Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 34

Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu

Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu

(Faarfannaa 26)

  1. 1. Yaa Yihowaa, maaloo naa faradi;

    Qulqullummaa kiyyaaf amantii koo yaadi.

    Eenyummaa koo, keessa koo ilaali;

    Akkan eebbifamuuf, garaa koo calali.

    (BUUSAA)

    An gama koon, murtoo cimaa godhe;

    amanamummaadhaan jiraachuuf kakadhe.

  2. 2. An hin taaʼu hamoof sobduu wajjin.

    Michuu hin godhadhu warra dhugaa jibban.

    Adaraa kee lubbuu kooʼn balleessin,

    Mattaʼaa fi lola kan jaallatan wajjin.

    (BUUSAA)

    An gama koon, murtoo cimaa godhe;

    amanamummaadhaan jiraachuuf kakadhe.

  3. 3. An mana kee baayʼee jaalladheera.

    Waaqeffannaa kee yoomiyyuu nan deggera.

    Naannaʼuudhaan iddoo aarsaa keetti,

    Galatan siif qabu nan hima hundatti.

    (BUUSAA)

    An gama koon, murtoo cimaa godhe;

    amanamummaadhaan jiraachuuf kakadhe.

(Dabalataan, Far. 25:2 ilaali.)