Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 48

Guyyaa Guyyaadhaan Yihowaa Wajjin Deddeebiʼuu

Guyyaa Guyyaadhaan Yihowaa Wajjin Deddeebiʼuu

(Miikiyaas 6:8)

  1. 1. Abbaa keenya harka qabnee,

    Wajjin deemna gad of deebisnee.

    Warra jaallatan daandiisaa

    Gaarummaa guddaa argisiisa.

    Nuuf godheera qophii danuu;

    Harkasaa akka qabnu.

    Kanaafuu of murteessina,

    Yihowaa cinaa dhaabbanna.

  2. 2. Guyyaan dhumaa dhihaateera,

    Diinni keenyas baayʼee aareera.

    Kanaaf mormiin nurra gaʼa,

    Sodaannee dhugaa dhiisna taʼa.

    Garuu Waaqatti maxxannaan,

    Eegumsasaa arganna.

    Amanamoota taʼuudhaan,

    Bara baraaf tajaajilla.

  3. 3. Waaqni nu gargaaraa jira,

    Dubbiisaa fi hafuurasaatiin,

    Karaa gumii Kiristiyaanaa,

    Kadhannaa keenyas dhagaʼuudhaan.

    Waaqa wajjin deddeebinaan,

    Waan sirrii akka goonu,

    Amanamoo akka taanu,

    Godha akka gad of qabnu.

(Dabalataan, Uma. 5:24; 6:9; 1 Mot. 2:3, 4 ilaali.)