Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 5

Hojii Waaqayyoo Isa Dinqisiisaa

Hojii Waaqayyoo Isa Dinqisiisaa

(Faarfannaa 139)

  1. 1. Yaa Waaq, taaʼuuf deemuu koo beekta.

    Ciisuu fi kaʼuu koo ni argita.

    Yaada koo fi keessa koo ni ilaalta,

    jecha koo fi adeemsa koos

    ati beekta.

    Yoon dhoksaan tolfamu argite

    Lafee koo tokko tokkoon lakkoofte.

    Jalqabni koo si biratti galmaaʼe.

    Hojiin kee na dinqa

    humna guddaa qabda.

    Beekumsi kee dinqii dha, ajaaʼiba;

    Lubbuun koo beeka kana hundumaa.

    Yoon jedhellee, ‘Dukkanni na haguuga’

    Hafuurri kee achittis na arga.

    Eessattan si jalaa dhokadha?

    Ija keerraa garaman baqadha?

    Awwaala keessas, samii gubbaas taʼu,

    Galaana keessas dhokachuu

    hin dandaʼu.

(Dabalataan, Far. 66:3; 94:19; Er. 17:10 ilaali.)