FAARFANNAA 42
Kadhannaa Tajaajilaa Waaqayyoo
-
1. Waaqa guddaa, Yihowaa Olaanaa,
Maqaan kee akka qulqullaaʼu feena.
Akka taʼu goota waan hunda.
Mootummaa kee fiduuf yeroo qabda;
Akka dhufu kadhanna;
Eebba fidu eegganna.
-
2. Galatoomi eebba guyyaa guyyaaf;
Kennaa gaarii sirraa argannu hundaaf.
Burqaa jireenyaa fi ifaa ti;
Beekumsaaf ogummaa laatta ati.
Jaalala kee ni beekna;
Galata siif galchina.
-
3. Sirna kana keessa ni rakkanna;
Abdiif jajjabina sirraa barbaanna.
Baʼaa keenya sirratti ganna.
Cimuuf nuu kenni fedhiif jabina.
Waadaa siif ajajamuuf
Galle eeguu barbaanna.
(Dabalataan, Far. 36:9; 50:14; Yoh. 16:33; Yaq. 1:5 ilaali.)