FAARFANNAA 148
Yihowaan Nu Oolcha
-
1. Yihowaa, jiraataa taʼuu kee mulʼiste;
Lafa, samiif garba,
hojii keetiin guutte.
Waaqni siin wal qixxaachuu
dandaʼu hin argamu.
Diinonni ni dhumu.
(BUUSAA)
Yihowaan amanamoo ni hambisa.
Sabasaaf dawoo taʼuusaa argisiisa.
Sodaa malee waaʼee Yihowaa
amantiidhaan ni beeksisna;
Fayyisaa keenya,
ni jajanna.
-
2. Hidhaa duʼaatiin xaxamus sin waammadha,
“Sodaa koo balleessi,
na jabeessin” jedha.
Iddoo jireenyaa keetii
dhagaʼi kadhannaa koo,
Na oolchi Waaqa koo.
(BUUSAA)
Yihowaan amanamoo ni hambisa.
Sabasaaf dawoo taʼuusaa argisiisa.
Sodaa malee waaʼee Yihowaa
amantiidhaan ni beeksisna;
Fayyisaa keenya,
ni jajanna.
-
3. Samiirraa sagalee
guddaa dhageessista.
Diinonni ni romʼu;
sabni kee si faarsa.
Ati waan feete taʼuu
ni dandeessa;
Fayyisaa taʼuu kee mulʼista.
(BUUSAA)
Yihowaan amanamoo ni hambisa.
Sabasaaf dawoo taʼuusaa argisiisa.
Sodaa malee waaʼee Yihowaa
amantiidhaan ni beeksisna;
Fayyisaa keenya,
ni jajanna.
(Dabalataan, Far. 18:1, 2; 144:1, 2 ilaali.)