FAARFANNAA 108
Jaalala Waaqayyoo isa Amanamaa
-
1. Yihowaan jaalala.
Akka nuuf yaadu nuu gala.
Ilma isaa jaallatamaa
Erge furuuf ilmaan namaa;
Akka dandeenyu argachuu
Jireenya dhugaaf gammachuu.
(BUUSAA)
Kottaa warri dheebottan,
Bishaan jireenyaa dhugaa.
Jaalala amanamaa
Waaqni qabu argaa.
-
2. Yihowaan jaalala.
Hojiisaarraa kana ʼlaalla.
Ilma isaa nuu moosisee,
Jaalalasaa argisiise.
Kaayyoon Waaqaa galma gaʼe.
Mootummaan isaa hundaaʼe!
(BUUSAA)
Kottaa warri dheebottan,
Bishaan jireenyaa dhugaa.
Jaalala amanamaa
Waaqni qabu argaa.
-
3. Yihowaan jaalala.
Isa fakkaachuuf ni yaalla.
Garraamota ni gargaarra,
Akkaʼn gorre karaasaarraa.
Sodaa Waaqayyoo qabaannee,
Lallabna ija jabaannee.
(BUUSAA)
Kottaa warri dheebottan,
Bishaan jireenyaa dhugaa.
Jaalala amanamaa
Waaqni qabu argaa.
(Dabalataan, Far. 33:5; 57:10; Efe. 1:7 ilaali.)