Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 132

Amma Tokko Taaneerra

Amma Tokko Taaneerra

(Uumama 2:23, 24)

  1. 1. Fooniif lafeenshii kan koo ti;

    Amma ani kophaa koo miti.

    Waaqni naa kenne hiriyaa,

    Kanan jedhuun tiyya.

    Tokko taane aniif ati;

    Eebba arganna walumatti.

    Dhiiraaf durbi waliin taanee,

    Maatii ni dhaabbanne.

    Gaaf hunda Waaqa tajaajilla.

    Gargaarsasaatiin

    Ni qabaanna jaalala.

    Waadaa galle haa raawwannu.

    Gara fuulduraas haa gammannu.

    Ulfina haa laannu Waaqaaf,

    Jaallee koo ti ati anaaf.