MARII KITAABA QULQULLUU IRRATTI HUNDAAʼE
Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi?
Mariin armaan gaditti dhihaate, Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaa wajjin marii akkamii akka godhan fakkeenya argisiisu dha. Mee Dhugaa Baatuun Boontuu jedhamtu gara mana dubartii Caaltuu jedhamtuu akka dhaqxe goonee haa yaannu.
RAKKINA NU IRRA GAʼU ILAALCHISEE WAAQAYYOTTI MAALTU DHAGAʼAMA?
Boontuu: Akkam Caaltuu? Manatti si argachuu kootti gammadeera.
Caaltuu: Anis waan dhufteef gammadeera.
Boontuu: Yeroo darbe rakkina nu irra gaʼu ilaalchisee Waaqayyotti maaltu akka dhagaʼamu mariʼannee turre. * Dhimmi kun keessumaa erga haati kee balaa konkolaataatiin miidhamanii booda, yeroo dheeraadhaaf gaaffii akka sitti taʼe natti himtee turte. Utuma dubbannuu amma haati kee akkami?
Caaltuu: Yeroo tokko tokko itti fooyyaʼaa, yeroo tokko tokko immoo itti hammaata. Harʼa garuu homaa hin jettu.
Boontuu: Ishoo baga itti fooyyaʼe. Haala akkasii keessatti ilaalcha gaarii qabaachuun ulfaataa dha.
Caaltuu: Eeyyee ulfaataa dha. Yeroo tokko tokko hamma yoomiitti akkas dhukkubsatti jedheen yaada.
Boontuu: Akkas jedhanii yaaduun waanuma jiru dha. Maree keenya yeroo darbee irratti, ‘Waaqayyo rakkina balleessuuf humna utuu qabuu, rakkinni hanga ammaatti akka jiraatu kan heyyame maaliifi?’ gaaffii jedhu si gaafadhee akkan ture ni yaadatta taʼa.
Caaltuu: Eeyyee nan yaadadha.
Boontuu: Deebii Kitaabni Qulqulluun kennu ilaaluu keenya dura, wantoota yeroo darbe irratti mariʼanne muraasa haa ilaallu.
Caaltuu: Tole.
Boontuu: Tokkoffaa, namni amanamaan bara duriitti jiraate tokko illee Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe gaafatee akka ture ilaallee turre. Taʼus, Waaqayyo gaaffii akkasii gaafachuu isaatiif isa hin ceephaane ykn amantiin isaa akka isatti hirʼate isatti hin himne.
Caaltuu: Kana hin beekun ture.
Boontuu: Yihowaan rakkinni yommuu nu irra gaʼu akka gaddus ilaallee turre. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun yeroo sabni isaa dhiphatan ‘innis akka dhiphate’ dubbata. * Maarree Waaqayyo yeroo rakkinni nu irra gaʼu akka gaddu beekuun nama hin jajjabeessuu?
Caaltuu: Eeyyee nama jajjabeessa.
Boontuu: Dhuma irrattis, Uumaan keenya humna guddaa akka qabuu fi yeroo kamitti iyyuu rakkina balleessuuf tarkaanfii fudhachuu akka dandaʼu mariʼannee turre.
Caaltuu: Wanti naa hin galle kana dha. Waaqayyo balleessuuf humna utuu qabuu wantoonni hamoon kun hundi akka gaʼan kan heyyame maaliifi?
DHUGAA KAN DUBBATE EENYU?
Boontuu: Gaaffii keetiif deebii argachuuf, mee kutaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa kan taʼe kitaaba Uumamaa haa baasnu. Seenaa waaʼee Addaamii fi Hewaan ibsuu fi firii akka hin nyaanne dhowwaman sanaa beektaa?
Caaltuu: Eeyyee, seenaa kana mana amantaatti baradheera. Waaqayyo firii muka tokkoo akka hin nyaanne isaan ajajee ture; isaan garuu didanii nyaatan.
Boontuu: Sirrii dha. Mee amma wantoota Addaamii fi Hewaan cubbuu sana akka raawwatan isaan taasisan irratti haa xiyyeeffannu. Wantoonni kun gaaffii ‘Rakkinni kan nu irra gaʼu maaliifi?’ jedhu wajjin kallattiidhaan kan wal qabatani dha. Uumama boqonnaa 3, lakkoofsa 1 hanga 5 nuuf dubbisuu dandeessaa?
Caaltuu: Tole. “Bofti bineensota bosonaa Yihowaan uume hundumaa caalaa of eeggataa ture. Kanaafuu bofichi dubartittiidhaan, ‘Waaqayyo dhuguma muka iddoo biqiltuu keessa jiru hundumaa irraa hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?’ jedhe. Dubartittiinis bofichaan akkana jette: ‘Firii mukeetii iddoo biqiltuu keessa jiran irraa nyaachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Waaqayyo firii muka isa iddoo biqiltuu gidduu jiru sana ilaalchisee, “Isa irraa hin nyaatinaa, hin tuqinaas; taʼuu baannaan garuu ni duutu” jedheera.’ Yeroo kanatti bofichi dubartittiidhaan akkana jedhe: ‘Isin matumaa hin duutan. Waaqayyo akkana kan jedhe, guyyuma isa irraa nyaattanitti ijji keessan akka banamu, akkasumas gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatan waan beekuufi.’”
Boontuu: Galatoomi. Mee caqasoota kana irraa wanta barannu haa qorru. Tokkoffaa, bofichi Hewaanitti akka dubbate hubadhu. Kutaan Kitaaba Qulqulluu kan biraan bofichatti fayyadamee ishii haasofsiisaa kan ture Seexana akka ture argisiisa. * Seexanni muka tokko ilaalchisee ajaja Waaqayyo kenne ishii gaafate. Addaamii fi Hewaan muka sana irraa yoo nyaatan adaba isaan irra gaʼu ilaalchisee Waaqayyo maal akka jedhe hubattee?
Caaltuu: Akka duʼan isaanitti hime.
Boontuu: Sirrii dha. Wanti Seexanni itti aansuudhaan dubbate, Waaqayyoo irratti himata guddaa akka dhiheesse argisiisa. Seexanni, “Isin matumaa hin duutan” akka jedhe hubadhu. Waaqayyo sobduu akka taʼe dubbachuu isaa ture!
Caaltuu: Kana dura seenaa kana akkasitti dhagaʼee hin beeku.
Boontuu: Seexanni Waaqayyo sobduu akka taʼe yommuu dubbatu, gaaffii furmaata argachuuf yeroo fudhatu kaaseera. Yeroon kan barbaachise maaliif akka taʼe sii galeeraa?
Caaltuu: Lakki naa hin galle.
Boontuu: Mee yaanni isaa akka ifa sii taʼuuf fakkeenya tokko haa ilaallu. Gaaf tokko gara kee dhufeen si caalaa anatu humna qaban siin jedhe haa jennu. Sirrii taʼuu fi dhiisuu koo akkamitti mirkaneessita?
Caaltuu: Wanta humna keenya qoru tokko gochuudhaani.
Boontuu: Eeyyee sirrii dha. Tarii wanta ulfaatina qabu tokko filannee lamaan keenya keessaa abbaa ol kaasuu dandaʼu ilaalla. Yeroo kanatti humna guddaa kan qabu eenyu akka taʼe adda baasuun salphaa dha.
Caaltuu: Amma yaanni kee naa galeera.
Boontuu: Haa taʼu malee ani si caalaa humnan qaba siin jechuu mannaa, ani si caalaa amanamaa dha yoo siin jedhe hoo? Kana mirkaneessuun caalaatti ulfaataa dha mitii?
Caaltuu: Eeyyee ulfaataa natti fakkaata.
Boontuu: Amanamummaan akka humnaa wanta salphaatti mirkaneessuu dandeenyu miti.
Caaltuu: Eeyyee.
Boontuu: Karaan dhimma kanaaf furmaata kennuun itti dandaʼamu, warri kaan lamaan keenya keessaa caalaatti amanamaa kan taʼe eenyu akka taʼe akka ilaalaniif yeroo gaʼaa ramaduu dha.
Caaltuu: Eeyyee sirrii dha.
Boontuu: Mee amma seenaa Uumama irra jiru deebinee haa ilaallu. Seexanni Waaqayyo caalaa humna akka qabu dubbatee?
Caaltuu: Lakki.
Boontuu: Utuu akkas taʼee Waaqayyo Seexanni akka dogoggore yeruma sana mirkaneessuu dandaʼa ture. Seexanni garuu Waaqayyo caalaa amanamaa akka taʼe dubbate. Akka waan Hewaaniin, ‘Waaqayyo isin sobeera, ani garuu dhugaa isaan sitti dubbachaa jira’ jedhetti lakkaaʼama.
Caaltuu: Nama ajaaʼiba.
Boontuu: Waaqayyo ogeessa waan taʼeef, karaa gaariin dhimma kanaaf furmaata kennuun itti dandaʼamu yeroo gaʼaan akka darbu heyyamuudhaan akka taʼe beeka. Oolee bulee, dhugaa kan dubbate eenyu akka taʼee fi soba kan dubbate eenyu akka taʼe ifa taʼa.
DHIMMA IDDOO GUDDAA QABU
Caaltuu: Maarree Hewaan yeroo duutu wanti Waaqayyo dubbate dhugaa taʼuun isaa hin mirkanoofnee?
Boontuu: Hamma tokko mirkanaaʼeera. Taʼus Seexanni gaaffii kan biraa kaaseera. Mee lakkoofsa 5 ilaali. Seexanni Hewaanitti wanta kan biraa akkamii akka dubbate hubatteettaa?
Caaltuu: Firii sana yoo nyaatte ijji ishii akka banamu dubbateera.
Boontuu: Eeyyee, ‘gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatu’ itti himeera. Kanaafuu, Seexanni Waaqayyo wanta gaarii taʼe tokko ilmaan namootaa akka dhowwate dubbachuu isaa ti.
Caaltuu: Amma naa gale.
Boontuu: Kunis gaaffii guddaa dha.
Caaltuu: Maal jechuu keeti?
Boontuu: Seexanni yommuu akkas jedhu, Hewaaniis taʼe yeroo booda ilmaan namootaa hundi bulchiinsa Waaqayyootiin ala yoo jiraatan gaarii dha jedhee dubbachuu isaa ture. Dhimma kana irrattis, Yihowaan karaa gaariin furmaata kennuun itti dandaʼamu, Seexanni wanti inni dubbate gaarii taʼuu isaa akka mirkaneessu isaaf heyyamuudhaan akka taʼe beeka. Kanaafuu, Waaqayyo Seexanni yeroo muraasaaf addunyaa kana akka bulchu isaaf heyyame. Kunis rakkinni kan baayʼate maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara; rakkinni kan baayʼate addunyaa kana bulchaa kan jiru Waaqayyo utuu hin taʼin Seexana waan taʼeefi. * Taʼus wanti misiraachoo taʼe jira.
Caaltuu: Misiraachoon kun maali dha?
Boontuu: Kitaabni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo dhugaawwan nama gammachiisan lama ibsa. Tokkoffaa, rakkinni nu irra gaʼu Yihowaa ni yaaddessa. Fakkeenyaaf, wanta Daawit Mootichi Faarfannaa 31:7 irratti dubbate haa ilaallu. Daawit jireenya isaa keessatti rakkinni hedduun isa irra gaʼeera, taʼus kadhannaa Waaqayyotti dhiheesse irratti maal akka jedhe hubadhu. Maaloo caqasicha nuuf dubbistaa?
Caaltuu: Tole. Akkana jedha: “Ati rakkina koo waan argiteef, jaalala kee isa amanamaatti guddaa nan gammada; ati dhiphina koo isa cimaa beekta.”
Boontuu: Kanaafuu Daawit rakkinni hedduun kan isa irra gaʼe taʼus, Yihowaan wanta isa mudate hunda arguun isaa isa jajjabeesseera. Yihowaan gadda cimaa nutti dhagaʼamuu fi namoonni guutummaatti hubachuu hin dandeenye dabalatee wanta hunda akka hubatu beekuun kee si hin jajjabeessuu?
Caaltuu: Eeyyee na jajjabeessa.
Boontuu: Dhugaan nama gammachiisu inni lammaffaan immoo Waaqayyo rakkinni nu irra gaʼu bara baraaf akka itti fufu kan hin heyyamne taʼuu isaa ti. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo bulchiinsa Seexanaa isa hamaa taʼe dhiheenyatti akka balleessu barsiisa. Rakkina sii fi haadha kee mudate dabalatee wantoota hamoo yeroo ammaatti gaʼan hunda guutummaatti ni balleessa. Torbee itti aanu dhufee, Waaqayyo yeroo dhihootti rakkina hundumaa akka balleessu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe utuun sitti argisiise hoo? *
Caaltuu: Tole natti tola.
Yaanni Kitaaba Qulqulluu gaaffii sitti uume jiraa? Wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan ykn amantii isaanii wajjin haala wal qabateen wantoota isaan raawwatan beekuu barbaaddaa? Taanaan Dhugaa Baatuu Yihowaa tokko gaafachuu irraa duubatti hin jedhin. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimma akkasii irratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.
^ key. 7 Maxxansa barruu kanaa Adoolessa 1, 2013 irraa mata duree “Marii Kitaaba Qulqulluu Irratti Hundaaʼe—Rakkinni Nu Irra Gaʼu Waaqayyoon ni Yaaddessaa?” (Amaariffa) jedhu ilaali. Mata dureen kun www.pr418.com irrattis ni argama.
^ key. 17 Isaayyaas 63:9 ilaali.
^ key. 26 Mulʼata 12:9 ilaali.
^ key. 61 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 9 ilaali. Kitaabichi weeb saayitii www.pr418.com irrattis ni argama.