FAARFANNAA 12
Yihowaa, Waaqa Guddaa
-
1. Yihowaa ati Waaqa guddaa dha;
Gaariif haqa qabeessa,
ulfina ʼrgachuu qabda.
Humna, jaalalaaf ogummaa qabda.
Waaqa dha yeroo hunda.
-
2. Yaa Abbaa ati gara laafessa.
Biyyoo taanus nuuf yaadda;
kadhannaa ni dhageessa.
Nu jiraachista, nu geggeessita!
Yoomiyyuu nu gargaarta.
-
3. Samiif lafti siif kennu ulfina.
Sagalee ol guddisna,
bara baraaf si jajna.
Waaqa guddaa dha, galata ʼrgadhu.
Faaruu keenya fudhadhu.
(Dabalataan, Kes. 32:4; Fak. 16:12; Mat. 6:10; Mul. 4:11 ilaali.)