Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 121

Of Toʼachuun Nu Barbaachisa

Of Toʼachuun Nu Barbaachisa

(Roomaa 7:14-25)

  1. 1. Beekna Yihowaa akka jaallannu;

    Taʼus cubbamoo dha of haa toʼannu.

    Fedhiin foonii rakkina fida;

    Hafuuraan jiraachuun nagaa dha.

  2. 2. Yeroo hunda Seexanni nu qora,

    Cubbuun nu keessaas nu maqsa karaarraa.

    Humni dhugaa cubbuurra caala.

    Ni moona Waaqni nu gargaara.

  3. 3. Dubbii fi gochi maqaasaa tuqa,

    Komiirraa walaba haa taanu egaa.

    Galmi keenya kan yeroo hundaa,

    Of toʼachuu dha karaa hunda.

(Dabalataan, 1 Qor. 9:25; Gal. 5:23; 2 Phe. 1:6 ilaali.)