Namoonni Du’an Deebi’anii Jiraachuu Danda’uu?
Ati maal jetta?
Eeyyee.
Lakki.
Ta’uu danda’a.
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
‘Du’aa ka’uun jira.’—Hojii Ergamootaa 24:15.
KANA BEEKUUN FAAYIDAA MAALII SIIF ARGAMSIISA?
Namni ati jaallattu yommuu du’u jajjabina siif kenna.—2 Qorontos 1:3, 4.
Garmalee du’a sodaachuurraa walaba si baasa.—Ibroota 2:15.
Namoota du’aa kaafamanii wajjin deebitee jiraachuuf abdii akka qabaattu godha.—Yohannis 5:28, 29.
WANTA MACAAFNI QULQULLUUN JEDHUTTI AMANUU NI DANDEENYAA?
Eeyyee, yoo xinnaate sababii sadiin kan ka’e amanuu dandeenya:
Waaqayyo madda jireenyaati. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan ‘burqaa jireenyaa’ akka ta’e ibsa. (Faarfannaa 36:9; Hojii Ergamootaa 17:24, 25) Waaqni lubbu qabeeyyii hundaaf jireenya kenne, nama du’e tokko du’aa kaasee jiraachisuu akka danda’u hin shakkisiisu.
Bara duriitti Waaqayyo namoota du’aa kaaseera. Macaafni Qulqulluun dargaggeessa, ga’eessa, dhiiraafi durba, walumaa galatti fakkeenya namoota du’aa kaafaman saddeetii ibsa . Muraasnisaanii du’anii baay’ee utuu hin turin kan kaafaman si’a ta’u, inni tokko garuu guyyaa afur booda kaafame.—Yohannis 11:39-44.
Waaqayyo ammas namoota du’an du’aa kaasuuf fedhii guddaa qaba. Yihowaan du’a kan jibbu ta’uusaarrayyuu akka diinaatti ilaala. (1 Qorontos 15:26) Namoota du’an du’aa kaasuudhaan diina kana balleessuuf ‘hawwii’ guddaa qaba. Namoota yaadannoosaa keessa jiran du’aa kaasuudhaan yommuu isaan deebi’anii lafarra jiraatan arguuf hawwii guddaa qaba.—Iyoob 14:14, 15, hiika bara 1899.
WANTOOTA KANARRATTI YAADI
Kan dulloomnuufi kan duunu maaliifi?
Macaafni Qulqulluun, gaaffii kanaaf UUMAMA 3:17-19fi ROOMAA 5:12rratti deebii kenna.