Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 137

Dubartoota Amanamoo

Dubartoota Amanamoo

(Roomaa 16:2)

  1. 1. Asteer, Maariyaam, Ruut, Saaraa fi warri kaan,

    Dubartoota ogummaa qaban turan.

    Amanamootaa fi Waaqaaf kan bulan.

    Dubartoota kana maqaadhaan beekna.

    Kaanis jiru, beekuu baannus maqaa;

    Amanamoo turan kan jaallatan Waaqa.

  2. 2. Gaarummaan, ija jabinniif jaalalli,

    Amalawwan kun hunda gammachiisu;

    Dubartoota kana nu yaadachiisu.

    Fakkeenya gaarii turan, isaan jajna.

    Harʼas dubartoonni Kiristiyaanaa,

    Amanamummaadhaan nuuf taʼu fakkeenya.

  3. 3. Haadha, intala, niitii, obboleettii

    Taatanii fedhaan gaʼee keessan baatu.

    Waaqni ʼsin jaallata hin sodaatinaa;

    Gad of deebistu, garaadhaa bitamtu.

    Yaa obbolaa, Waaqni isin faana;

    Amantiidhaan cimtu, badhaasa argattu.