FAARFANNAA 51
Waaqaaf Of Murteessineerra!
-
1. Yihowaan Kiristoositti nu harkisee
Barattootasaa nu taasise.
Teessoo Yihowaa irraa,
Ifni gad ifaa jira.
Amantiin keenya cime;
Lubbuu kennuuf qophoofne.
(BUUSAA)
Filannoo keenyaan Waaqayyoof of kennine.
Isaa fi Yesuusitti gammanne.
-
2. Kadhataan dhihaannee isa tajaajiluuf
Fedhii akka qabnu ittʼ himne.
Gammachuu guddaa qabna,
Misiraachoo ni himna,
Maqaasaatiin waamamna,
Mootummicha lallabna.
(BUUSAA)
Filannoo keenyaan Waaqayyoof of kennine.
Isaa fi Yesuusitti gammanne.
(Dabalataan, Far. 43:3; 107:22; Yoh. 6:44 ilaali.)