Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 146

“Wantoota Hundumaa Haaraa Nan Godha”

“Wantoota Hundumaa Haaraa Nan Godha”

(Mulʼata 21:1-5)

  1. 1. Ilmi Yihowaa ulfinaan muudame,

    Mallattoon barichaa kana hime.

    Samiin qullaaʼe, diinni qaanaʼe,

    Laftis qulqullaaʼuuf yeroon gaʼe.

    (BUUSAA)

    Gammadaa Waaqni nu faana,

    Nu gidduu dhaaba dunkaana.

    Dhibee fi dhiphinni hin jiraatu,

    Gaddii fi duuti nurraa fagaatu.

    ‘Nan haaressa’ jedhe ‘waan hundumaa;’

    Dhugaa dha amanamaa.

  2. 2. Yerusaalem haaraa haa argan hundi,

    Misirroon hoolichaa ni ibsiti.

    Dhirsashiif faayaadhaan bareeddeetti;

    Yihowaa qofatu ibsaashii ti.

    (BUUSAA)

    Gammadaa Waaqni nu faana,

    Nu gidduu dhaaba dunkaana.

    Dhibee fi dhiphinni hin jiraatu,

    Gaddii fi duuti nurraa fagaatu.

    ‘Nan haaressa’ jedhe ‘waan hundumaa;’

    Dhugaa dha amanamaa.

  3. 3. Gammachuu namootaa ti magaalaan tun.

    Karreenshii banaa dha guyyaaf halkan.

    Ifashiitu saboota geggeessa;

    Sabni Waaqaas kana calaqqisa.

    (BUUSAA)

    Gammadaa Waaqni nu faana,

    Nu gidduu dhaaba dunkaana.

    Dhibee fi dhiphinni hin jiraatu,

    Gaddii fi duuti nurraa fagaatu.

    ‘Nan haaressa’ jedhe ‘waan hundumaa;’

    Dhugaa dha amanamaa.

(Dabalataan, Mat. 16:3; Mul. 12:7-9; 21:23-25 ilaali.)