Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 52

Of Murteessuu

Of Murteessuu

(Ibroota 10:7, 9)

  1. 1. Uumamawwan jiran hunda

    Waan uumeef Yihowaan,

    Hundi hojii harkasaa ti,

    Laftis taʼe samiin.

    Isaan lubbuudhaan jiraanna;

    Ni galateeffanna.

    Waaqeffatamuu akka qabu,

    Hojiisaarraa hubanna.

  2. 2. Yesuus bishaaniin cuuphamee

    Waaqaaf ajajame.

    ‘Fedha kee raawwachuun dhufe’

    Jedhee Abbaattʼ hime.

    Ilmasaa dibame taʼee

    Bishaan keessaa baʼe;

    Ajajamaaf amanamaa dha,

    Fedha abbaasaa godha.

  3. 3. Yihowaa maqaa kee jajuuf,

    Si dura dhaabbanna.

    Of ganuuf gad of qabuudhaan,

    Siif of murteessina.

    Tokkicha Ilma kee laatte,

    Lubbuusaa nuu kenne.

    Siif jiraanna, duunus siif duuna,

    Lubbuu keenya siif laanne.

(Dabalataan, Mat. 16:24; Mar. 8:34; Luq. 9:23 ilaali.)