FAARFANNAA 134
Ijoolleen Waaqayyo Irraa Adaraa Kennaman
-
1. Abbaa yeroo taʼu dhiirri,
Daaʼima yoo godhattu dubartiin,
Haa yaadatan kansaanii qofa
Akkaʼn taane daaʼimni sun.
Yihowaatu isaaniif kenne;
Inni Madda lubbuuf jaalalaa ti.
Warraaf qajeelfama ni kenna,
Akka jiraatan ogummaatti.
(BUUSAA)
Kennameera ʼsiniif adaraan;
Isin harka jira lubbuun.
Qajeelfama Waaqaatiin gorsaa;
Waa hundarra kanatʼ dursa.
-
2. Ajajni Yihowaa hundi
Garaa keessan keessa taaʼuu qaba.
Dubbii kana isaanittʼ himuun,
Isinirraa ni eegama.
Karaarratti, mana keessatti,
Yoo ciistan yoo kaatan itti himaa.
Yeroo guddatan yaadatanii,
Haa qabaatan amanamummaa.
(BUUSAA)
Kennameera ʼsiniif adaraan;
Isin harka jira lubbuun.
Qajeelfama Waaqaatiin gorsaa;
Waa hundarra kanatʼ dursa.
(Dabalataan, Kes. 6:6, 7; Efe. 6:4; 1 Xim. 4:16 ilaali.)