Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 130

Dhiifama Godhaa

Dhiifama Godhaa

(Faarfannaa 86:5)

  1. 1. Yihowaan Ilmasaa

    Kenne waan nu jaallatuuf.

    Cubbuu keenya nurraa haquuf,

    Duʼas nurraa hambisuuf.

    Garaadhaa qalbii jijjiirraan

    Furicharrattʼ hundoofnee,

    Dhiifama cubbuu arganna,

    Maqaasaatiin kadhannee.

  2. 2. Yoo isa fakkaanne

    Garaa nuu laafa Waaqni,

    Bilisaan yoo waliif dhiisne,

    Yoo yaanne warra kaanii.

    Haa jiraannu wal dandeenyee,

    Hammeenyarraa fagaannee;

    Caalmaa jaalalaa mulʼisna,

    Obboloota kabajna.

  3. 3. Guddifachuu qabna

    Nuti gara laafina.

    Taanaan haaloo qabachuurraa,

    Jibbarraas ni fagaanna.

    Yihowaa isa jaalala

    Guddaa qabu hordofna;

    Garaadhaa dhiifama goona;

    Abbaa keenya fakkaanna.

(Dabalataan, Mat. 6:12; Efe. 4:32; Qol. 3:13 ilaali.)