Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 109

Garaadhaa Jaalladhaa

Garaadhaa Jaalladhaa

(1 Pheexiros 1:22)

  1. 1. Jaalala dhugaa qabaannaan,

    Nutti gammada Yihowaan.

    Amalasaa guddaa kanaaf,

    Bakka guddaa laannaaf.

    Jaalala cimaa waan qabnuuf,

    Amanamoo taana waliif.

    Jaalalli ofittoo miti,

    Yoo madde garaatii.

    Rakkataa yeroo ʼrginu,

    Ni gargaarra garaaʼn jabaannu.

    Michoota dhugaa taana,

    Rakkoosaa ni hubanna.

    Yesuus jaalala Yihowaa

    Namootatti argisiisee,

    Hiika jaalalaa barsiise.

    Hin gaʼu miirri qofaan.

    Haa jaallannu dhugumaan.

(Dabalataan, 1 Phe. 2:17; 3:8; 4:8; 1 Yoh. 3:11 ilaali.)