Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 57

Akaakuu Namootaa Hundumaaf Lallabuu

Akaakuu Namootaa Hundumaaf Lallabuu

(1 Ximotewos 2:4)

  1. 1. Wal hin caalchisu Yihowaan nama;

    Nutis isa fakkaachuu barbaanna.

    Nama hunda fayyisuu barbaada;

    Nama akkamiiyyuu ni simata.

    (BUUSAA)

    Nama dha kan barbaannu;

    Fuula ʼlaallee hin loognu.

    Ergaa Yihowaa himna hundatti.

    Warra kaaniif waan yaannuuf,

    Eessattuu ni lallabna,

    “Michuusaa taʼuu dandeessu” jenna.

  2. 2. Eessayyuu yoo taʼe kan jiraatan,

    Jalqaba maaliyyuu yoo fakkaatan,

    Iddoo guddaa kan qabu garaa dha;

    Yihowaan keessasaanii barbaada.

    (BUUSAA)

    Nama dha kan barbaannu;

    Fuula ʼlaallee hin loognu.

    Ergaa Yihowaa himna hundatti.

    Warra kaaniif waan yaannuuf,

    Eessattuu ni lallabna,

    “Michuusaa taʼuu dandeessu” jenna.

  3. 3. Nama kutaa addunyaa hin taane,

    Yihowaan gammachuudhaan simata.

    Kana beekna, himuus ni barbaanna;

    Lallabuudhaan beeksisna namoota.

    (BUUSAA)

    Nama dha kan barbaannu;

    Fuula ʼlaallee hin loognu.

    Ergaa Yihowaa himna hundatti.

    Warra kaaniif waan yaannuuf,

    Eessattuu ni lallabna,

    “Michuusaa taʼuu dandeessu” jenna.