Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda?
Addunyaan kun . . .
-
akkuma jirutti itti fufaa?
-
caalaatti manca’aa deemaa?
-
gara gaariitti jijjiiramaa?
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
“[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”—Mul’ata 21:3, 4.
KANA BEEKUUN FAAYIDAA MAALII SIIF ARGAMSIISA?
Hojii gaariifi gammachiisaa argatta.—Isaayaas 65:21-23.
Dhukkubni ykn dhiphinni akkamiiyyuu sirra hin ga’u.—Isaayaas 25:8; 33:24.
Maatiifi michootakee wajjin barabaraaf gammachuudhaan jiraatta.—Faarfannaa 37:11, 29.
WANTA MACAAFNI QULQULLUUN JEDHUTTI AMANUU NI DANDEENYAA?
Eeyyee, yoo xinnaate sababii lamaan kan ka’e amanuu dandeenya:
-
Waaqayyo abdii kenne raawwachuu ni danda’a. Humnisaa daangaa kan hin qabne waan ta’eef, Macaafa Qulqulluu keessatti, Isa ‘Hundumaa Danda’u’ jedhamee kan waamame Yihowaa qofadha. (Mul’ata 15:3) Abdii kenne guutummaatti raawwachuufis ta’e addunyaa kana gara gaariitti jijjiiruu danda’a. Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu, “Waaqayyoof . . . wanti hundinuu in danda’ama.”—Maatewos 19:26.
-
Waaqayyo abdii kenne raawwachuuf fedhii qaba. Fakkeenyaaf, Yihowaan namoota du’an du’aa kaasuu akka ‘hawwu’ ibsameera.—Iyoob 14:14, 15, hiika bara 1899.
Kana malees, Macaafni Qulqulluun Ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesus, namoota dhukkubsatan akka fayyise ibsa. Namoota kana kan fayyise maaliifi? Akkas gochuuf fedhii waan qabuuf ture. (Maarqos 1:40, 41) Yesus namoota gargaarsi barbaachisu gargaaruudhaan amala Abbaasaa guutummaatti mul’iseera.—Yohannis 14:9.
Kanaaf, Yihowaanis ta’e Yesus gara fuulduraatti jireenya gammachuu qabu akka argannu akka barbaadan mirkanaa’oo ta’uu dandeenya!—Faarfannaa 72:12-14; 145:16; 2 Phexros 3:9.
WANTOOTA KANARRATTI YAADI
Waaqayyo addunyaa kana gara gaariitti kan jijjiiru akkamitti?
Macaafni Qulqulluun, gaaffii kanaaf MAATEWOS 6:9, 10fi DAANI’EL 2:44rratti deebii kenna.