Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 138

Bareedina Harrii

Bareedina Harrii

(Fakkeenya 16:31)

  1. 1. Nu gidduutti argamu,

    Warri dullooman.

    Obsaan dandaʼaniiru;

    Harka hin kennan.

    Humna dhabuu dandaʼu;

    Hiryaanis duʼuu.

    Amantiisaanii argiif

    Jireenya kenniif.

    (BUUSAA)

    Ati ni yaadatta

    Amantiisaanii.

    Isaan jajjabeessi;

    “Ishoo!” jedhiini.

  2. 2. Qajeelinaan argamnaan

    Ulfina harriin.

    Waaqayyoof ni bareedu

    Warrʼ amanamoon.

    Isaanis kanaan dura

    Dargaggoo turan.

    Yeroo jabina qaban

    Waan wayyu kennan.

    (BUUSAA)

    Ati ni yaadatta

    Amantiisaanii.

    Isaan jajjabeessi;

    “Ishoo!” jedhiini.