Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa?

Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa?

DHUGAA waa’ee maalii? Gaaffiiwwan baay’ee barbaachisoo namoonni yeroo dheeraaf gaafachaa turan. Gaaffiiwwan armaan gadii gaafattee beekta ta’a:

  • Dhuguma Waaqayyo waa’ee keenya ni yaadaa?

  • Waraanniifi rakkinni ni hafuu?

  • Yeroo duunu maal taana?

  • Namoonni du’an abdii maalii qabu?

  • Waaqayyo akka na dhaga’utti akkamittan kadhachuu qaba?

  • Gammachuu dhugaa argachuu kanan danda’u akkamitti?

Deebii gaaffiiwwan kanaa eessaa argachuu barbaadda? Namoota addaddaa yoo gaafatte deebii garagaraa argatta. Geggeessitoonni amantiis deebiiwwan wal faallessan kennu. Manneen dubbisa kitaabaa ykn bakka kitaabni itti gurguramu yoo dhaqxe, kitaabota kumaan lakka’amaniifi gaaffiiwwan kanaaf deebii kennu jedhaman argachuu dandeessa. Haata’u malee, kitaabni tokko isa kaanii wajjin wal faallessa. Kitaabni yeroo tokko gaariidha jedhame, yeroo muraasa booda gatii dhabuu, haareffamuu ykn bakka buufamuu danda’a.

Ta’us kitaabni deebii sirrii qabate jira. Innis kitaaba dhugaa qabatedha. Yesus Kiristos kadhannaa Waaqayyoof dhiheesserratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yohannis 17:17) Yeroo har’aatti inni Dubbiikee jedhame kun Macaafa Qulqulluu ta’uusaa beekna. Fuulawwan ittaananirratti, gaaffiiwwan olitti gaafatamaniif deebii gabaaba Macaafa Qulqulluu ifaafi dhugaa ta’e argatta.

Dhuguma Waaqayyoo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?

SABABA GAAFFIIN KUN ITTI KA’U: Addunyaa gochi gara jabinaafi firdii jal’aan itti babal’ate keessa jiraanna. Dhaabbileen amantii baay’een rakkina nurra ga’u Waaqayyotu fide jedhanii barsiisu.

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN BARSIISU: Waaqayyo jal’ina hin raawwatu. Iyoob 34:12, “Dhuguma Waaqayyo jal’inaan hin hojjetu, inni hundumaa danda’u dhugaa hin jal’isu” jedha. Waaqayyo ilmaan namootaaf kaayyoo jaalalarratti hundaa’e qaba. Yesus, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! . . . mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jennee akka kadhannu kan barsiise kanaaf ture. (Maatewos 6:9, 10) Waaqayyo waa’ee keenya baay’ee waan yaaduuf, kaayyoosaa galmaan ga’uuf aarsaa guddaa kaffaleera.—Yohannis 3:16.

Uumama 1:26-28; Yaaqoob 1:13 fi 1 Phexros 5:6, 7 dabalataan ilaali.

Waraanniifi Rakkinni Ni Hafuu?

SABABA GAAFFIIN KUN ITTI KA’U: Waraanni namoota hangana hin jedhamne galaafachuusaa itti fufeera. Rakkinni ilmaan namootaarra ga’u hunda keenya tuqa.

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN BARSIISU: Waaqayyo guutummaa biyya lafaarratti yeroo nagaan itti dagaagu akka fidu dubbateera. Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, namoonni “deebi’aniis lola hin baran.” Kanaa mannaa, ‘billaasaanii maarashaa godhanii tumsiifatu.’ (Isaayaas 2:4) Waaqayyo firdii jal’aafi rakkina hundumaa ni balleessa. Macaafni Qulqulluun abdii akkas jedhu kenna: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; [firdii jal’aafi rakkina ammaa jiru dabalatee] wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”—Mul’ata 21:3, 4.

Faarfannaa 37:10, 11; 46:9fi Miikiyaas 4:1-4 dabalataan ilaali.

Yeroo Duunu Maal Taana?

SABABA GAAFFIIN KUN ITTI KA’U: Dhaabbileen amantii addunyaarratti argaman baay’een, wanti qaama namaa keessa jirtu tokko erga namni du’ee booda jiraachuushee itti fufti jedhanii barsiisu. Kaanimmoo, namoonni du’an warra lubbuudhaan jiran miidhu ykn Waaqayyo namoota hamoo barabaraaf ibiddaan guba jedhanii amanu.

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN BARSIISU: Namni yoo du’e jireenyaa ala ta’a. Lallabni 9:5, “warri du’an . . . waan tokko iyyuu hin beekan” jedha. Namoonni du’an homaa kan hin beekne, miira kan hin qabne ykn waa hojjechuus ta’e warra lubbuudhaan jiran miidhuu ykn gargaaruu hin danda’an.—Faarfannaa 146:3, 4.

Uumama 3:19 fi Lallaba 9:6, 10, dabalataan ilaali.

Namoonni Du’an Abdii Maalii Qabu?

SABABA GAAFFIIN KUN ITTI KA’U: Jiraachuufi namoota jaallannuu wajjin gammaduu barbaanna. Jaalleewwan keenya du’aan dhabne arguuf hawwuun kan jirudha.

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN BARSIISU: Namoota du’an keessaa baay’een ni ka’u. Yesus “warri du’anii awwaalaman . . . awwaala keessaa in ba’u” jedhee abdachiiseera. (Yohannis 5:28, 29) Kaayyoo Waaqayyoo isa jalqabaa wajjin haala walsimuun, namoonni du’aa ka’an lafa jannata taaturra jiraachuuf carraa argatu. (Luqaas 23:43) Abdiin Waaqayyo ilmaan namootaa abboomamoo ta’aniif kenne kun, jireenya dhibee kamirraayyuu walaba ta’efi jireenya barabaraa argachuu kan dabalatudha. Macaafni Qulqulluun, “Toloonni lafandhaalu; isarras barabaraan injiraatu” jedha.—Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899.

Iyoob 14:14, 15; Luqaas 7:11-17​fi Hojii Ergamootaa 24:15 dabalataan ilaali.

Waaqayyo Akka Na Dhaga’utti Akkamittan Kadhachuu Qaba?

SABABA GAAFFIIN KUN ITTI KA’U: Namoonni amantii hundaa keessatti argaman ni kadhatu jechuun ni danda’ama. Ta’us, namoonni baay’een kadhannaansaanii deebii akka hin arganne itti dhaga’ama.

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN BARSIISU: Yesus yeroo kadhannu jechoota baramaa ta’anirra akka hin deddeebine nu barsiiseera. “Yeroo kadhattanis . . . dubbii waa’ee hin baafne keessa hin deddeebi’inaa!” jedheera. (Maatewos 6:7) Waaqayyo kadhannaa keenya akka dhaga’u yoo barbaanne, karaa isa duratti fudhatama qabuun kadhachuu qabna. Kunis, fedhi Waaqayyoo maal akka ta’e barachuufi haala wanta barannee wajjin walsimuun kadhachuu gaafata. Yohannis Inni Duraa 5:14, “Akka fedha [Waaqayyootti] yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga’a” jedha.

Faarfannaa 65:2; Yohannis 14:6​fi 1 Yohannis 3:22 dabalataan ilaali.

Gammachuu Dhugaa Argachuu Kanan Danda’u Akkamitti?

SABABA GAAFFIIN KUN ITTI KA’U: Namoonni baay’een qarshiin, beekamummaan ykn bareedinni gammachuu argamsiisa jedhanii amanu. Wantoota kana hordofanis, gammachuu dhugaa argachuu hin dandeenye.

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN BARSIISU: Yesus wanta gammachuu argamsiisu yeroo ibsu, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an haa gammadan” jedheera. (Maatewos 5:3) Gammachuun dhugaa fedhii hafuuraa keenya, jechuunis waa’ee Waaqayyoofi kaayyoo Inni nuuf qabu beekuuf tarkaanfii fudhachuudhaan qofa argama. Dhugaan kunis Macaafa Qulqulluu keessatti argama. Dhugaa kana beekuun wanta barbaachisaa ta’eefi hin taane adda baasuuf nu gargaara. Dhugaan kun murtoofi gocha keenya akka nuu qajeelchu yoo heyyamne, jireenya kaayyoo dhugaa qabu akka jiraannu taasisa.

Fakkeenya 3:5, 6, 13-18​fi 1 Ximotewos 6:9, 10 dabalataan ilaali.

Deebii gabaabaa Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan ja’aaf kenne armaan olitti ilaalleerra. Waa’ee kanaa caalaatti beekuu barbaaddaa? Namootaa “karaa hafuuraatti hiyyeessota” ta’an keessaa tokko yoo taate, wanti caalaatti beekuu barbaaddu akka jiru hin shakkisiisu. Gaaffiiwwan kan biraas gaafachuu dandeessa: ‘Waaqayyo waa’ee keenya kan yaadu taanaan, waggoota dheeraaf hammeenyiifi rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? Maatiinkoo gammachuu akka qabaatu gochuu kanan danda’u akkamitti?’ Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaafi kanneen biroo hedduuf deebii quubsaa kenna.

Haata’u malee, yeroo har’aa namoonni baay’een Macaafa Qulqulluu dubbisuu ni mamu. Kitaaba guddaafi al tokko tokko mmoo hubachuun ulfaataa ta’e godhanii ilaalu. Deebiiwwan kanaa Macaafa Qulqulluu keessaa argachuuf gargaarsa barbaaddaa? Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa lamaan si gargaaruu danda’u.

Tokkoffaa, kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu, namoonni hojiin itti baay’atu gaaffiiwwan gurguddaa ta’an kanaaf deebii ifaa Macaafni Qulqulluun kennu, qoranii akka argatan gargaaruuf yaadamee kan qophaa’edha. Inni lammaffaan, sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kaffaltii malee kennamudha. Dhugaa Baatota Yihowaa naannookeetti argamaniifi Macaafa Qulqulluu barsiisuuf ga’eessa ta’an keessaa tokko, torban torbaniin manakeetti ykn bakka sii mijaa’utti, yeroo muraasaaf Macaafa Qulqulluurratti hundaa’ee si mariisisuu danda’a. Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaa’aman sagantaa kanarraa fayyadamaa jiru. Baay’eensaanii murtoo gammachiisaa, “Dhugaa argadheera!” jedhurra ga’aniiru.

Qabeenyi guddaan kana caale hin jiru. Dhugaan Macaafa Qulqulluu amantii sobaa, burjaaja’uufi sodaa sirrii hin taanerraa birmaduu nu baaseera. Abdii, kaayyoofi gammachuu dhugaa nuu argamsiisa. Yesus, “Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedheera.—Yohannis 8:32.