Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 44

Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee

Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee

(Faarfannaa 4:1)

  1. 1. Yihowaa ‘kadhata koo

    dhagaʼi’ sin waammadha.

    Madaan koo dafee hin fayyu;

    baʼaan koos cimaa dha.

    Yaanni nama cabsuu fi

    abdiin sobaa na miidhe.

    Yaa Waaqa jajjabinaa

    naa hili sin abdadhe.

    (BUUSAA)

    Ol na kaasi, na jabeessi.

    Abdii koo naaf mirkaneessi.

    Boolla keessaa ana baasi.

    Yaa Yihowaa na haaromsi.

  2. 2. Yeroon dadhabetti Dubbiin

    kee naaf taʼe dawoo;

    Miira keessa kootii jechaan

    ibsuu hin dandaʼu.

    Na keessa kaaʼi amantii

    Dubbii keerraa maddu.

    Jaalalli kee garaa koorra

    akka caalu hedduu.

    (BUUSAA)

    Ol na kaasi, na jabeessi.

    Abdii koo naaf mirkaneessi.

    Boolla keessaa ana baasi.

    Yaa Yihowaa na haaromsi.