Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 122

Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!

Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!

(1 Qorontos 15:58)

  1. 1. Saboonni baayʼee jeeqamaniiru;

    Isaan sodaachisa waaʼeen boruu.

    Waaqa keenyaaf amanamoo taanee,

    Ni dhaabbanna jabaannee.

    (BUUSAA)

    Haa dhaabbannu jabaannee;

    Addunyaarraa fagaannee.

    Hamma dhumaa cimnaan,

    Jiraanna barʼ baraan.

  2. 2. Hedduu dha kiyyoof qorumsʼ addunyaa;

    Sirriittʼ yaannaan ofirraa ittisina.

    Dhugaa jaallannee jibbinaan hamaa,

    Hin sochoonu matumaa.

    (BUUSAA)

    Haa dhaabbannu jabaannee;

    Addunyaarraa fagaannee.

    Hamma dhumaa cimnaan,

    Jiraanna barʼ baraan.

  3. 3. Waaqayyoon garaadhaa waaqeffanna.

    Hojiisaarratti gaʼee qabaanna.

    Misiraachoo lallabuutti cimaa.

    Ni darba barri dhumaa.

    (BUUSAA)

    Haa dhaabbannu jabaannee;

    Addunyaarraa fagaannee.

    Hamma dhumaa cimnaan,

    Jiraanna barʼ baraan.

(Dabalataan, Luq. 21:9; 1 Phe. 4:7 ilaali.)