Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 149

Faarfannaa Injifannoo

Faarfannaa Injifannoo

(Baʼuu 15:1)

  1. 1. Yihowaa faarsaa. Maqaansaa guddaan ulfaateera.

    Gibxoota of tuulan, galaanatti gateera.

    Yaahiin jajadhaa;

    Hin jiru kan isaan qixxaatu.

    Yihowaa dha inni;

    Isa kan injifatu.

    (BUUSAA)

    Yaa Yihowaa, kan caaltu hunda,

    Baruma baraan ati sanuma,

    Diinota kee dhihootti kuffistee

    Maqaan kee qulqulleeffama.

  2. 2. Saboonni hundi Waaqa Olaanaa ni morkatu.

    Faraʼoon caalanis,

    Isaanis ni salphatu.

    Itti murteessa;

    Armaagedoonitti balleessa.

    Ni hubatu maqaansaa

    Yihowaa taʼuusaa.

    (BUUSAA)

    Yaa Yihowaa, kan caaltu hunda,

    Baruma baraan ati sanuma,

    Diinota kee dhihootti kuffistee

    Maqaan kee qulqulleeffama.