii baayʼee na dinqisiise. Balleessaa isaanii malee kan hidhaman taʼu illee aariin ykn jibbi isaan irratti hin mulʼatu.

Dhugaa Baatonni kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu na barsiisaniiru. Kitaaba Qulqulluu irraa lafa irraa yakkaa fi jalʼina haqaa balleessee gara jannataatti akka jijjiiru natti argisiisan. Lafti namoota gaariidhaan akka guutamtuu fi namoonni kun haala gaarii keessa carraa bara baraaf lafa irra jiraachuu akka qabaatan na barsiisan.—Faarfannaa 37:29.

Wantan Dhugaa Baatota Yihowaa irraa baradhe jaalladhus, amalli koo garuu akka isaanii hin turre. Dhimmoota siyaasa keessa galuu dhiisuun ykn nama maddii koo isa mirgaa kabaluuf maddii koo isa bitaa itti qabuun anaaf akka hin dandaʼamne godheen yaada ture. Kanaaf Kitaaba Qulqulluu ofuma kootiin dubbisuufan murteesse. Dubbisee yommuun xumuru, akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa amala gaarii kan qaban Dhugaa Baatonni Yihowaa qofa akka taʼanan hubadhe.

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo irraa jijjiiramawwan guguddaa gochuu akkan qabu hubadheen ture. Fakkeenyaaf, araada jechoota gadheetti fayyadamuu waan qabuuf dubbii koo irratti jijjiirama gochuu na barbaachisa ture. Kana malees tamboo xuuxuu dhiisuun qaba ture. Akkasumas dhimmoota siyaasaa irratti garee isa tokko deggeruu dhiisuun na barbaachisa ture. Jijjiiramawwan kanneen gochuun anaaf salphaa hin turre, taʼus gargaarsa Yihowaatiin yeroo booda milkaaʼina argachuu dandaʼeera.

Jijjiiramawwan guguddaa gochuun natti ulfaate keessaa tokko aarii koo toʼachuu ture. Yihowaan gama kanaan akkan of toʼadhu akka na gargaaru amma iyyuu nan kadhadha. Caqasawwan akka Fakkeenya 16:32, “Namni dafee hin aarre nama jabaa irra, namni aarii isaa toʼatus nama magaalaa injifatu irra wayya” jedhan jiran guddaa na gargaaraniiru.

Bara 1991⁠tti cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Kanan cuuphame barmeelii mana hidhaa keessa turee fi bishaaniin guutame keessatti dha. Waggaa itti aanu ana dabalatee namoonni mana hidhaa keessa turan tokko tokko gadhiifamnee Ispeen bakka firoonni keenya jiranitti ergamne. Akkuman Ispeen gaʼeen yeruma sana walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irrattin argame. Dhugaa Baatonni achi turanis akkuma nama waggoota hedduu dura na beekanitti na simatanii jireenya koo akka haaraatti akkan jalqabu na gargaaran.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Amma gammachuu qaba, haadha manaa koo fi ijoollee koo durbaa lamaan wajjin Waaqayyoon tajaajilaa jirra. Yeroo koo baayʼee isaa namoota kaan Kitaaba Qulqulluu barsiisuu irratti dabarsuu dandaʼuun koo guddaa na gammachiisa. Yeroo tokko tokko yeroon dargaggeessa turetti duuti natti murteeffamee ture yaadachuudhaan eebban sana booda argadhe nan dinqisiifadha. Amma lubbuudhaan jiraachuu qofa utuu hin taʼin abdii gara fuulduraas qaba. Jannata Waaqayyo fiduuf waadaa gale keessatti yeroo itti haqni babalʼatuu fi duuti itti hin jiraanne hawwiidhaanan eeggadha.—Mulʼata 21:3, 4.