Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 30

Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo

Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo

(Ibroota 6:10)

  1. 1. Jireeny’ addunyaa kanaa,

    Guutameera rakkoo hedduudhaan.

    Taʼus anaaf gaarii dha,

    Lubbuudhaan jiraachuun.

    (BUUSAA)

    Jalʼaa miti Waaqayyo,

    Jaalala koo hin irraanfatu.

    Yeroo hunda na faana;

    Kophaa taʼuun hin jiraatu.

    Anaaf godha eegumsa;

    waan barbaachisu naaf dhiheessa.

    Waaqa koo ti, Abbaa koo ti;

    Michuu koo ti.

  2. 2. Dargaggummaan koo darbe;

    Yeroo rakkisaan natti dhufe.

    Taʼus abdiin an qabu,

    Nattʼ argama ifee.

    (BUUSAA)

    Jalʼaa miti Waaqayyo,

    Jaalala koo hin irraanfatu.

    Yeroo hunda na faana;

    Kophaa taʼuun hin jiraatu.

    Anaaf godha eegumsa;

    waan barbaachisu naaf dhiheessa.

    Waaqa koo ti, Abbaa koo ti;

    Michuu koo ti.

(Dabalataan, Far. 71:17, 18 ilaali.)