Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 22

Mootummichi Inni Bulchuu Jalqabe haa Dhufu!

Mootummichi Inni Bulchuu Jalqabe haa Dhufu!

(Mulʼata 11:15; 12:10)

  1. 1. Yaa Yihowaa kan jiraattu,

    Yoomiyyuu kan turte.

    Ajaja keetiin geggeessa;

    Ilma kee moosiste.

    Hundeessite Mootummicha;

    Guutummaa lafaa ni bulcha.

    (BUUSAA)

    Fayyinnii fi aangoon

    Mootummaanis taʼe amma.

    Mootummaan hundaaʼe.

    “Haa dhufu!” jennee kadhanna.

  2. 2. Seexanni gad darbatame;

    Baayʼise rakkina.

    Yeroon kun dhiphisaa taʼus,

    Abdii dhugaa qabna.

    Hundeessite Mootummicha;

    Guutummaa lafaa ni bulcha.

    (BUUSAA)

    Fayyinnii fi aangoon

    Mootummaanis taʼe amma.

    Mootummaan hundaaʼe.

    “Haa dhufu!” jennee kadhanna.

  3. 3. Maleekonni ni gammadu

    Gammachuun faarfatu.

    Samiin qulqulleeffameera

    Seexanaaf sobarraa.

    Hundeessite Mootummicha;

    Guutummaa lafaa ni bulcha.

    (BUUSAA)

    Fayyinnii fi aangoon

    Mootummaanis taʼe amma.

    Mootummaan hundaaʼe.

    “Haa dhufu!” jennee kadhanna.

(Dabalataan, Dan. 2:34, 35; 2 Qor. 4:18 ilaali.)