Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 37

Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajiluu

Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajiluu

(Maatewos 22:37)

  1. 1. Yaa Yihowaa Gooftaa guddaa,

    Nan ajajama sin jaalladha.

    Guutummaattan siif jiraadha;

    Waaqa koo ti; siifan hojjedha.

    Seera kee yoomiyyuun hordofa;

    Jaalala koo ittan fufa!

    (BUUSAA)

    Yaa Yihowaa siif ni mala;

    Garaa guutuun si tajaajila.

  2. 2. Hojiiwwan kee ol si kaasu.

    Laftiif samiin waaʼee kee labsu.

    Anis maqaa kee himuudhaan

    Nan jiraadha amanamummaan.

    Sin tajaajila lubbuu guutuun,

    Nan deddeebiʼa dhugaadhaan.

    (BUUSAA)

    Yaa Yihowaa siif ni mala;

    Garaa guutuun si tajaajila.