FAARFANNAA 155
Burqaa Gammachuu Dhugaa
1. Fagootti argina urjii
Samiirra guutee.
Simboo halkanii fi guyyaa
Jaalalaan uumte.
Lafaaf galaana harka keen
Uumte, waan uumte hundattis
Baayʼee gammadde.
(BUUSAA)
Gammachuu laatte uumamaaf,
Waadaa galte nu fayyisuuf,
Jannatatti nu galchuuf.
Bara baraaf nu jaallatta;
Kana qabeenyi dhaabbataan.
Burqaan gammachuu dhugaa,
Si qofa Yihowaa.
2. Waan gammachuuf barbaachisu
Hunda nuu laatte;
Waan ijaaf gurratti tolu,
Lafarra guutte.
Hunda uumte mudaa malee
Duʼuu hin fedhu eenyullee,
Gammachuu qabna.
(BUUSAA)
Gammachuu laatte uumamaaf,
Waadaa galte nu fayyisuuf,
Jannatatti nu galchuuf.
Bara baraaf nu jaallatta;
Kana qabeenyi dhaabbataan.
Burqaan gammachuu dhugaa,
Si qofa Yihowaa.
(CEESISA)
Bara baraaf haa gammannuuf
Yesuus ergame.
Aarsaansaa gammachuu keenyaaf
Gatii taʼee kaffalame.
(BUUSAA)
Gammachuu laatte uumamaaf,
Waadaa galte nu fayyisuuf,
Jannatatti nu galchuuf.
Bara baraaf nu jaallatta;
Kana qabeenyi dhaabbataan.
Burqaan gammachuu dhugaa,
Si qofa Yihowaa.
(BUUSAA)
Gammachuu laatte uumamaaf,
Waadaa galte nu fayyisuuf,
Jannatatti nu galchuuf.
Bara baraaf nu jaallatta;
Kana qabeenyi dhaabbataan.
Burqaan gammachuu dhugaa,
Si qofa Yihowaa.
(Dabalataan Far. 37:4; 1 Qor. 15:28 ilaali.)