Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Dubartoonni Kabaja Akka Argatan Barbaada

Waaqayyo Dubartoonni Kabaja Akka Argatan Barbaada

YESUUS yeroo lafa irra turetti, amaloota abbaa isaa fi akkaataa inni wantoota tokko tokko itti raawwatu guutummaatti calaqqisiiseera. Akkana jedheera: ‘Ani ofiin kakaʼee homaa hin godhu; kanaa mannaa wantoota kana kanan dubbadhu akkuma Abbaan na barsiisetti; yeroo hundumaa wanta isa gammachiisun godha.’ (Yohaannis 8:28, 29; Qolosaayis 1:15) Walitti dhufeenya Yesuus dubartootaa wajjin qabuu fi ilaalcha inni isaaniif qabu qoruudhaan, ilaalcha Waaqayyo dubartootaaf qabuu fi wanta inni isaan irraa barbaadu hubachuu dandeenya.

Hayyoonni hedduun seenaawwan Wangeelota keessatti ibsaman irratti hundaaʼuudhaan, ilaalchi Yesuus dubartootaaf qabu ilaalcha namoonni yeroo Wangeelli barreeffametti dubartootaaf qaban irraa guutummaatti adda akka taʼe hubachuu dandaʼaniiru. Maarree baayʼee adda kan taʼe karaawwan kamiini? Hunda caalaa immoo, barumsi isaa dubartoonni yeroo harʼaa jiran bilisummaa dabalataa akka argatan gochuu dandaʼaa?

Yesuus Dubartootaaf Ilaalcha Akkamii Qaba Ture?

Yesuus dubartoonni fedhii saalaa dhiirotaa guutuuf qofa kan uumaman akka taʼanitti hin ilaalu ture. Geggeessitoonni amantii Yihudii tokko tokko, saala faallaa wajjin hariiroo qabaachuun fedhii saalaa kan kakaasu akka taʼetti ilaalu. Dubartoonni madda qorumsaa akka taʼanitti waan ilaalamaniif, addabaabayiitti dhiirotaa wajjin dubbachuun ykn mataa isaanii utuu hin haguuggatiin deemuun isaaniif hin heyyamamu ture. Faallaa kanaatiin garuu, Yesuus dhiironni dubartoota of irraa fageessuu mannaa, fedhii saalaa isaanii akka toʼatanii fi dubartoota akka kabajan isaan gorseera.—Maatewos 5:28.

Kana malees Yesuus, “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ishii irratti ejja raawwata” jedheera. (Maarqos 10:11, 12) Kanaaf, Yesuus barumsa amantii Yihudii yeroo sanatti babalʼatee jiruu fi dhiironni “sababiidhuma taʼeen” haadha manaa isaanii akka hiikan isaaniif heyyamu hin fudhanne. (Maatewos 19:3, 9) Yaanni haadha manaa isaa irratti ejja raawwata jedhu Yihudoota hedduudhaaf haaraa ture. Barsiisonni seeraa kun abbaan manaa matumaa haadha manaa isaa irratti ejja raawwachuu hin dandaʼu, ejja kan raawwatu dubartoota qofa dha jedhanii barsiisu turan! Akka barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko jedhetti, “Yesuus abbaa manaatiifis taʼe haadha manaatiif ulaagaa wal fakkaatu baasuudhaan dubartootaaf bakki guddaan akka kennamuu fi akka kabajaman godheera.”

Buʼaa yeroo harʼaatti barumsi isaa argamsiisu: Gumii Kiristiyaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti, walgaʼiiwwan isaanii irratti dubartoonni bilisummaadhaan dhiirota wajjin haasaʼu. Haa taʼu malee, dhiironni Kiristiyaanota taʼan “dubartoota maanguddoo akka haadhotaatti, dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti qulqullummaa hundumaatiin” waan ilaalaniif, karaa sirrii hin taaneen nu ilaalu ykn hariiroo hin barbaachisne uumuuf yaalu jedhanii hin sodaatan.—1 Ximotewos 5:2.

Yesuus yeroo fudhatee dubartoota barsiiseera. Yesuus ilaalcha barsiisota seeraa yeroo sanatti babalʼatee turee fi dubartoonni akka hin baranne dhowwu irraa haala faallaa taʼeen isaan barsiiseera, yaada isaanii akka ibsanis isaan jajjabeesseera. Maariyaam isa irraa barachuudhaan gammachuu akka argattu heyyamuudhaan, Yesuus iddoon dubartootaa gola ykn kushinaa keessa hojjechuu qofa akka hin taane ibseera. (Luqaas 10:38-42) Deebii gaarii Maartaan ishiin obboleettii Maariyaam taate erga Alaazaar duʼaa kaʼee booda Yesuusiif kennite irraa akka hubannutti, ishiinis barumsa isaa irraa faayidaa argatteetti.—Yohaannis 11:21-27.

Yesuus ilaalcha dubartoonni qabaniif bakka guddaa kenna ture. Bara sanatti dubartoonni Yihudootaa hedduun kan isaan gammachiisu ilma isaan boonsu qabaachuu, dandaʼamnaan immoo ilma raajii taʼe qabaachuu akka taʼe amanu turan. Dubartoota kanneen keessa ishiin tokko sagalee ishii ol kaastee, “Gadameessi si baate . . . gammadaa dha!” yommuu jettu, Yesuus carraa kanatti fayyadamee wanti kana irra caalu akka jiru dubbateera. (Luqaas 11:27, 28) Yesuus Waaqayyoof ajajamuun gaʼee dubartoonni hawaasa keessatti akka qaban godhamee ilaalamu caalaa barbaachisaa akka taʼe ibseera.—Yohaannis 8:32.

Buʼaa yeroo harʼaatti barumsi isaa argamsiisu: Obboloonni gumii Kiristiyaanaa keessatti barsiisan yaada dubartoonni gumii keessatti kennan ni fudhatu. Dubartoonni muuxannoo qaban yeroo kophaa isaanii taʼanittis taʼe yeroo namootaa wajjin taʼanitti fakkeenya gaarii taʼuudhaan ‘wanta gaarii ni barsiisu.’ (Tiitoo 2:3) Kana malees, dhiironni kun itti gaafatamummaa misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namootaaf labsuu adda durummaadhaan kan raawwatan dubartoota akka taʼan ni hubatu.—Faarfannaa 68:11.

Yesuus dubartootaaf ni yaada ture. Bara duriitti, ijoolleen durbaa hamma ijoollee dhiiraa iddoo hin qaban turan. Yaanni Taalmuudii irra jiruu fi “Namni ijoollee dhiiraa qabu gammadaa dha, nama ijoollee durbaa qabuuf garuu wayyoo” jedhu yaada bara sanatti ture kana kan calaqqisiisu dha. Hiriyaa gaaʼelaa waan ishiidhaaf barbaadanii fi gabbara waan kennaniif, akkasumas bara dulluma isaaniitti waan isaan hin gargaarreef, warri tokko tokko ijoollee durbaa isaanii baʼaa akka taʼanitti isaan ilaalu turan.

Yesuus akkuma ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi Naayin jiraattu sanaa duʼaa kaase, intala Yaayiros duʼaa kaasuudhaan jireenyi durba tokkoo fi jireenyi dhiira tokkoo qixxee akka taʼe argisiiseera. (Maarqos 5:35, 41, 42; Luqaas 7:11-15) Yesuus dubartii “hafuura hamaadhaan qabamtee waggaa 18f dhukkubsachaa jirtu tokko” erga fayyisee booda, “intala Abrahaam” jedhee ishii waameera; ibsi kun barreeffamoota Yihudootaa keessa hin jiru jechuun ni dandaʼama. (Luqaas 13:10-16) Jecha kabaja qabuu fi gaarummaa argisiisutti fayyadamuudhaan, akkuma namoota kaanii hawaasicha keessatti iddoo guddaa akka qabduu fi amantii guddaa akka qabdu kan beeku taʼuu isaa argisiiseera.—Luqaas 19:9; Galaatiyaan 3:7.

Buʼaa yeroo harʼaatti barumsi isaa argamsiisu: Jechamni warra Eeshiyaa tokko, “Durba guddisuun iddoo biqiltuu ollaa obaasu dha” jedha. Abbootiin Kiristiyaanaa jaalala qabeeyyii taʼan ilaalchi akkasii dhiibbaa akka isaan irratti godhu heyyamuu mannaa, ijoollee durbaa fi ijoollee dhiiraa isaaniitiif qixxee kunuunsa godhu. Warri Kiristiyaanota taʼan ijoolleen isaanii hundi barumsaa fi yaalii fayyaa barbaachisaa taʼe akka argatan godhu.

Yesuus dubartoota ni amana ture. Mana murtii Yihudootaatti ragaan dubartoonni kennan ragaa garboonni kennanii wajjin qixxee dha. Barreessaa seenaa jaarraa jalqabaa kan ture Joseefas, “Dubartoonni uumama isaatiin amanamoo waan hin taaneef, ragaan isaan dhiheessan fudhatamuu hin qabu” jechuudhaan gorsa kenneera.

Faallaa kanaatiin garuu, Yesuus duʼaa kaʼuu isaa akka ragaa baʼaniif dubartoota filateera. (Maatewos 28:1, 8-10) Dubartoonni amanamoon kun Gooftaan isaanii yommuu ajjeefamuu fi awwaalamu ija isaaniitiin arganii kan turan taʼus, ergamoonni wanta dubartoonni sun dubbatan amanuun isaanitti ulfaatee ture. (Maatewos 27:55, 56, 61; Luqaas 24:10, 11) Haa taʼu malee, Kiristoos inni duʼaa kaafame jalqaba dubartootatti mulʼachuudhaan isaanis akkuma barattoota kaanii ragaa baʼuuf gaʼumsa kan qaban godhee akka isaan ilaalu argisiiseera.—Hojii Ergamootaa 1:8, 14.

Buʼaa yeroo harʼaatti barumsi isaa argamsiisu: Gumii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti dhiironni itti gaafatamummaa qaban yaada dubartootaa tilmaama keessa galchuudhaan akka isaan kabajan argisiisu. Abbootiin manaa Kiristiyaanota taʼanis, haadhotii manaa isaanii sirriitti dhaggeeffachuudhaan akka isaan ‘kabajan’ argisiisu.—1 Pheexiros 3:7; Uumama 21:12.

Dhugaan Buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu Dubartoonni Gammadoo Akka Taʼan Gargaara

Dhiironni fakkeenya Kiristoos kan hordofan yoo taʼe, dubartoonni kabajaa fi bilisummaa Waaqayyo jalqaba isaaniif yaadee ture argatu. (Uumama 1:27, 28) Abbootiin manaa Kiristiyaana taʼan wantoota dhiironni ol aantummaa akka qaban argisiisan gochuu mannaa dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffamu; kunis hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif gammachuu argamsiisa.—Efesoon 5:28, 29.

Yelenaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu jalqabdu, cunqursaa Abbaan manaa ishii ishii irraan geessisaa tureen dhiphachaa turte. Abbaan manaa ishii naannoo hammeenyi itti babalʼate, jechuunis naannoo dubartoota butuu fi reebuun baramaa taʼe keessatti guddate. Yelenaan akkana jetteetti: “Wantin Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe jabina naa kenneera. Qaamni baayʼee na jaallatu, bakka guddaa naaf kennuu fi naaf yaadu jiraachuu isaa hubachuu dandaʼeera. Kana malees, abbaan manaa koo Kitaaba Qulqulluu utuu qoʼatee ilaalcha anaaf qabu jijjiiruu akka dandaʼu hubadheera.” Yeroo booda yeroo abbaan manaa ishii kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii galee, cuuphamee Dhugaa Baatuu taʼetti hawwiin ishii dhugoomeera. Yelenaan, “Amma of toʼachuudhaan fakkeenya gaarii taʼa. Tola dhiifama walii gochuus baranneerra” jetteetti. Dhuma irrattis akkana jetteetti: “Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu gaaʼela koo keessatti akkan barbaadamuu fi eegumsa akkan qabu akka natti dhagaʼamu godhaniiru.”—Qolosaayis 3:13, 18, 19.

Namoonni muuxannoo akka Yelenaa qaban hedduun jiru. Dubartoonni Kiristiyaana taʼanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman, isaanis taʼan abbootiin manaa isaanii gaaʼela isaanii keessatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuuf waan carraaqaniif gammadoo taʼuu dandaʼaniiru. Hariiroo Kiristiyaanota kaanii wajjin qabaniinis kabaja, jajjabinaa fi bilisummaa akka argatan isaanitti dhagaʼama.—Yohaannis 13:34, 35.

Dhiironnii fi dubartoonni Kiristiyaanota taʼan, namoota cubbuu dhaalanii fi mudaa qaban waan taʼaniif, ‘wanta gatii hin qabneef akka bitaman’ ni hubatu. Haa taʼu malee, Yihowaa isa Waaqaa fi Abbaa isaanii jaalala qabeessa taʼetti dhihaachuudhaan, ‘garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼuu fi bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa taʼe argachuuf’ abdii qabu. Dhuguma iyyuu, kun dhiirotaa fi dubartoota kunuunsa Waaqayyoo jala jiraniif abdii dinqisiisaa dha!—Roomaa 8:20, 21.