FAARFANNAA 100
Keessummummaa Isaan Simadhaa
-
1. Yihowaan garaadhaa nama simata.
Innʼ wal hin caalchisu hunda jaallata.
Roobaaf aduu kenna,
hundaaf godha kana;
Nyaata nuu kenna, ni gammanna.
Waan gaarii yoo goone kan rakkataniif,
Ilmaan jaallatamoo taana Waaqayyoof.
Gaarummaa mulʼisnuuf
Yihowaan nu kiisa,
Gaarummaa madduuf garaa keessaa.
-
2. Namoota rakkatan yeroo gargaarru,
Faayidaa argamu duraʼn agarru.
Orma taʼanillee,
ni keessummeessina;
Waan ʼsaan barbaachisu ni goona.
‘Nooraa’ jennaan akka Liidiyaa durii.
Nu biraa argatu boqonnaa gaarii.
Abbaan keenya beeka
warra ʼsa fakkaatan,
Warra akka ʼsaa garaa laafan.
(Dabalataan, HoE. 16:14, 15; Rom. 12:13; 1 Xim. 3:2; Ibr. 13:2; 1 Phe. 4:9 ilaali.)